1Iyoob afaan isaa saaqqatee, guyyaa dhaloota isaa in abaare.
2Iyoob dubbatee,
3?Guyyaan ani itti dhaladhe haa balleeffamu! Halkan itti, ?Ilmatu garaatti hafe? jedhame sunis haa balleeffamu*!
4Guyyaan sun dukkana haa ta'u! Waaqayyo waaqa irraa gad isa hin ilaalin, ifnis isa irratti hin ifin!
5Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, ?Ati kan keenya? isaan haa jedhan! Duumessi isa irra haa buufatu! Dukkanni guyyicha dukkaneessu, isa haa naasisu![8]
6?Halkanicha dukkanni limixiin haa qabatu! Guyyoota waggaa keessatti hin dabalamin! Lakkoobsa ji'aattis hin galin!
7Halkan sun maseena haa ta'u! Isattis ililleen hin dhaga'amin!
8Warri guyyaa abaaran, warri Lewaataanin kaasuudhaaf qophaa'anis halkan sana haa abaaran!
9Urjoonni dimimmisa gaafasii ba'an haa dukkanaa'an! Halkan sun ifa haa eeggatu, garuu isa hin argatin! Boruu baqaqus hin argin!
10Innoo balbala gadameessa haadha kootii hin cufne, rakkinas ija koo duraa hin dhoksine.
11?Maaliifan gadameessa keessatti hin du'in! Gadameessa keessaa yommuun ba'es maaliifan badduu hin ba'in?
12Gudeedi haadha kootii maaliif na baate? Harma ishees maaliifan hodhe?
13Silaa yoona kana calluma jedhee nan ciisa, rafees nan boqodhan ture;
14moototaa fi gorsitoota lafaa, warra iddoowwan isaan ijaarratanii turan duraa diigamanii wajjin,
15gurguddoota biyyaa warra warqee qaban, warra manneen isaanii keessa meetiin guutee ture wajjin nan boqodhan ture.
16Yookiis maaliifan akka isa du'ee garaadhaa ba'ee balleeffamee, akka daa'imota raawwatanii ifa hin argin hafanii hin ta'in*?
17Achitti namoonni jal'oonni gooluu isaanii in dhiisu, kan dadhabanis achitti in boqotu;
18warri booji'aman achitti walii wajjin nagaa qabu, sagalee warra humnaan isaan hojjechisanii achitti hin dhaga'an;
19xinnaa fi guddaan achi jira, garbichi harka gooftaa isaatii jalaa ba'eera*.[9]
20?Maaliif warra rakkina keessa jiraniif ifni, warra jireenyi itti hadhaa'eefis jireenyi kennama?
21Warra du'a eeggannaan, warra badhaadhummaa dhokfame qotanii barbaadan caalaattis du'a barbaannaan, isaaniif dhufuu dideef*,
22warra awwaala bira yommuu ga'an, sagalee gammachuu dhageessisanii baay'ee gammadaniif,
23nama karaan jalaa dhokfameef, nama Waaqayyo naannessee karaa itti cufeef, maaliif jireenyi kennamaaf*?
24Gaddi koo akkuma buddeenaa anaaf dhufa, aadnaan koos akkuma bishaanii dhangala'a*.[10]
25?Wanti ani sodaadhe ana irra ga'e, wanti ana naasisu anatti dhufe;
26ani raafama duwwaa malee nagaa hin qabu, gabii hin qabu, boqonnaas hin qabu? jedhe.