Macaafa Iyoob 30:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1?Amma garuu warri na booddee ta'an anatti in kolfu, isaanis warra ani bara baay'eedhaaf abboonni isaanii saroota bushaayee koo eeganii wajjin akka hin teenyeef illee tuffadhee dha*.

2Abboonni isaanii kun, humni isaan ittiin hubatan erga irraa darbe, jabinni irree isaanii anaaf maal godha?

3Dhabaa fi beela irraa kan ka'e goganiiru, isaan lafa gogaa, onaa fi qoddii in qorqu.

4Biqiltuu lafa soogiddaa huuxxii wajjin in buqqifatu, hidda muka hadhaa'aas nyaata isaanii in godhatu.

5Namoota gidduudhaa baafamaniiru, namoonnis akka hattuutti isaanitti in iyyu.

6Fottoqaa lafaa keessa, kattaa gidduu, boolla lafaa keessas jiraachuun giddii isaanitti ta'e.

7Huuxxii keessaa akka harree in alaakan, huuxxii qoraattii jalatti walitti in tuuta'an.

8Ilmaan gowwootaa, ilmaan warra maqaa hin qabnee, biyya keessaa oofamaniiru.[96]

9?Ammas ani muka weedduu isaanii ti, muka mammaaksa isaaniis nan ta'e*.

10Isaan ana ciigga'anii anattii in fagaatu, fuula kootti tufuufis hin seesan*.

11Waaqayyo fo'aa iddaa kootii laafisee, waan gad na deebiseef, isaan immoo wanta isaan ittisu fuula koo duratti of irraa in gatan.

12Gara harka koo mirgaatiin tuuta toora hin qabnetu ka'a, isaan miilla koo karaa irraa kaachisu, karaa isaanii isa badiisaas ana dura in kaa'u;

13isaan karaa koo in kutu, na balleessuudhaaf rakkina anatti in baay'isu namni isaan dhowwus hin jiru.

14Akka waan qaawwa bal'aa keessa darbaniitti in dhufu, ona caccabaa jalaanis gad in konkolaatu.

15Naasuun akka lollaatti ana irra ba'u, ulfinni koo akka waan qilleensi fudhateetti ana irraa in sokke; qabeenyi koo akka duumessaatti ana irraa in darba.[97]

16?Ammas lubbuun koo na keessaa ba'uuf jetti, guyyoonni rakkinaas na qabatan.

17Dhukkubni halkan lafee koo in ura, ana irraas in harcaasa; dhukkubni nyaataa koos ana hin dhaggeeffatu.

18Humna dhukkuba kootii isa guddaadhaan uffanni koo bifa bade, dhukkubni koo kun akka mormi kittaa nama qabutti na qabe.

19Inni dhoqqee keessatti na darbate, anis gad deebi'ee akka biyyoo fi daaraa nan ta'e;

20yaa Waaqayyo, ani sittan iyyadhe, ati garuu anaaf hin deebifne; ani nan dhaabadhe, ati garuu calluma jettee na ilaalte*.

21Ati gara-jabinaan anatti gara galte, aangoo irree keetiinis na dhoofte.

22Ati isas akkan yaabbadhu na goote, gara qilleensaatti ol na fuute, bubbee keessatti immoo na aate.

23Gara du'aatti, gara mana warri jiraatan hundinuu itti wal ga'aniittis akka ati na geessitu anuu beeka*.[98]

24?Haa ta'u iyyuu malee, warri hiyyeessonni rakkina isaanii keessatti, firdii dhugaadhaaf yeroo gara kootti iyyatan, ani ciqilee isaan irra dhaabbadhee beekaa ree?

25Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee ree? Warra deegaadhaafis garaan koo hin gaddinee ree*?

26Yeroo ani waan gaarii abdadhetti hamaatu dhufe, yeroo ani ifa eeggadhetti dukkanatu dhufe.

27Yaaddoonii fi dhiphinni garaa koo in gube, takkaas gab anatti hin jenne, guyyoonni rakkinaas tarree galanii na dura jiru*.

28Anis aduuttii fagaadheen gaddaa adeema, wal ga'ii keessa ijaajjees gargaarsaaf nan iyya.

29Ani akka waangoo addaan baatee boossuu, akka guchii goromtii lafa duwwaa keessaas kopha-galeessa nan ta'e*.

30Gogaan dhagna koo ana irratti gurraaca'e, lafeen koos ho'aan in gubate*.

31Kiraarri sirba koo sagalee boo'ichaatti, ululleen koos sagalee wawwaannaatti in geddarama.[99]

>