Macaafa Iyoob 31:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1?Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree*?

2Gubbas Waaqayyo biraa qoodni namaa maali? Gara irraa sanaas isa hundumaa danda'u biraa dhaalli namaa maali?

3Badiifni warra jal'ootaaf, adabni jabaanis warra irra-daddarbaa hojjetaniif mitii ree*?

4Waaqayyo karaa koo hin arguu ree? Tarkaanfii koo hundumaas hin lakkaa'uu ree*?

5Sobaan adeemeera yoon ta'e, miilli koos gowwoomsaatti ariifatee yoo jiraate,

6balleessaa dhabuu koo akka beekutti, Waaqayyo madaalii qajeelaatiin ana haa miijanu!

7Faanni koo karaa irraa jal'ateera yoo ta'e, garaan koo ija koo duukaa bu'eera yoo ta'e, harka koottis cubbuun qabateera yoo ta'e,

8wanta ani facaase namoonni biraa haa nyaatan, inni anaaf biqiles haa buqqa'u*![100]

9?Garaan koo dubartiidhaan sossobamee yoo jiraate, balbala namaa ciisee haadha manaa isaa eeggadhee yoon jiraadhe*,

10haati manaa koo nama biraaf haa daaktu, namni biraas ishee wajjin haa ciisu*!

11Wanti kun yeellaasisaa dha, abboota firdii durattis yakka adabsiisuu dha*;

12kun ibidda gubee xaph godhuu dha, biqiltuu koo hundumaa hamma hiddaati gad in guba.[101]

13?Hojjetaan koo yookiis hojjettuun koo anaa wajjin komee qabaatanii, dubbii isaan dhi'eeffatan tuffadheera yoon ta'e*,

14yommuu Waaqayyo firdiidhaaf ka'u, ani maal gochuufan jira ree? Yommuu inni na gaafatus maalan isaaf deebisa ree?

15Isuma garaa haadha koo keessatti na uumetu isaan uume mitii ree? Gadameessa keessattis kan nu tolche isuma mitii ree*?[102]

16?Hiyyeessota waan isaan hawwan dhowwadhee yoon jiraadhe, dubartii abbaan manaa irraa du'es waa dhabdee boo'uu isheetiin iji ishee akka dadhabu godheera yoon ta'e*,

17ani huraa buddeena kootii nama dhowwadhee yoon jiraadhe, isa abbaan irraa du'eenis hin geenye yoon ta'e,

18inni abbaan irraa du'e sun dargagummaa kootii jalqabee akka nama abbaa biratti guddateetti ana biratti guddate, ani immoo erguma inni garaa haadha isaatiitii ba'es, isa nan gorsa.

19Ani nama uffata dhabee du'uuf jedhu, yookiis hiyyeessa waan of irra buusu hin qabne yommuun arge,

20uffata rifeensa hoolaa kootii irraa hojjetame itti uffifnaan, itti ho'ee garaan isaa ana hin eebbifne yoo ta'e*,

21karra kellaa mandaraa duratti dubbadhee dhageessifachuu koo beeke, isa abbaan irraa du'etti harka koo ol fudhadheera yoon ta'e,

22ceekuun koo gatiittii koo wajjin wal haa gad-dhiisu! Harki koos buusaa isaatti haa cabu!

23Dha'ichi Waaqayyo biraa anatti dhufe waan na naasiseef, sodaa surraa isaa irraa kan ka'e waan tokko gochuu hin dandeenye*.[103]

24?Ani warqee abdii koo godhadhee, warqee qullaa'aadhaanis, ?Amanannaa koo ti? jedhee yoon jiraadhe*,

25badhaadhummaan koo guddaa waan ta'eef, harki koos baay'ee waan argateef gammadee yoon jiraadhe,

26yeroo aduun ibsitutti, yeroo ji'i ulfinaan adeemtuttis isaaniif sagaduudhaaf gara isaanii ilaaleera yoon ta'e*,

27garaan koo dhoksaadhaan gowwoomfamee, ulfina isaaniif harka koo dhungadheera yoon ta'e,

28ani gubasitti Waaqayyo duratti sobduu nan ta'an ture, kunis yakka namatti farachiisu in ta'a.[104]

29?Ani badiisa nama na jibbuutti gammadee, hamaan yeroo isa argatettis ol of qabee yoon jiraadhe*,

30lubbuu isaa irratti qorobuudhaan, afaan koo cubbuu akka dubbatu godheera yoon ta'e*,

31namni mana kootii, ?Buddeena isaa nyaatee kan hin quufin eenyutu jira?? hin jenne yoo ta'e*,

32ani warra kara-adeemtuudhaaf illee balbala koo nan bane malee, keessummaan karaa keessa hin bulle*;

33ani yakka koo garaa keessa dhokfachuudhaan, akka namoota warra kaanii irra-daddarbaa koo haguugee yoon jiraadhe,

34tuuti baay'een ana haa sodaachisu, ceephoon qomoos ana haa naasisu! Yommus calluma nan jedha, manaas gad hin ba'u.[105]

35?Maaloo, utuun nama anaaf dhaga'uu qabaadhe, kun fiirmaa koo ti, inni hundumaa danda'u anaaf haa deebisu! Hadheessa sana immoo maaloo caaffataan utuun argadhee*!

36Silaa ani dhuguma gatiittii koo irratti isa nan baadha, akka gonfoottis nan kaa'adhan ture;

37ani lakkoobsa tarkaanfii koo hundumaa isatti nan hima, akka guddaa biyyaattis isatti nan dhi'aadha;

38lafti koo yoo ana irratti iyye, bo'oowwan isaas wal ga'anii yoo ba'an,

39ani ija inni kennu tola nyaadhee, abbaan lafichaas akka du'u godhee yoon jiraadhe,

40qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus tuufoon haa biqilu!? jedhe. Dubbiin Iyoob as irratti in raawwatame.[106]

>