14Waaqayyo namatti gara galee,hafuura isaa fi hafuura isa namatti baafate sanautuu deebifate,
15uumamni hundinuuergaan takkaa in bada,namnis gara biyyoottiin deebi'a ture*.[118]
16?Amma immoo yoo hubatteef kana dhaga'i!Dubbii ani dubbadhus dhaggeeffadhu!
17Wanta qajeelaa ta'e namni jibbu in mo'aa ree?Yookiis ati Waaqayyoonisa qajeelaa fi danda'aa in hammeessitaa ree*?
18Mootiidhaan, ?Ati waa'ee hin baaftu?[119],guddaa biyyaatiinis, ?Ati jal'aa dha?kan jedhu isa.
19Hundumti isaanii hojii harka isaatiiwaan ta'aniif,inni gurguddootaaf hin loogu,sooressas hiyyeessa caalaatti hin ilaalu*.
20Isaan battalatti in dhumu,halkan walakkaas sabni raafamee in dhuma,humna-qabeeyyiinisharki utuu itti hin bu'in in fuudhamu*.[120]
21?Iji isaa gara karaa namaa in ilaala,tarkaanfii isaa hundumaas in arga*.
22Halkanii fi dukkanni sodaachisaan,lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin jiru*.
23Namni si'achifirdiif fuula isaa durattiakka dhi'aatuufis,Waaqayyo dhaaba gochuufii isa hin barbaachisu;
24humna-qaboota qorannaa maleecaccabsee in hurreessa,kan biraas iddoo isaanii in buusa*.
25Inni waan isaan hojjetan waan beekuuf,halkanuma sana gara isaan in gaggalcha,isaanis akkasitti in bulleeffamu.
26Inni warra jal'oota gidduutti,lafa namni arguttiisaan in rukuta;
27sababiin isaas isaanisa duukaa bu'uu dhiisaniiwaan gara galaniif,karaa isaas waan hin hubanneef.
28Boo'ichi warra hiyyeessaa gara isaaakka dhaqu in godhan,innis boo'icha warra rakkatoo in dhaga'e*.
29Egaa utuu inni calluma jedhe,eenyutu isa hadheessa ree?Utuu inni fuula isaa dhokse,eenyutu isa arguu danda'a ree?Inni saba irratti, nama irrattis akkasuma,
30warra namoota sana gowwoomsan keessaa,nama Waaqayyo malee jiraatu tokko mootii in godha.[121]
31?Namni Waaqayyoon,?Ani adaba koo nan fudhadha,deebi'ee immoo hin yakku!
32Wanta ani hin argine,ati na barsiisi!Wanta qajeelaa hin ta'in hojjedheera yoon ta'e immoo,lammaffaa itti hin deebi'u!?jedhe jiraa ree?
33Egaa sababii ati tuffatteef,Waaqayyo akka yaada keetti deebisaa ree?Isa situ fo'achuun ta'a maleeana miti,kanaaf ati waan beektu dubbadhu!
34Namoonni qalbii qaban,warri ogeessonni na dhaggeeffatanis haa dubbatan!
35Isaan, ?Iyoob beekumsa malee dubbata,dubbiin isaas midhaan hin qabu? in jedhu*.[122]
36?Sababii deebiin isaaakka kan warra jal'ootaa ta'eef,Iyoob hamma dhumaattiqoramee utuu ilaalamee!
37Inni irra-daddarbaa cubbuu isaa irratti in dabala,nu gidduu taa'ee harka in rurrukutata,dubbii isaa isa Waaqayyo irratti dubbatusin baay'isa? jedhe.