4?Isa kanaaf immoo ani, siif, firoota keefis deebii nan kenna*;
5gara waaqaatti ol ilaali! Kunoo, duumessoonni si gara irraa jiran hammam akka ol fagaatan yaadaan qabi*!
6Ati cubbuu yoo hojjette isa irratti maal fida? Irra-dadarbaan kee yoo baay'ates maal isa godha*?
7Ati qajeelaa yoo taate isaaf maal laatta? Harka kee keessaas inni maal fudhata?
8Jal'inni kee nama akka keetii in miidha, qajeelinni kee immoo ilmaan namootaaf dhimma in baasa.[124]
9?Sababii cunqurfamuun baay'ateef namoonni in iyyu; sababii irree isa jabaatiifis gargaarsaaf in iyyatu.
10Garuu eenyu illee, ?Waaqayyo uumaan koo, inni halkan namni akka isa faarfatu godhu, eessa jira?
11Inni bineensota lafaa caalaatti nu barsiisu, simbirrootaa fi allaattota qilleensa keessa balali'an caalaas, ogeessota nu godhu eessa jira?? hin jenne.
12Achitti namoonni in iyyu, inni garuu sababii of bokoksuu warra hamaa godhaniitiif, isaaniif hin deebisu!
13Waaqayyo dhugumaan iyyata akkasumaanii hin dhaga'u, inni hundumaa danda'us gara isaa hin mil'atu*.
14Egaa yeroo ati, ?Isa hin argu? jettu immoo, hammam kanaa gad haa ta'u ree? Dhimmi kee isa dura jira, isuma eeggadhu*!
15Ammas immoo inni akkuma aaretti waan hin adabneef, gowwummaas waan guddaatti waan hin lakkoofneef,
16Iyoob dubbii waa'ee hin baafneen afaan isaa saaqqata, beekumsa malees dubbii in baay'isa? jedhe.[125]