1Eliihuun ittuma fufee Iyoobitti dubbatee,
2?Ani waa'ee Waaqayyoof amma illee waanan dubbadhu akkan qabu sitti nan himaatii, xinnoo ishee anaaf obsi!
3Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida, ?Qajeelummaanis kan uumaa kootii ti? jedhee nan lakkaa'a;
4dubbiin koo dhuguma, soba miti, nama, isa beekumsatti hir'ina hin qabnetu sii wajjin jira.
5?Kunoo, Waaqayyo aango-qabeessa, namas hin tuffatu, humni hubannaa isaatii baay'ee jabaa dha;
6inni jal'oota fayyaatti hin jiraachisu, warra rakkataniif garuu wanta qajeelaa in kenna*;
7ija isaa warra qajeelota irraa hin buqqifatu, moototaa wajjin teessoo irra isaan teessisa, bara baraanis ol ol isaan in qaba*.
8Namoonni funcaadhaan utuu hidhamanii, funyoo rakkinaatiinis jabeeffamanii utuu qabamanii,
9yommus inni hojii isaanii fi irra-daddarbaa isaanii, isa isaan of bokoksanis isaanitti in hima.
10Gorsa akka dhaga'aniif gurra isaanii in banaaf, yakka isaanii irraas akka deebi'aniif isaan in abbooma*.
11Isaan isa dhaga'anii isaaf yoo hojjetan, bara isaanii gaariitti, waggoota isaaniis akkuma isaanitti tolee jirutti in raawwatu.
12Isa dhaga'uu yoo didan garuu, isaan billaadhaan in balleeffamu, wallaalummaa isaaniitiinis in dhumu.[126]
13?Warri Waaqayyo malee jiraatan, aarii garaa keessa kaa'atu, yeroo inni isaan adabuttis gargaarsaaf hin iyyan.
14Isaan ijoollummaatti in du'u, jireenyi isaaniis dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'an gidduutti in bada.
15Inni warra rakkatoo rakkina isaaniittii in fura, cunqursuudhaanis gurra isaanii in bana*.[127]
16?Akkasumas gidiraa isa afaan sitti banu keessaa, gara iddoo bal'aa lafa wal rakkisuun hin jirretti si baasa; nyaanni maaddii keetti dhi'aatus coomni kan keessa guute in ta'a*.
17Ati garuu firdii warra jal'ootaaf ta'u guuttatteetta, kanaafis hadheessi firdii qajeelaa si qabateera.
18Eenyu illee badhaadhummaadhaan akka si hin sossobnetti, gabbarsuu guddaanis karaa irraa akka si hin jal'ifnetti of eeggadhu!
19Soorumni kee yookiis jabinni humna kee, rakkina keessaa si hambisuu danda'aa ree?
20Ati halkanicha isa itti, sabni warri kaan iddoo isaaniitii dhabaman hin hawwin!
21Rakkachuu irra yakkuu waan fo'atteef, rakkinaan qoramaa jirta; kanaaf gara yakkuutti akka gara hin galle of eeggadhu![128]
22?Kunoo, Waaqayyo humna isaatiin ol ol kaafameera, barsiisaan akka isaatii eenyu ree?
23Eenyutu Waaqayyoon, ?Karaan kee isa kana haa ta'u!? yookiis eenyutu, ?Ati balleessaa hojjette? isaan jedha ree*?
24Ati immoo hojii isaa isa namoonni jajatan, guddaa akka ol kaaftuuf yaadadhu!
25Namoonni hundinuu hojii isaa arganiiru, fagoottis ija irraa hin buqqifatan.
26Kunoo, Waaqayyo guddaa dha, garuu nuyi guddina isaa hin hubannu; lakkoobsi bara isaatiis kan hin qoratamnee dha*.[129]
27?Inni copha bishaanii ol in harkisa, hurrii keessaas bokkaa in baasa.
28Duumessoonni isa gad in cocophsu, namootaafis baay'isanii gad in roobsu.
29Namni tokko illee akka duumessi itti diriiru, akka itti kakawween duumessicha isa akka golgaa sana keessaa qaqqawessa'us in hubataa ree*?
30Kunoo, Waaqayyo naannoo isaatti bakakkaa isaa in bittimsa, hundee galaanaas in golga.
31Inni akkasitti saba hundumaa in jiraachisa, wanta nyaatanis baay'inatti in kennaaf*.
32Inni bakakkaa harkatti maratee, lafa akeeka isaa akka inni rukutuuf in abbooma.
33Qaqqawessa'uun isaa dhufa bakakkaa sanaa in beeksisa, horiin qe'ee iyyuu dhi'aachuu isaa in hima.[130]