Macaafa Iyoob 37:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1?Kana irratti lapheen koo in dha'ate, iddoo isaatiis in utaale;

2sagalee isaa isa qaqqawessa'u yaadaan qabaa, xirqansuu afaan isaa keessaa ba'us dhaggeeffadhaa*!

3Inni guutummaa bantii waaqaa jala, bakakkaa isaas hamma andaara lafaatti gad in dhiisa*;

4isa booddeedhaan sagaleen xirqansuu isaatii in dhaga'ama, sagalee isaa isa surra-qabeessaanis in qaqawweessa'a; yeroo sagaleen isaa dhaga'amutti homtuu bakakkaa sana hin ittisu.

5Akki itti Waaqayyo sagalee isaatiin qaqawweessa'u dinqisiisaa dha, wanta gurguddaa nuyi hubachuu hin dandeenyes in hojjeta.

6Inni cabbiidhaan, ?Lafa irratti bu'i!? tiifuudhaa fi bokkaa yandoodhaanis, ?Roobi!? in jedha.

7Namoonni hundinuu hojii isaa akka beekaniif, akka waan mallattoon itti godhameetti, inni nama hundumaa harka qabachiise.[131]

8?Yommus bineensonni lafa ciisicha isaanii in dhaqu, mann'ee isaanii keessas in taa'u*.

9Bubbeen gombisaa isaa keessaa, qorsi qilleensa bubbisu keessaa in dhufa,

10hafuurri Waaqayyo baafatu cabbii in fida, bishaan inni bal'aanis dafee wal qabatee cabbii in ta'a.

11Inni duumessa isa gurraacha jiidha in baachisa, bakakkaa isaas duumessa keessa in tamsaasa.

12Guutummaa irra lafaa irratti, wanta inni abboome akka raawwataniif isaan akka akeeka isaatti asii fi achi in naanna'u;

13bokkaa namoota ittiin adabuudhaaf, yookiis lafa isaa ittiin obaasee, jaalala isaa argisiisuuf in fida.[132]

14?Yaa Iyoob, kana dhaggeeffadhu! Mee dhiisiitii hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa yaadaan qabi*!

15Waaqayyo duumessoota attamitti akka kaa'e, bakakkaa duumessa isaas attamitti akka balaqqeessisu ati in beektaa?

16Akka itti duumessoonni wal-gitanii diriiran, hojii dinqii kan isa beekumsatti mudaa hin qabne sanaas in beektaa?

17Yeroo qilleensi gara mirgaa qilleensa'e, lafa irraa wanti tokko hin sokoksinetti, ati inni uffanni kee sitti bulluqu,

18waaqa isa akka of-ilaalee baqfamee jabaate kana, diriirsuu isaa isa gargaarteettaa?[133]

19?Wanta isatti dubbannu nu barsiisi! Nuyi sababii dukkanichaaf dubbii keenya toora qabsiifachuu hin dandeenyu.

20Ani dubbachuuf akkan jiru, namni isatti himu in barbaachisa turee ree? Namni kana dubbachuu yaadus dhuguma in bada*.

21Ammas qilleensi duumessa haxaa'ee erga irraa qulleessee, namni tokko illee ifa waaqa keessaa ifu ilaaluu hin danda'u.

22Calaqqifni akka warqee karaa gara bitaa in dhufa, surraan sodaachisaan Waaqayyoon naanna'ee jira*.

23Nuyi isa hundumaa danda'u sana bira hin geenyu, inni humnaa fi wanta qajeelaadhaan ol ol jedhaa dha; baay'ina qajeelummaa isaatiinis namoota gad hin qabu.

24Inni warra ogummaa gad fagoo qaban warra kaan irra caalchisee hin ilaalu; kanaafis namoonni isa in sodaatu? jedhe*.[134]

>