Macaafa Iyoob 38:1-41 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Waaqayyo bubbee sana keessaa Iyoobitti dubbatee,

2?Inni dubbii beekumsa malee dubbatamuun, akeeki koo akka hin mul'anne godhu kun eenyu*?

3Ati ka'ii, mudhii kee hidhadhuu qophaa'i! Ani sin gaafadha, ati immoo anaaf deebisi*![135]

4?Yommuu ani hundee lafaa kaa'e, ati eessa turte? Hubannaa isaa yoo qabaatte anatti himi*!

5Beekta yoo ta'e, safara isaa eenyutu murtoo itti godhe? Yookiis eenyutu funyoo irra harkise*?

6Hundeen isaa maal irra dhaabame? Yookiis dhagaa isaa isa golee qajeelchu eenyutu dhaabe*?

7Yeroo sanatti urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa ?Ilmaan Waaqayyoo? jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan*.[136]

8?Yeroo galaanni cabsatee manii isaa keessaa ba'utti, balbala itti godhee kan isa ittisu eenyu ree?

9Yeroo ani duumessa uffata isaa, duumessa isa dukkanaa'aas wayyaa marata isaa godheef,

10daariis godheefii, balbala isaa fi danqaraa isaa itti kaa'ee,

11?Hamma asiitti in dhufta, kana irra garuu hin darbitu; asitti bokoka dha'aa keetiitti ittisi in godhama? nan jedheen*.[137]

12?Ati erga dhalattee ganama abboomtee, bariin lafaas iddoo isaa akka baru gooteettaa?

13Akka inni garasii fi garanaan andaara lafaa qabee, warri jal'oonni irraa gad hurgufaman gooteettaa?

14Lafichi akka suphee jiidhaatti ittiin mallateessaniitti bifa in geddarate, uumamni isa irraa hundinuus bifa garaa garaatiin miidhagfamanii in mul'atu;

15ibsaan warra jal'ootaa isaan duraa in qabame, irreen isaanii inni ol fuudhames in cabe.

16?Ati burqituu galaanaa bira dhaqxeettaa? Gad fageenya galaanichaas qoruudhaaf keessa adeemteettaa?

17Balballi karra du'aa siif banameeraa? Karra iddoo dukkana sodaachisaa sanaas argiteettaa*?

18Bal'ina lafaa hubatteettaa? Kana hundumaa beekta yoo ta'e anatti himi![138]

19?Karaan lafa ifni jiraatutti geessu meerre? Dukkanni immoo eessa jiraata?

20Ati gara daarii isaatiitti akka isa geessituuf, daandii mana isaas gargar baaftee akka hubattuuf eessa ree?

21Mee jedhi kaa! Atoo yeroo sana dhalatteetta, kanaaf in beekta; barri jireenya kees baay'ateera*![139]

22?Ati gombisaa cabbii lixxee beektaa? Gombisaa qorraas argiteettaa?

23Isa ani yeroo dhiphinaatiif, guyyaa lolaaf guyyaa waraanaatiif kaa'e sana*,

24karaan ifni ittiin asii fi achi tamsa'u, qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan, ittiin lafa irra bittimfamus isa kam?

25Eenyutu lolaa bishaaniif bo'oo, balaqqeessa kakawweefis karaa baase*?

26Lafa namni hin jirretti eenyutu lafa onaa namni keessa hin jiraannettis bokkaa roobsee,

27lafa gad dhiifamaa waa'ee hin baafne quubsa? Margi lalisaanis akka irratti biqilu godha?

28Egaa bokkaan abbaa qabaa ree? Copha fixeensaa immoo eenyutu dhalche ree?

29Cabbiin gadameessa eenyu keessaa ba'e? Qorra akka hurrii addaatu isa waaqa keessaa ba'us eenyutu dhale?

30Yeroo bishaan wal qabatee akka dhagaa ta'u, irri callabboos yeroo qorru,

31tutee urjoota ?Torbii? jedhaman walitti hidhu, yookiis hidhaa urjoota ?Sadee? jedhamanii hiikuu in dandeessaa*?[140]

32?Ati urjoota marsan yeroo isaaniitti in geggeessitaa? Urjii isa ?Amaaketa? jedhamu immoo ilmaan isaa wajjin karaa in argisiiftaa?

33Abboommii bantii waaqaa keessa jiru beektaa? Seerrata isa keessaas biyya lafaa irra dhaabuu in dandeessaa*?[141]

34?Lolaan bishaanii akka si liqimsuuf, sagalee kee ol fuutee duumessatti dubbachuu in dandeessaa*?

35Ati, bakakkaan akka ba'uuf in ergitaa? Innis, ?Kunoo, ani asan jira? siin in jedhaa?

36Eenyutu ogummaa iddoo dhokataa keessa kaa'e? Hubannaa immoo sammuudhaaf eenyutu kenne?

37Eenyutu ogummaadhaan duumessoota lakkaa'a? Eenyutu qalqala bishaanii isa waaqa keessaa jigsee bishaan gad naqa?

38Biyyoon lafaa akka jabaatu, supheenis akka dafee wal qabatu eenyutu godha?[142]

39?Ati leenca dhaltuudhaaf nyaata ishee adamsitaa ree? Saafela leencaas beela in baaftaa ree?

40Yeroo isaan walitti galanii mann'ee isaanii keessa jiranitti, iddoo ciisicha isaaniitti riphanii yeroo ciisanitti beela isaan in baaftaa ree?

41Yeroo cuuconni ishee waan nyaatan dhabanii asii fi achi jooranii, ana Waaqayyotti boo'anis, qurruudhaaf eenyutu nyaata kennaaf*?[143]

>