Macaafa Iyoob 39:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1?Yeroo qelejjeen itti dhaltu ati beektaa ree? Yookiis yeroo borofni dhaluuf nanaannoftu caqafteettaa?

2Ji'a meeqaaf akka isaan garaatti baatan lakkaa'uu dandeessaa? Yookiis yeroo isaan itti dhalan beektaa?

3Isaan miixatanii in dhalu, rakkina isaaniittii in hiikamu.

4Ilmooleen isaanii in jabaatu, bakkee keessatti in guddatu, in ba'u gara isaaniittis hin deebi'an.

5?Harree diidaa birmadummaatti eenyutu gad dhiise? Hidhaa harree diidaa kanas eenyutu hiike*?

6Ani lafa duwwaa, mana, bakkee soogiddaas iddoo taa'umsaa godhee nan kenneef.

7Inni sagalee mandaraatti in kolfa, waca nama isa oofuus hin dhaga'u.

8Dheedicha argachuudhaaf tulloota irra in naanna'a, waan marga fakkaatu hundumaas cimsee in barbaada.[144]

9?Gafarsi siif hojjechuudhaaf tole in jedhaa? Dallaa kee keessas in bulaa ree?

10Gafarsa funyoo isaatiin hiitee bo'ootti in galfattaa? Yeroo ati dachaa keessaa qottu, inni immoo akka namaatti si booddeedhaan in kukkutaa ree?

11Sababii humni isaa guddaa ta'eef isa in abdattaa? Hojii kee isa dadhabsiisaas isatti in dhiiftaa?

12Midhaan kee akka siif sassaabuuf, gara oobdii keettis akka siif fiduuf isa in amanatta?

13?Guchiin gammachuudhaan baallee ishee walitti rukutatti, garuu baalleen ishee akka isa allaattiin hawaannisaa ittiin balali'u miti.

14Isheen hanqaaquu lafatti in hanqaaqxi, biyyoon akka itti ho'uuf, achumatti dhiiftee in adeemti;

15garuu miilli akka buruqsu, bineensis akka irra ejjetu hin yaadattu.

16Akka waan kan ishee hin ta'iniitti cuucota isheetti garaa jabaatti, akka waan lafuma duwwaa miixatteettis hin yaaddoftuuf*.

17Ani Waaqayyo ogummaa hin kenniniifan hafe, hubachuufis qooda hin laanneef.

18Isheen yeroo ol fudhattee fiigdu immoo, fardaa fi abbaa fardaatti in kolfiti.[145]

19?Fardaaf jabina kan kennu sii? Morma isaattis gama kan uffisu sii?

20Ati akka hawaannisaa akka inni quruphisu in gootaa? Xirqansuun isaa inni humna-qabeessi sodaachisaa dha.

21Inni dachaa kottee isaatiin dha'ee keessa in ba'a, humna isaatti in gammada, ka'ees mi'a lolaatti addaan in dhaqa;

22raawwatee hin sodaatu, hin naasifamu, billaa irraas hin deebi'u.

23Xiyyi korojoo keessaa qarri eeboo inni calaqqisaanii fi bodeen, cinaacha isaatti bubbu'ee in kililcha;

24inni lafa raasaa, rom'isiisaas karaa isaa in fixa, yeroo sagalee fiinoo dhaga'us dhugaa hin se'u.

25Yeroo sagaleen fiinoo dhaga'amus, ?Uffee!? jedha, dhaadannaa abboota duulaa, waca, waraanaas fagootti foolii in fuudha.

26?Corofeen ogummaa keetiin marsitee, baallee ishee gara mirgaatti in bal'ifattii ree?

27Joobirri abboommii keetiin tulluutti ol ba'ee, mann'ee isaa gubaa sanatti ijaarrataa ree*?

28Inni kattaa gubbaa in taa'a, lafti buufata isaas achi, kattaan fofottoqaan, qaramaanis da'oo isaa ti;

29achi irra taa'ee wanta adamsee qabatu in gaada, iji isaas fagootti in arga.

30Cuuconni isaa dhiiga in dhugu, innis lafa raqni jirutti in argama? jedhe*.[146]

>