8Akkan argettiwarri waan hamaa qopheessanii,rakkinas facaasanisuma in haammatu*;
9warri akkasiihafuura isa Waaqayyo isaanitti baafatuun in badu,qilleensa dheekkamsa isaatiinis in dhumu.
10Leenci in aada,leenci sodaachisaan in gururi'a;haa ta'u iyyuu malee,ilkaan leenca saafelaa in caccaba;
11leenci wanta adamsee nyaatu dhabee in du'a,ilmaan leenca dhalaas in faffaca'u.[12]
12?Dubbiin tokko dhoksaatti gurra keessa na bu'e,gurri koos hasaasa sana in dhaga'e;
13halkan yeroo hirribni ulfaataan nama qabutti,abjuu halkaniiisa nama yaadessu keessa,
14naasuun na qabate,raafamnis lafee koo hundumaa in sochoose;
15hafuurri karaa gurraa na yaa'e,dhagni koos na suuka'e*.
16Inni amma iyyuu in dhaabata,ani garuu wanta inni fakkaatu,gargar baafachuu hin dandeenye;bifni tokko ija koo dura ture;homtuu hin dubbatu ture,booddee immoo sagalee tokko nan dhaga'e;
17?Waaqayyo caalaa namni qajeelaa ta'uu danda'aa ree?Namni isa isa uume caalaaqullaa'aa ta'uu danda'aa ree*?
18Kunoo, inni hojjetoota isaa hin amanatu,ergamoota isaasballeessaa isaanii irratti in gaafataerga ta'ee*,