1Waaqayyo ammas Iyoobitti dubbatee,
2?Namni anaan morkatee, ana isa hundumaa danda'u in hadheessaa ree? Inni ana Waaqayyotti falmu deebii haa kennu!? jedhe*.[147]
3Yommus Iyoob deebisee Waaqayyoon,
4?Kunoo, ani salphadheera, afaan koo nan qabadha malee, maalan siif deebisa ree?
5Ani akkan deebii hin kennineef takkaa dubbadheera, si'achis lammaffaa itti hin dabalu? jedhe*.[148]
6Kana booddee Waaqayyo deebisee, bubbee keessaa Iyoobitti dubbatee*,
7?Ati ka'ii mudhii kee hidhadhuu qophaa'i! Ani sin gaafadha, ati immoo anaaf deebisi*!
8Ati firdii koo iyyuu in cabsitaa? Ofii qajeelaa akka taatuufis ana hamaa baaftaa*?[149]
9?Irree akka irree kootii qabdaa ree? Sagalee akka sagalee kootiitiinis in qaqawweessoftaa ree*?
10Yoos ulfinaa fi guddinaan of kuuli, surraa fi simboos uffadhu*!
11Aarii kee isa irra-dhangala'aa firfirsi! Isa of bokoksu hundumaas ilaali, gad isa deebisis*!
12Nama of bokoksu hundumaa ilaali, gad isa deebisi! Jal'ootas lafa isaan dhaabatanitti dhidhiiti!
13Ati fuula isaaniitti mariitii, iddoo dhokataa lafa jalaa sanatti biyyoo keessa isaan dhoksi*!
14Yommus harki kee inni mirgaa mo'icha akka si argachiisu, ani immoo siif nan hima*.[150]
15?Bineensa guddaa akka roobii, isa ani akkuman si uume isas uume ilaali! Inni akka qotiyyoo marga in dheeda.
16Jabina isaa isa mudhii isaa keessa jiru, humna isaa isa sulluuda garaa isaatii keessa jirus ilaali!
17Inni eegee isaa akka gaattiraatti gogsee gad in rarraasa, ribuun luka isaa wal keessa dha'amaa dha.
18Lafeen isaa akka hujummoo sibiila borrajjii ti, caaroowwan isaas akka danqaraa sibiilaa ti;
19ani Waaqayyo kanan uume keessaa inni isa caaluu dha, ani uumaan isaa isa ajjeesuu nan danda'a.
20Tulloonni lafa dheedicha isaa in ta'u, bineensonni caakkaas achitti in gammadu.
21Inni huuxxii qoraattii jala, dhallaadduu dhoqqee keessaa gidduus dhokatee in ciisa.
22Huuxxiin qoraattii gaaddisa isaatiin isa in dhoksa, alaltuun lagaas isa in marsa.
23Yommuu dha'aan bishaanii ol ka'ee gad deebi'u inni hin baqatu, Yordaanos huuruu isaa irra yoo yaa'e iyyuu inni hin shishu.
24Eenyu illee utuu iji isaa ilaaluu isa qabuu, yookiis kiyyoodhaan funyaan isaa uruu in danda'a ree?