Macaafa Iyoob 5:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1?Yaa Iyoob! Namni deebii siif kennu yoo jiraateef mee waami! Warra qulqulloota keessaa gara isa kamii dhaqxa?

2Nama gowwaa aariitu ajjeesa, isa wallaalaas hinaaffaatu du'a itti fida;

3namni gowwaan hidda yaafachuu isaa ani argeera, garuu dingata manni isaa in abaarame.

4Ilmaan isaa iddoo nagaa qabu irraa fagoo dha, karra kellaa duratti in caccaban, kan isaan oolchus hin turre;

5warra beela'antu, midhaan isa inni sassaabatu, isa inni qoraattii keessa kaa'atus fudhatee duraa fixa; warra dheebotantu, qabeenya isaa liqimsa*;

6dhiphinni biyyoo keessaa ol hin margu, rakkinnis lafaa hin biqilu;

7namni akkuma qaanqee ibiddaa, qilleensa keessa jooruudhaaf rakkinaaf dhalate*.[14]

8?Ani garuu utuun si ta'e Waaqayyoon nan barbaaddadha, dhimma koos isatti nan himadha.

9Inni wanta gurguddaa qoranii bira ga'uu hin dandeenye, wanta dinqisiisaa daarii hin qabnes in hojjeta*.

10Inni lafa irratti bokkaa in roobsa, bakkees bishaan in obaasa;

11warra gad qabamoo, iddoo ol jedhaa irra in kaa'a, warra gaddan, iddoo nagaa qabutti ol isaan in kaasa*;

12wanti warri haxxootaa hojjetan fiixaan akka hin baaneef, inni akeeka isaanii in gufachiisa;

13ogeessota haxxummaa isaaniitiin in qaba, mala warra micciiramootaas in balleessa*.

14Guyyaan isaanitti dukkanaa'ee, akka waan halkan ta'etti guyyaa saafaadhaan in qaqqabatu*;

15Waaqayyo garuu arraba haxxootaa isa akka billaa jalaa warra deegoo in baasa; harka warra aango-qabeeyyiis isaan in oolcha.

16Yommus inni warra deegaadhaaf abdii in kenna; jal'oota garuu afaan in qabachiisa.[15]

17?Kunoo, namni Waaqayyo isa ifatu galateeffamaa dha; kanaafis adaba Waaqayyo isa hundumaa danda'uu hin tuffatin*!

18Inni in madeessa, walitti immoo in hodha; inni in cabsa, harkuma isaatiin immoo in fayyisa*;

19rakkina ja'a irraa si oolcha, isa torbaffaattis hamaan si hin tuqu*;

20inni yeroo beelaatti du'a irraa, yeroo lolaattis rukuttaa billaa si oolcha*.

21Tuqaatii arrabaa jalaa in dhokfamta, badiisi yommuu dhufu hin sodaattu;

22badiisaa fi beelatti in kolfita, bineensa caakkaas hin sodaattu;

23dhagoota bakkee wajjin walii in kakattu, bineensonni caakkaas sii wajjin nagaa in qabaatu*;

24dunkaanni kee nagaatti akka jiru in beekta, horii qe'ee keetii in to'atta, homaas keessaa hin dhabdu;

25sanyiin kee akka baay'atan, ijoollonni kees akka marga lafaa akka ta'an in beekta.

26Bissiin midhaanii yeroo isaatti akka walitti qabamu, ati gaarummaatti utuu jirtuu in duuta, in awwaalamtas.[16]

27?Kunoo, nuyi kana hundumaa qorreerra, innis dhugaa dha, egaa dhaga'ii fudhadhus!? jedhe.