Macaafa Iyoob 6:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Iyoob deebisee,

2?Aariin koo utuu miijaname, badiisi anatti dhufe hundinuus madaalii irra utuu kaa'ame,

3cirracha galaanaa caalaa waan inni ulfaatuuf, ariitiidhaan dubbachuun koo hin dinqisiisu ture.

4Xiyyooliin isa hundumaa danda'uu ana keessa jiru, hadhaan isaaniis dhiiga kootti in gala; Waaqayyo naasisuu isaa tarree anatti galche*.

5Harreen diidaa utuu marga qabuu in alaakaa ree? Yookiis sangaan utuu okaa qabuu in mar'ataa ree?

6Wanti hin miyoofne soogidda malee nyaatamuu danda'aa ree? Yookiis bishaan hanqaaquu inni adiin miyaa'ina of keessaa qabaa ree?

7Nyaata akkasii maagaan koo hin fudhatu, yoon nyaadhes na dhukkubsachiisa.[17]

8?Maaloo wantan kadhadhe utuun argadhe, abdii koos Waaqayyo utuu anaaf raawwate!

9Na caccabsuun, harka isaas gad anatti dhiisee na balleessuun utuu isatti tole,

10kun silaa anaaf jajjabina in ta'a ture; dubbii isa qulqullaa'aa waanan hin dhoksiniif, dhukkubni koo hammam yoo jabaate iyyuu itti nan gammadan ture;

11ani si'achi waa abdachuudhaaf, aangoo maaliin qaba? Akkan obsaan eeggadhuufis dhumni koo maali?

12Jabinni koo jabina dhagaa tii ree? Foon koos sibiila borrajjii dhaa ree?

13Dhugumaan humna na gargaaru of keessaa hin qabu, ogummaanis ana keessaa in bade.

14?Namni fira isaa isa abdii kutatetti oo'a argisiisuu dhiisu, isa hundumaa danda'u sodaachuu dhiisuu isaa ti.

15Isin obboloonni koo na gowwoomsitan, isin akka bishaan dafee guutee darbuu ti, akka bishaan guutee manii isaa irra dhangala'uu ti*;

16isin akka laga qorri irra bu'ee booressuu, akka isa cabbii baqeen ol iita'uu ti;

17garuu yeroo ho'u in dhabama, yeroo caamsaa immoo manii isaa keessaa in dhabama.

18Naggaadonni karaa bishaanichaa irraa in jal'atu, lafa homaa hin qabnetti ba'anii in badu;

19naggaadonni Teemaa bishaan in barbaadu, imaltuun Sheebaas isa in abdatu;

20isa abdatanii turan, garuu in qaana'an; manii isaa bira ga'anii waan jedhan wallaalan.

21Isin dhuguma akkuma bishaanichaa taatan, gidiraa koo argitanii in sodaattan.

22Ani takkaa, ?Waa anaaf kennaa! Qabeenya keessan keessaa gabbarsuu anaaf fidaa!

23Yookiis harka diinaa na oolchaa, harka warra nama cunqursanii keessaa na furaa!? jedhee beekaa?[18]

24?Ani calluma nan jedha, isin na barsiisaa! Lafan irraa kaadhetti na hubachiisaa*!

25Dubbiin qajeelaan maal maal humna-qabeessa! Yakka ana irra barbaaduun keessanis maal oolcha?

26Isin dubbii ani dubbadheef na ifachuu barbaadduu? Dubbii nama abdii kutatees akka sagalee qilleensaatti lakkaa'uufii ree?

27Warra abbaan irra hin jirre garba godhachuu in barbaaddu, firoota keessanittis boolla in qottu.[19]

28?Maaloo gara koo ilaalaa! Anoo fuula keessan duratti soba hin dubbadhu.

29Maaloo deebi'aa, karaa irraa hin kaatinaa! Ani amma iyyuu dhugaa qabaatii, deebi'aa!

30Arrabni koo dabaa dubbateeraa? Afaan koo dubbii ta'uu fi dubbii hin taane gargar baasuu hin danda'uu ree?