Macaafa Iyoob 7:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1?Namni dadhabbiidhaan lafa irra jiraata, barri isaas akka bara nama qacaramee hojjetuu ti mitii ree*?

2Akka hojjetaa isa gaaddisa galgalaa eeggatuu, akka nama qacaramee miindaa isaa abdatuu*,

3akkasuma ji'oota gatii hin qabne nan dhaale, halkan gadadamoonis anaaf in kennaman;

4yommuun ciisu, ?Yooman ka'a?? nan jedha, halkan anatti dheerate, hamma bari'utti asii fi achi garan gaggala;

5gogaan koo babbaqaqee na dhiiga; raammoonii fi xof-xofiin foon kootti uffisan;

6barri koo kolloo wayya-dhooftuu caalaa ariifata, abdii malees in dhuma*.[20]

7?Yaa Waaqayyo, jireenyi koo akka qilleensa shuf jedhuu akka ta'e yaadadhu, iji koo deebi'ee wanta gaarii hin argu*;

8iji namaa inni amma ana argu, deebi'ee ana hin argu; iji kee na barbaada, ani garuu si'achi hin argamu.

9Akkuma duumessi irraa jalaan tamsa'ee badu, akkasuma namni du'ee awwaalamu ol hin deebi'u;

10si'achi gara mana isaatti hin deebi'u, naannoon isaas deebi'ee isa hin baru*.[21]

11?Ani garuu afaan koo hin qabadhu; sababii hafuurri koo dhiphatuuf nan dubbadha, sababii jireenyi keessa ba'ee anatti hadhaa'uufis nan himadha*.

12Ani galaana immoo yookiis jawwee galaanaatii iyyuu, ati ittisa anatti goote?

13?Sireen koo na jajjabeessa, iddoon ciisicha koos gadda koo anaaf salphisa? yommuun jedhu,

14ati immoo abjuudhaan na sodaachifta, mul'ataanis na naasifta;

15dhiphina ani itti jiru kana irra, hudhamee du'uu nan fo'adha;

16jireenya koo nan jibbe, ani bara baraan as hin jiraadhu; barri jireenya koo akkuma qilleensa shuf jedhuu ti'o, kottu, na dhiisi*![22]

17?Ati guddaatti akka isa ilaaltuuf, yaada kees akka isa irra keessuuf, namni maali*?

18Ati ganama ganama isa in ilaalta, yeroo hundaas isa in qorta.

19Hamma yoomiitti ija ana irraa hin buqqifattu? Hamma liphsuu ijaaf illee na hin dhiiftuu*?

20Ani yoon yakke iyyuu, maalan si godhe, yaa eegduu namaa? Waan itti akeekkatte maaliif na godhatte? Maaliifan ba'aa sitti ta'e[23]?

21Ati irra-daddarbaa koo maaliif naa hin dhiiftu? Yakka koo maaliif na irraa hin fuutuu? Ani amma awwaalamee biyyoo keessa nan ciisa; ati na barbaadda, ani garuu deebi'ee hin argamu? jedhe*.[24]