Macaafa Iyoob 9:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Kana irratti Iyoob deebisee,

2?Dhuguma iyyuu kun akkas akka ta'e ani beeka! Garuu namni attamitti Waaqayyo duratti qajeelaa ta'uu danda'a ree*?

3Namni tokko Waaqayyotti falmuu yoo barbaade, kuma keessaa tokkotti illee Waaqayyo deebii hin kennuuf.

4Ogummaan Waaqayyoo gad fagoo dha, inni aango-qabeessa; eenyutu mata-jabina isaatiin isaan mormee nagaatti jiraate?

5Inni dheekkamsa isaatiin tulloota yeroo gara galchu, utuu isaan quba hin qabaatin, iddoo isaaniitii isaan in buta.

6Inni lafa iddoo isaatii in sochoosa, utuboonni lafaas in raafamu;

7inni biiftuu in abbooma, akka isheen ifa hin kennines in godha; ifa urjootaas mallattoodhaan in cufa*.

8Inni kophaa isaa bantiiwwan waaqaa in diriirse; dha'aawwan galaanaa irras in ejjete*;

9urjoota ?Amaaketa guddicha? jedhaman, urjoota ?Sadee? jedhaman, urjoota ?Torbii? jedhaman, tutee urjoota gara mirgaas isatu uume*.

10Wanta gurguddaa hubannaa namaa gara irraa ta'e, wanta dinqisiisaa lakkoobsa hin qabnes in hojjeta*.

11Kunoo, anatu isa hin argu malee, inni na bira in adeema; anatu isa hin hubatu malee, inni na bukkee in darba*;

12Yoo inni butee adeeme, eenyutu isa dhowwachuu danda'a ree? Eenyutus wanta inni hojjetu isa gaafachuu danda'a ree*?

13Waaqayyo dheekkamsa isaa hin deebisu, warri Rahaab jawwee galaanaa sana gargaaran miilla isaa jalatti gad in gugguufu*.[29]

14?Egaa attamittan deebii isaaf kennuu danda'a? Wantan isaa wajjin dubbadhus attamittan fo'achuu danda'a ree*?

15Utuman dhugaa qabaadhe illee abbaa firdii kootiin araara kadhadha malee, deebii isaaf kennuu hin danda'u;

16utuman isa waammadhee innis anaaf deebisee iyyuu, akka inni sagalee koo dhaga'u amanuu hin danda'u*.

17Inni bubbee humna-qabeessaan na cabsa, sababii malees madaa koo in baay'isa;

18inni wanta hadhaa'aadhaan na guuta malee, hafuura ana hin fudhachiisu.

19Waa'ee humnaaf yoo ta'e, inni aango-qabeessa; waa'ee firdiif yoo ta'e, eenyutu iddoo sanatti isa waama?

20Utuman dhugaa qabaadhe illee, afaan koo anatti in farachiisa; utuman qajeelaa ta'e iyyuu, ?Ati jal'aa dha? naan jedha.[30]

21?Utuman hir'ina hin qabu ta'e iyyuu, ani waa'ee ofii kootii hin beeku, jireenya koos nan jibba.

22Hundumtuu tokkichuma, kanaafan, ?Inni warra qajeelotaa fi warra jal'oota walumatti qabee in balleessa? jedhe.

23Dha'ichi du'a dingataa yommuu fidu, inni abdii kutachuu warra balleessaa hin qabneetti in kolfa.

24Yommuu biyyi lafaa harka warra jal'otaatti kennamtu, Waaqayyo ija abboota firdii biyyichaa in jaamsa; isa malee eenyutu kana godha ree?

25?Barri jireenya koo nama fiigu caalaa in ariifata; inni qaratti in balali'a, wanta gaariis hin argu*.

26Inni akka bidiruu jajjaba irraa hojjetameetti, akka joobira wanta nyaatu irratti bubbu'uu fi balali'uutti, dafee in darba.

27Ani, ?Gadda koo nan irraanfadha, nyaara guuruu dhiisees nan seeqa? yoon jedhe,

28akka nama yakka hin qabneetti, akka ati ana hin ilaalle waanan beekuuf, dhiphinni koo hundinuu na rom'isiisa;

29balleessaan anatti murama erga ta'ee, maaliifan akkasumaan dhama'a ree?

30Saamunaadhaan utuun dhiqadhee iyyuu, harka koos daaraadhaan utuman qulleeffadhe iyyuu*,

31ati raaree keessa na buufta, uffanni koos ana in ciigga'a.[31]

32?Akka walii wajjin firdiitti dhi'aannee, deebii isaaf hin kennineef, inni akka koo nama foon uffate miti;

33namni nu araarsuudhaaf, harka isaa nu lamaanuu irra qabu hin jiru;

34silaa'oo inni ulee isaa dugda koo irraa in fuudha, naasisuun isaas ana hin sodaachisu ture*;

35anis utuun isa hin sodaatin, isatti nan dubbadhan ture; amma garuu ofii kootiin isatti dubbachuu hin danda'u.[32]