1Izraan balbala mana qulqullummaa duratti gad gombifamee, boo'aa, kadhachaa, cubbuus himachaa utuu jiruu, Israa'el keessaa dhiirri, dubartiin, ijoolleenis tuuti sonaan baay'een, isa biratti walitti qabamanii, hirqinfatanii in boo'an.
2Qomoo Elaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehii'el deebisee Izraadhaan, ?Nuyi saba biyyichaa keessaa intaloota ormaa fuudhuun keenya Waaqayyo keenya duratti cubbuu hojjenneerra; kana keessaa immoo Israa'elootaaf amma iyyuu abdiin jira*.
3Egaa kottaa akka gorsa gooftaa kootii fi akka gorsa warra abboommii Waaqayyo keenyaa sodaataniitti dubartoota kana ijoollee isaan da'anii wajjin of biraa in adeemsifna; kunis seeraan haa ta'u!
4Kun si harka jira; nuyis sii wajjin jirra, ka'i, jabaadhuu hojjedhu!? jedhe.
5Yommus Izraan ka'ee akka dubbii kanaatti akka hojjetaniif luboota warra geggeessitoota, Lewwootaa fi namoota Israa'el warra kaan guutummaatti in kaksiise; isaanis in kakatan.
6Kana booddee Izraan balbala mana qulqullummaa duraa ka'ee, gara kutaa manaa isa Yehohaanaan ilmi Eliyaashiib keessa taa'u in dhaqe; sababii amanamummaa dhabuu warra booji'amanii turaniif gadda irraa kan ka'e midhaan utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin achi in bule.
7Kana booddee warri iddoo itti booji'amanii deebi'an hundinuu Yerusaalemitti akka walitti qabamaniif, kutaa biyya Yihudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin in labsame.
8Namni guyyaa sadii keessatti achitti hin argamin hafe immoo, murtoo geggeessitoonnii fi jaarsoliin kennaniin, wanti inni qabu hundinuu sarbamee, ofii isaatiis waldaa warra biyya itti booji'amanii deebi'anii keessaa in baafama.
9Guyyaa sadan sana keessatti namoonni Yihudaa fi namoonni Benyaamiin Yerusaalemitti walitti in qabaman; ji'a salgaffaatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa digdammaffaa namoonni hundinuu dhufanii oobdii mana qulqullummaa keessa in taa'an; dubbiin kunii fi bokkaan yandoon yeroo sana roobee isaan in rom'isiise.
10Yommus Izraan lubichi ka'ee jaraan, ?Isin hin amanamne, intaloota ormaa fuudhuun keessan yakka Israa'el irratti yakka dabaltaniittu;
11amma Waaqayyo gooftaa abboota keessaniitti cubbuu keessan himadhaa, wanta isatti tolu godhaa! Saba naannoo keessan jiranii fi dubartoota warra ormaa keessaa fuutan ofittii gargar baasaa!? jedhe.
12Kana irratti guutummaan waldichaa deebisee sagalee guddaadhaan, ?Dubbiin kun dhugaa dha! Amma immoo wanta ati jette gochuun nuuf in ta'a.
13Garuu nuyi namoota baay'ee dha, yeroon isaas yeroo bokkaa yandoo waan ta'eef, ala dhaabachuu hin dandeenyu; kanuma irratti iyyuu immoo nuyi yakka guddaa yakkine; dubbichis guyyaa tokko yookiis guyyaa lamatti kan raawwatu miti.
14Kanaafis hamma dubbiin kun iddoo ga'utti geggeessitoonni keenya dubbii kana irra haa turan! Dheekkamsi Waaqayyoo inni boba'aan waa'ee dubbichaaf nutti dhufe kun hamma nu irraa deebi'utti, warri intaloota ormaa fuudhan hundinuu jaarsolii fi abboota firdii mandara mandara isaanii wajjin yeroo dhaabataatti haa dhufan!? jedhan.
15Yonaataan ilma Asaahelii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwaa duwwaatu dubbichaan morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichis immoo yaada isaanii in fudhatan.
16Yeroo sanatti warri biyya itti booji'amanii deebi'anis akkuma yaada dhi'aatetti in raawwatan; Izraan lubichi akka mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota qomoo in fo'ate; addaan isaan baasees maqaa maqaa isaanii in caafate; isaan immoo ji'a kurnafaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti taa'anii dubbicha qorachuu in jalqaban.
17Ji'a jalqabaatti, ji'ichattiis guyyaa tokkoffaatti waa'ee namoota warra intaloota ormaa fuudhanii qoratanii in raawwatan.
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44