Macaafa Izraa 7:1-28 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees bara Artashaastaa mootii Faaresitti Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Hilqiiyaa*,

2ilmi Shaalum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixub,

3ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayot,

4ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii,

5ilmi Abiishuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Ele'azaar, ilmi Aaron angafa lubaa,

6Baabilonii in dhufe; Izraan kun seera Musee isa Waaqayyo gooftichi Israa'el kenne, ba'eessa godhee beeka ture; irreen gargaarsa Waaqayyo isaa gooftichaa isaa wajjin waan jiruuf, wanta inni gaafate hundumaa mootichi in kenneef*.[26]

7Artashaastaan mo'ee waggaa torbaffaa isaa keessa Izraan Israa'eloota keessaa namoota muraasa, luboota, Lewwoota, faarfatoota, karra-eegdotaa fi warra mana qulqullummaa keessaa hojjetanii wajjin Yerusaalemin dhaquudhaaf Baabilonii in ka'e.

8Mootichi mo'ee waggaa torbaffaatti waggichattiis ji'a shanaffaatti Izraan Yerusaalemin in ga'e.

9Irreen gargaarsa Waaqayyo isaatii inni gaariin isaa wajjin waan tureef, ji'a jalqabaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti Baabilonii ka'ee, ji'a shanaffaa keessaa gaafa guyyaa tokkoffaa Yerusaalemin in ga'e*.

10Izraan seera Waaqayyoo qoree baruuf ittiin hojjechuufis, akkasumas seerratichaa fi firdicha qajeelaa namoota Israa'el barsiisuuf of in kenne.[27]

11Caaffanni Artashaastaan mootichi Izraa lubicha isa beekaa macaafaa, isa waa'ee abboommii fi seerrata Waaqayyo saba Israa'eliif kenne ba'eessa godhee beeku sanaaf kenne, akka kanatti fufee jirutti in dubbifama.

12Innis, ?Artashaastaa mootii moototaa biraa! Haa ga'u gara Izraa lubicha isa beekaa seera Waaqayyo bantii waaqaa! Nagaan siif haa ta'u!

13Israa'eloonni mootummaa koo keessa jiraatan, luboonni isaanii, Lewwoonni isaaniis, warri Yerusaalemitti ol ba'uu fedhan, sii wajjin akka dhaqan abboomeera.

14Akka abboommii Waaqayyo keetii isa si harka jiruutti waa'ee Yihudaa fi waa'ee Yerusaalem akka qorattuuf ani mootichii fi gorsitoonni koo torban si ergineerra*.

15Ati immoo meetii fi warqee isa ani mootichii fi gorsitoonni koo fedha keenyaan Waaqayyo isa kan Israa'el, isa Yerusaalem keessa jiraatuuf kennine,

16akkasumas meetii fi warqee isa Baabilon kutaa biyyaa keessaa argachuu dandeessu, isa sabni jaalala isaatiin kennuu fi isa luboonni fedha isaaniitiin mana Waaqayyo isaanii isa Yerusaalem jiruuf dhi'eessan hundumaas fuudhii dhaqi*!

17Horii kanaanis tuntunoowwan, korbeeyyii hoolaa, xobbaallaa korbeeyyii hoolaa, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii isaanii bitiitii iddoo aarsaa mana Waaqayyo keetii isa Yerusaalem keessa jiru irratti aarsaa dhi'eessi![28]

18?Meetii fi warqee isa hafeen immoo akka jaalala Waaqayyo keetiitti, sii fi obboloota kee duratti wanta gaarii fakkaate ittiin hojjedhu!

19Akkasumas immoo mana Waaqayyo keetii keessatti akka ittiin hojjetamuuf mi'a sitti kenname hundumaa Waaqayyo isa Yerusaalem jiru duratti dhi'eessi*!

20Kana irraa kan hafe immoo wanti mana Waaqayyo keetiif barbaachisaa ta'ee, ati itti guutuun si irra jiru, horii mana mootummaa keessaa haa baafamu![29]

21?Ammas waanuma Izraan lubichii fi beekaan seera Waaqayyo bantii waaqaa gaafate akka isaaf kennaniif ana Artashaastaa mooticha biraa, gara warra laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuutii horii mootummaa baatan hundumaatti abboommiin darbeera.

22Kunis hamma meetii kiiloo kuma sadii fi dhibba afur miijanu, qamadii kiiloo kuma kudhan, daadhii waynii liitrii kuma lamaa, dhadhaa ejersaa liitrii kuma lamaatti yommuu ta'u, soogiddi immoo hammi barbaachise haa kennamuuf!

23Waanumti Waaqayyo bantii waaqaa abboome, of eeggannaadhaan mana isaatiif haa godhamu! Ani mootichii fi ijoolleen koo maaliif dheekkamamna ree?

24Akkasumas lubootatti, Lewwootatti, faarfatootatti, karra-eegdotatti, warra mana qulqullummaa keessaa hojjetanitti yookiis hojjetoota mana Waaqayyoo kanaatti gibira, qaraxaa fi horii waan adda addaatiif baasuun ta'u itti buusuun seera akka hin ta'in sitti nan beeksisa.

25?Yaa Izraa, ati ogummaa Waaqayyo kee siif kenneen, saba laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu hundumaa akka bulchaniif, geggeessitootaa fi abboota firdii seera Waaqayyo keetii beekan itti fo'i! Warra seericha hin beekne immoo barsiisi!

26Seera Waaqayyo keetii fi seera mootummaa kanaaf kan hin abboomamne hundumaa irratti garuu firdiin du'aa yookiis biyyaa baafamuu yookiis sarbamuu yookiis hidhamuu utuu asii fi achi hin jal'atin haa raawwatamu!? kan jedhu ture.

27Kana irratti Izraan, ?Waaqayyo gooftaan abboota keenyaa inni mana qulqullummaa isaa isa Yerusaalem keessaa akka miidhagsuuf yaada kana garaa mootichaa keessa kaa'e haa jajamu!

28Inni mootichaa fi gorsitoota mootichaa akkasumas immoo gurguddoota mootichaa warra humna-qabeeyyii hundumaa duratti gaarummaa isaa anaaf baay'iseera; irreen gargaarsa Waaqayyo gooftaa kootii anaa wajjin waan tureef, jabaadheen dura-buutonni Israa'el anaa wajjin akka ol ba'aniif walitti isaan qabadhe? jedhe*.[30]