1Dubbiin kanatti aanee jiru kan ilma Daawit mootii Yerusaalem isa lallabichaa ti*.
2Lallabichi, ?Wanti hundinuu kan waa'ee hin baafnee dha, waa'ee hin baasu! Dhuguma waa'ee hin baasu!? jedhe*.[1]
3Namni hojii isaa isa aduu jalatti itti dadhabu hundumaaf, bu'aa maalii argata*?
4Dhaloonni tokko in darba, dhaloonni biraas in dhufa; lafti garuu yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa*;
5biiftuun in baati, in lixxi, iddoo dhufteettis in ariifatti, deebitees in baati;
6qilleensi gara mirgaatti in qilleensa'a, gara bitaattis in naanna'a; naanna'ees gara dur dhufetti in deebi'a.
7Lagoonni hundinuus gara galaanaatti in yaa'u, galaanichi garuu hin guutu; lagoonni sunis gara dhufanitti in deebi'u, achiis deebi'anii in yaa'u.[2]
8Wanti hundinuu hamma namni isa dubbachuu dadhabutti, nama dadhabsiisa; iji argu hin quufu; gurris dhaga'uudhaan hin guutu*;
9wanti dur ta'ee ture ammas ta'uuf jira; wanti dur godhamee ture, ammas godhamuuf jira; wanta aduu jala jiru keessaa wanti haaraan tokko illee hin jiru.
10Wanti namni, ?Ilaa! Wanta haaraa kana? jechuu danda'u jiraa? Wanti kun baroota warra bara keenya dura turan keessa kan ta'ee dha;
11wanti darbe hin yaadatamu, warri si'achi dhufanis wanta ta'uuf jiru hin yaadatan.[3]
12Ani lallabichi Yerusaalemitti mootii Israa'elin ture*;
13ani wanta waaqa jalatti hojjetame hundumaa ogummaadhaan qoree ilaaluudhaaf itti nan yaade; ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif Waaqayyo hojii rakkisaa kana kenneef*.
14Ani wanta aduu jalatti hojjetame hundumaa argeera, kunoo, wanti hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis*.
15Wanti micciiramaan qajeeluu hin danda'u, wanti hin jirres lakkaa'amuu hin danda'u*.[4]
16Ani, ?Kunoo, ani warra ana dura Yerusaalem irratti mootii turan hundumaa caalaa, nama guddaa ta'eera, ogummaas baay'ifadheera? jedhee garaa kootti nan yaade*.
17Ogummaa, maraatummaa, gowwummaas gargar baasee beekuudhaaf itti nan yaade, kunis immoo akka nama qilleensa ari'uu akka ta'e nan hubadhe*;
18ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.[5]