1Titiisi urgooftuu dibataa keessatti yoo duute foolii isaa akka balleessitu, akkasuma gowwummaan xinnoon ishee ogummaa fi ulfina namaa in balleessiti;
2yaadni nama ogeessaa karaa qajeelaa irra isa in buusa, yaadni nama gowwaa garuu karaa irraa isa in kaachisa*;
3namni gowwaan karaa irra yommuu adeemu iyyuu waa hubachuu hin danda'u, gowwaa ta'uu isaas garuma adeemutti of irratti in beeksisa.
4Namni si irratti gooftummaa qabu yoo sitti dheekkame, daftee iddoo hojii keetiitii hin adeemin! Calluma jechuun cubbuu baay'ee hambisuu in danda'a.[48]
5Wanta hamaa ani aduu jalatti arge keessaa inni tokko irra-daddarbaa isa warra biyya mo'an biratti ta'uu dha.
6Gowwootaaf iddoo guddaa ulfina-qabeessatu kennama, badhaadhonni baay'een immoo iddoo gara gadii in taa'u;
7garboonni fardaan utuu adeemanii, bulchitoonni biyyaa immoo akka garbootaa lafa utuu adeemanii ani argeera*.[49]
8Namni boolla namaaf qotu ofuma isaatii keessatti in kufa; nama keenyan diigu bofni in idda*;
9nama dhagaa yaasu, dhagaan in miidha; nama muka falaxu, mukti in miidha.[50]
10Qottoon doome yoo qaramuu dhabaate, humna baay'ee in fixa; ogummaan garuu hojii namaaf in hisachiisa.
11Bofni utuu hin dawweeffamin yoo nama iddite, namichi inni bofa dawweessu bu'aa hin argatu*.[51]
12Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.
13Gowwummaadhaan dubbii isaa in jalqaba, dhumni dubbii isaatiis hamminaa fi maraatummaa dha;
14namni gowwaan dubbii in baay'isa, wanta ta'uuf jiru namni tokko illee beekuu hin danda'u; erga inni du'ee wanta ta'uuf jiru eenyutu isatti himuu danda'a ree*?[52]
15Namni gowwaan, karaa gara mandaraatti isa geessu illee waan hin beekneef, hojiin isaa isuma in dadhabsiisa.
16Yaa biyya mucaan si irratti mo'uu, yaa biyya angafoonni kee ganamaan nyaataa fi dhugaatiitti dhi'aatanii siif wayyoo*!
17Yaa biyya mootiin kee nama ga'aa ta'ee fi angafoonni kee machiidhaaf utuu hin ta'in ittiin jabina argachuudhaaf yerootti nyaatanii dhuganii, gammadi![53]
18Dhibaa'ummaan mana in duufisa, harka dachaafatanii taa'uunis mana in dhimm'isiisa;
19nyaati nama gammachiisuuf in hojjetama; daadhiin wayniis jireenyi akka namatti tolu in godha; horiin garuu wanta hundumaa namaaf in hojjeta.
20Garaa kee keessatti illee mootii, iddoo ciisichaa keettis sooressoota hin abaarin! Simbirri qilleensa keessa balali'u sagalicha fuudhee in adeema, wanti baalleedhaan ka'us dubbicha in hima.