Macaafa Lallabaa 12:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, ?Anatti hin tolan? ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu!

2Aduun, ifni, jiini, urjiinis utuu hin dukkanaa'in, bokkaa booddeedhaanis duumessi utuu hin dhufin, uumaa kee yaadadhu!

3Yeroo sanatti harki kee warri si eegaa turan, miillan kee warri ciccimoonis in hollatu; ilkaan kee waan muraasataniif nyaachuu in dadhabu, iji kee inni ilaalaa tures in dimimmisaa'a;

4yommus gurri kee lamaan dhaga'uu in dadhabu, ilkaan keetiin yommuu waa nyaattus sagaleen isaa hin dhaga'amu, namoonni yeroo simbirri wacutti in ka'u, sagaleen faarfannaa isaanii garuu sitti hin dhaga'amu.

5Yommus ati irraan-olee adeemuu, karaa irratti wanta sitti bu'us in sodaatta; rifeensi mataa keetii akka daraaraa mata-bokkee in ta'a, caaroon kee akka kan qorophisaa in dadacha'a; kajeellaan kees in hadooda; kana booddee iddoo boqonnaa bara baraa in dhaqxa, warri siif boo'anis karaa irra asii fi achi in yaa'u.

6Kanaafis bu'aa dhagna keetii keessaa wanti akka fo'aa meetii irraa hojjetame utuu hin citin, inni akka harkee warqee irraa hojjetame utuu hin cabin, wanti akka gomboo, burqaa bishaanii biratti utuu hin hurraa'in, inni akka geengoo ittiin bishaan boollaa waraabanis utuu hin cabin uumaa kee yaadadhu!

7Biyyoon gara biyyoo isa irraa dhufeetti deebi'uun, hafuurri immoo gara Waaqayyo isa isa kenneetti deebi'uun hin hafu*.

8Lallabichi, ?Wanti hundinuu waa'ee hin baasu! Dhugumaan waa'ee hin baasu, waa'ee hin baasu? jedhe*.[56]

9Lallabichi ogummaa kan qabu duwwaa utuu hin ta'in, waan ofii beeku saba in barsiise; inni fakkeenya baay'ee itti yaadee, qoree, tarree galchee in qopheesse;

10inni dubbii nama gammachiisu walitti qabee, dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas in caafe.

11Dubbiin warra ogeessaa akka ulee isa tiksituu biraa argatanii ittiin horii oofanii ti; jechi isaanii inni funaanamee walitti qabame, akka mismaara tarreetti cinqaarfamee ti.

12Yaa ilma ko, kana irrattis gorsa kanatti aanee jiru fudhadhu! Macaafota caafuu baay'isuun dhuma hin qabu, macaafa qoruu baay'isuunis nama in dadhabsiisa.

13Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana*.

14Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta'us hamaa ta'us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna*.[57]

cle>