1Ani ofii kootii, ?Mee dhaqeen gammachuu qoree, wanta gaariis ilaala!? jedhee nan ka'e; kunoo, kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha*;
2?Kolfi maraatummaa dha, gammachuunis maal namaaf godha?? nan jedhe*;
3daadhii wayniitiinis namummaa koo gammachiisuu nan yaade, yaadni garaa koo garuu amma iyyuu ogummaadhaan na geggeessaa jira; ani gowwaa fakkaadhee ilmaan namootaa bara muraasa itti biyya lafa irra jiraatan kanatti wanta gaarii gochuun isaaniif ta'u arguu barbaadeen ture*.
4Ani hojii koo nan bal'ifadhe; manneen nan ijaarradhe, mukkeetii wayniis nan dhaabbadhe;
5iddoo dhaabaa nan tolfadhe, mukkeetiis nan dhaabbadhe; mukkeetii ija garaa garaa godhatanis achi keessa nan dhaabe.
6Mukkeetiin caakkicha keessaa akka ittiin obaafamaniifis kuufama bishaanii achitti nan tolche.
7Garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe, garboonni manatti dhalatanis jiru; warra ana dura Yerusaalem keessa jiraatan caalaa saawwan baay'ee fi bushaayee baay'ee qabaadheera*.
8Meetii, warqee, badhaadhummaa mootonnii fi warri kutaa biyya garaa garaa bulchan qabaatanis walitti qabadheera; faarfatoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoota ilmaan namootaa itti gammadan baay'een qaba*.
9Warra ana dura Yerusaalem keessa jiraatan caalaas guddadheera, ogummaan koos anuma biratti hafe*.
10
11
12
13
14
15
16
17Wanti aduu jalatti hojjetamu waan na gaddisiiseefan jireenya jibbe; wanti hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis.
18Nama isa na booddee dhufuuf dhiisuun giddii waan anatti ta'uufan wantan aduu jalatti itti dadhabee hojjedhe hundumaa jibbe;
19namichi sun nama ogeessa yookiis gowwaa ta'uu isaa eenyutu beeka? Garuu inni wanta ani aduu jalatti itti dadhabee ogummaadhaan hojjedhe irratti gooftaa in ta'a; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha*.
20Kanaafan wanta harki koo aduu jalatti itti dadhabe hundumaaf deebi'ee garaa kutadhe;
21namni tokko ogummaa, beekumsaa fi harka-tolinaan wanta itti dadhabee hojjete hundumaa nama isa hin hojjetiniif dhiisuun giddii itti in ta'a; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, guddaas nama in gaddisiisa;
22namni wanta aduu jalatti itti dadhabee, garaa isaatiinis itti dhama'u hundumaa keessaa maal argata?
23Barri isaa hundinuu dhiphinaan, wanti inni itti dadhabus gaddaan guutuu dha; halkan illee yaadni isaa boqonnaa hin qabu; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha*.
24Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha mitii ree? Kunis immoo harka Waaqayyoo keessaa akka dhufu nan arge;
25Waaqayyo biraa yoo ta'e malee, eenyutu nyaachuu yookiis gammaduu danda'a ree*?
26Waaqayyo nama isa duratti gaarii ta'eef ogummaa, beekumsa, gammachuus in kenna; isa namni cubbamaan walitti qabee tuule garuu, Waaqayyo nama isa duratti gaarii ta'eef akka inni kennu in godha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis*.