Macaafa Lallabaa 3:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba*;

2dhalachuun yeroo qaba, du'uunis yeroo qaba; dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba*.

3Ajjeesuun yeroo qaba, fayyisuunis yeroo qaba; diiguun yeroo qaba, ijaaruunis yeroo qaba.[11]

4Boo'uun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba; gadduun yeroo qaba, sirbuunis yeroo qaba;

5dhagaa bittimsuun yeroo qaba, dhagaa walitti qabuunis yeroo qaba; ammachuun yeroo qaba, ammachuu dhiisuunis yeroo qaba;

6barbaaduun yeroo qaba, barbaaduu dhiisuunis yeroo qaba; kaa'uun yeroo qaba, gatuunis yeroo qaba;

7baqaqsuun yeroo qaba, hodhuunis yeroo qaba; calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba*;

8jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba; loluun yeroo qaba, nagaa buusuunis yeroo qaba*.[12]

9Namni wanta itti dadhabee hojjetu irraa bu'aa maalii argata*?

10Ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif dadhabbii Waaqayyo isaan irra kaa'e argeera*;

11Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee ta'u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa'eera; haa ta'u iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda'u*.

12Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka;

13namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyoo ti*;

14wanti Waaqayyo hojjetu hundinuu bara baraan akka jiraatu ani beeka; wanti isatti dabalamu yookiis isa irraa fuudhamu tokko illee hin jiru; Waaqayyo namni akka isa sodaatuuf wanta akkasii kana hojjete*.[13]

15Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'e turee dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida*.[14]

16Ammas ani aduu jalatti, qooda firdii qajeelaa, jal'ina, qooda qajeelinaas micciiramummaa nan arge;

17ani, ?Waaqayyo warra qajeelota, warra jal'ootas gara firdiitti in fida; wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba? jedhee, garaa koo keessatti nan yaade*.[15]

18Ilmaan namootaa immoo, ?Ofii isaaniitii akka bineensotaa akka ta'an haa arganiif Waaqayyo isaan qora? jedhee, garaa kootti nan yaade.

19Wanti namatti dhufuu fi wanti bineensatti dhufu tokkichuma; akkuma inni tokko du'u inni kaanis in du'a; hundumti isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa irra hin caalu; wanti hundinuu waa'ee hin baasu*.[16]

20Hundumti isaanii gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebi'u*;

21hafuurri namaa gara olii akka dhaqu, hafuurri bineensaas lafa keessa akka gad dhaqu eenyutu beeka?[17]

22Namni wanta itti dadhabetti gammaduun ga'aa isaa waan ta'eef, wanti kana irra caalu akka hin jirre argeera; wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru akka arguuf eenyutu deebisee isa fiduu danda'a ree*?[18]

le>