Macaafa Lallabaa 4:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas immoo cunqurfamuu aduu jalatti ta'aa jiru hundumaa deebi'ee ilaaluutti nan ka'e; imimmaan warra cunqurfamaniis nan arge, namni isaan jajjabeessu immoo tokko illee hin jiru. Humni gara warra isaan cunqursanii waan jiruuf, namni isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru*.

2Kana irrattan, ?Warra hamma ammaatti jiran irra warra kanaan dura du'an wayya*;

3warri hin dhalatin immoo jal'ina aduu jalatti hojjetamaa jiru waan hin arginiif, isaan kana lamaan irra iyyuu in wayyu? jedhee yaade*.[19]

4Wanti namni itti dadhabee harka-tolinaan hojjetu hundinuu nama keessatti hinaaffaa akka kaasu nan arge; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis;

5namni gowwaan harka isaa dachaafatee taa'ee, jireenya ofii isaatii balleessa*.

6Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya*.[20]

7Ammas immoo wanta waa'ee hin baafne tokko aduu jalatti nan arge;

8namni kophaa isaa jiraatu tokko, ilma yookiis obboleessa kan hin qabne, kana hundumaa irratti iyyuu dadhabbiin isaa dhuma kan hin qabne, badhaadhummaa isaatiinis ?Na ga'a? kan hin jenne yoo ta'e, namichi kun, ?Eenyuufan dadhabee hojjedha? Maaliifanis gammachuu of dhowwa?? in jedha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, hojii nama gaddisiisuu dhas*.[21]

9Wanti lama ta'anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta'uun kophaa ta'uu irra in wayya;

10inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu wayyoo!

11Namoonni lama walii wajjin yoo ciisan, wal in ho'isu, nama kophaa isaa ciisutti garuu, attamitti ho'uu danda'a ree?

12Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta'anii adeeman isaan mormuu in danda'u; fo'aan dachaa sadiin walitti fo'ame dafee hin citu.

13Mootii dulloomaa fi gowwaa isa gorsa namaa hin fudhanne mannaa, mucaa hiyyeessa ogummaa qabu wayya;

14namichi mana hidhaa keessaa ba'ee mootii ta'ee yookiis biyyuma isaa isa mo'aa jiru keessatti hiyyeessa ta'ee dhalate ta'a;

15wanti jiraatanii aduu jala deddeebi'an hundinuu, mucicha isa mooticha booddeedhaan dhufu duukaa akka bu'an nan arge;

16namoota lakkoobsa hin qabne bulchaa kan ture yoo ta'e iyyuu, warri booddeedhaan dhufan immoo isatti hin gammadan; kunis immoo dhuguma wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis.

le>