Macaafa Lallabaa 6:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Wanta hamaa namoota duratti mul'ataa ta'e tokko, ani aduu jalatti argeera;

2Waaqayyo nama tokkoof qabeenya, badhaadhummaa, ulfinas in kennaaf; namichi kun wanta jireenya isaatiif barbaachisu keessaa tokko illee kan itti hir'atu hin jiru; garuu ormatu qabeenya isaa nyaata malee, Waaqayyo akka inni qabeenya ofii isaatii nyaatu isa hin goone; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha, dhukkuba hamaa dhas*.

3Namni tokko ijoollee dhibba iyyuu godhatee, bara baay'ees yoo jiraate, garuu wanta gaarii jireenya isaatti argatutti hin gammadu yoo ta'e, awwaalas hin argatu yoo ta'e, ani, ?Nama akkasii irra isa iddoo hin ga'in dhalatee balleeffame wayya? nan jedha;

4inni iddoo hin ga'in dhalatee balleeffamu, kan waa'ee hin baafnee dha; dukkanaan dukkanatti in darba, maqaan isaas deebi'ee hin dha'amu.

5Aduu hin argine, hin beeknes; kanaaf inni iddoo hin ga'in dhalatee balleeffame nama sana caalaa boqonnaa qaba*;

6namichi sun bara kuma lama iyyuu jiraatee wanta gaarii hin argine yoo ta'e, lachanuu iddoodhuma tokko dhaqu mitii ree?[29]

7Itti dadhabee hojjechuun namaa hundinuu qoonqoodhuma isaatiif; kanuma keessaa iyyuu fedha isaa utuu hin guuttatin in hafa.

8Namni ogeessi nama gowwaa caalaa maal bu'aa qaba? Namni deegaan namoota gidduu akka itti jiraatu beekuun isaa maal bu'aa qabaaf?

9Wanta argachuudhaaf yaadaan jooran irra, wanta of biratti argatan wayya; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis.

10Wanti amma jiru duruma maqaa kanaan moggaafame, namni maal akka ta'e duruma beekame; namni isa isa caaluun mormuu akka hin dandeenyes beekamaa dha*.

11Dubbiin yommuu baay'atu wanta waa'ee hin baafnetu baay'ata; isa keessaas namni maal bu'aa argata?

12Namni bara jireenya isaa isa waa'ee hin baafne, isa gabaabaa isa akka gaaddisaa darbu kana keessa utuu jiruu, wanta isaaf gaarii ta'e eenyutu beeka? Erga inni du'ee wanta aduu jalatti si'achi ta'uuf jirus eenyutu isatti himuu danda'a*?[30]

le>