1 Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du'an wayya*;
2 mana cidhaa dhaquu mannaa, mana gaddaa dhaquu wayya; duuni dhuma nama hundumaa ti, warri jiranis garaa isaaniitti isa in yaadatu;
3 kolfuu irra gadduu wayya; fuulli namaa yommuu gaddu garaan namaa in gammada;
4 garaan warra ogeessaa mana gaddaa jira, garaan warra gowwootaa garuu mana gammachuu jira;
5 faarfannaa warra gowwootaa dhaggeeffachuu irra, ifata nama ogeessaa dhaggeeffachuu wayya;
6 kolfi nama gowwaa akka qoraattii xuwwee jalaa xaaxa'uu ti; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha.[31]
7 Wanti doorsisaan argamu nama ogeessa in maraacha, gabbarsuunis amala namaa in balleessa*;
8 jalqaba gaarii irra, dhuma gaarii wayya; nama of korsu irra, nama obsu wayya;
9 aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin![32]
10 ?Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?? jettee hin gaafatin! Gaaffiin akkasii gaaffii nama ogeessaa miti.
11 Ogummaan qabeenyaa wajjin gaarii dha; warra lafa irra jiraataniif bu'aa qabdi;
12 akkuma horiin nama golgu, akkasuma ogummaan nama in golgiti; caalaatti immoo ogummaan jireenya warra ishee argatanii nagaatti in eegdi*.[33]
13 Wanta Waaqayyo hojjete mee ilaali! Kan inni dabse, eenyutu qajeelchuu danda'a ree*?
14 Namni wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru hin beeku; kanaafis ati bara gaariitti gammadi! Barri hamaan yoo dhufe immoo, Waaqayyo isa kana, isa sanas akka uume yaadadhu*![34]
15 Ani bara jireenya koo isa waa'ee hin baafne kana keessa wanta baay'ee argeera; namni qajeelaan tokko utuma qajeelaa ta'ee jiruu in bade, namni jal'aan tokko immoo utuma jal'aa ta'ee jiruu bara dheeraa in jiraate*;
16 maaliif nama qajeelaa fi nama ogeessa keessa-ba'aa taatee of balleessita*?
17 Maaliif nama jal'aa fi nama gowwaa keessa-ba'aa taatee, yeroo kee malee duuta*?
18 Wanta tokko yommuu qabattu, isa kaanis lafa hin buusin! Namni Waaqayyoon sodaatu, qabaa wanta hundumaa beeka*.[35]
19 Wanta bulchitoonni kudhan mandara tokkoof hin hojjenne, ogummaan nama ogeessa tokkoof hojjetti*;
20 haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru*.
21 Si abaaruu hojjetaa keetii haasaa keessa akka hin dhageenyetti, wanta namni dubbatu hunduma isaa yaadaan hin qabin!
22 Atis si'a baay'ee nama akka arrabsite garaan kee iyyuu beeka.[36]
23 Ani ?Wanta kana hundumaa ogummaadhaan qoree ogeessa nan ta'a? jedhee, nan yaade; garuu ogummaan anattii in fagaatte;
24 wanta akkas iddoo fagoo jiruu fi wanta baay'ee gad fagoo ta'e, eenyutu barbaadee arguu danda'a?
25 Kanaafan ani yaada koo gara beekumsaatti, gara waa qoruutti, gara ogummaa barbaaduutti, gara hundee waan hundumaatti, gara dadhabbii warra gowwootaa beekuutti, gara gowwummaa warra qalbii hin qabne hubachuutti deebise.
26 Ani wanta du'a caalaa hadhaa'u nan arge; innis dubartii yaadni ishee akka kiyyoo fi futtaasaa ta'e, harki ishees akka funyoo sibiilaa ta'ee dha; namni Waaqayyo duratti gaarii ta'e ishee jalaa in ba'a; namni cubbamaan garuu isheedhaan in qabama*.[37]
27 ?Kunoo! Ani wanta kana walitti qabaa isaa argachuudhaaf, tokko tokkoon qoree argeera? jedha lallabichi.
28 Wanta ani barbaadaa ture amma illee hin arganne; namoota kuma keessaa nama yaada qajeelaa qabu tokko argadheera, garuu isaan kana hundumaa keessatti dubartii yaada qajeelaa qabdu tokkittii illee hin arganne.
29 Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume; namoonni immoo yaada baay'ee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa bu'uu in barbaadu. Kunoo, wanta ani qore hundumaa keessatti isa kana duwwaan arge.
Bible Society of Ethiopia