1
2
3
4
5
6
7
8
9
10Ergasiis warri hamoonni iddoo qulqullaa'aadhaa gad ba'aa, ol galaa turan akka awwaalaman nan arge; naannoon isaan jal'ina keessatti hojjechaa turanis isaan hin yaadatu; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha;
11adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata*.
12Namni cubbamaan si'a dhibba hamaa hojjetee bara dheeraa yoo jiraate illee, warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa caalaa gaariitti akka jiran ani beeka.
13Namni hamaan garuu Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura waan hin deddeebineef, bara isaa akka gaaddisaa dheereffachaa hin adeemu*.
14Wanti waa'ee hin baafne lafa irratti hojjetamu tokko jira; innis, isa wanta namoota qajeelotaaf ta'u warri jal'oonni argatanii, isa warra jal'ootaaf ta'u immoo warri qajeelonni argatanii dha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha*.
15Namni bara lafa irra jiraatutti nyaatee, dhugee, gammaduu irra kan caalu qannoon waan hin jirreef, ani gammachuu nan jaja; gammachuun kun bara isa Waaqayyo lafa irratti akka namni itti dadhabee hojjetuuf kenneef kana keessatti isa bira kan jiruu dha*.
16Ani ogummaa qoree baruuf, wanta lafa irratti hojjetamus arguuf yaada koo irra kaa'eera; namni kana qoruu barbaadu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatu;
17ergasiis ani wanta Waaqayyo aduu jalatti hojjete hundumaa namni tokko illee hubachuu akka hin dandeenye nan arge; namni hamma fedhe illee itti yaadee yoo qore, hiikaa wanta lafa irratti ta'aa jiruu argachuu hin danda'u; namni ogeessi kana kan beeku yoo of se'e iyyuu, qoree bira ga'uu hin danda'u*.