1Ani wanta kana hundumaa garaatti qabadheera, qoreeras; namoonni qajeelonnii fi ogeeyyiin hojii isaanii wajjin harka Waaqayyoo keessa jiru; wanti isaan eeggatu jaalala ta'ee fi jibba ta'ee isaa namni beekuu hin danda'u.
2Nama hundumaatti isa qajeelaa fi isa jal'aatti, isa gaarii fi isa gadheetti, isa qullaa'aa fi isa qullaa'aa hin ta'initti, isa gaarii fi isa cubbamaatti, isa kakuudhaan dubbii isaa jabeessuu fi isa kakachuu sodaatutti wanta tokkichatu dhufa*.
3Wanta aduu jalatti hojjetamu hundumaa keessaa inni hamaan isa namoonni hundinuu dhuma tokkicha argatanii dha; kanuma irratti iyyuu garaan ilmaan namootaa hamminaan guutuu dha, bara jiraatan hundumaattis maraatummaan garaa isaanii keessa jira; kana booddee immoo in du'u*.
4Garuu warra jiraatan gidduu kan jiraatu abdii qaba; leenca du'e irra saree jiru wayya.
5
6
7
8
9Bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaa kana keessatti haadha manaa kee ishee jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi! Aduu jalatti isa kanatti akka jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne; bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaatti wanta ati aduu jalatti itti dadhabdee hojjetteef qoodni kee isa kana*.
10Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu! Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.
11
12
13Ammas ani aduu jalatti wanta ogummaa guddaa anatti fakkaatu tokko nan arge;
14innis, mandarri xinnoon namoonni muraasi keessa jiraatan tokko turte; mootii guddaan tokko dhufee lola itti kaasee ishee marsee, wanta ittiin masaraa ishee yaabanis guddisee naannessee itti in ijaare.
15Namni hiyyeessi achi keessa jiraatu tokko immoo ogummaa isaatiin mandarattii badiisa in oolcha ture, garuu namichi hiyyeessi kun achi akka jiru namni tokko illee hin yaadanne;
16kanaafan, ?Ogummaan jabina irra in caalti? jedhe; haa ta'u iyyuu malee, namichi kun hiyyeessa waan ta'eef, ogummaan isaa in tuffatame, dubbii isaas namni dhaga'u hin turre*.
17
18