Macaafa Miikiyaas Raajichaa 1:1-16 GAZB1997 - Bible AI
1Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti Yihudaa irratti mo'anitti gara Miikiyaas nama mandara Mooresheet dhufeef, mul'ata isa waa'ee Samaariyaa fi waa'ee Yerusaalemiif itti mul'atee dha*.[1]
2Waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa isaa keessaaisin irratti dhugaa in ba'a;sabni lafa irraa guutummaattiwaan gooftichi jedhu haa dhaga'an!Biyyi lafaa, warri isa keessa guutanisyaadaan haa qaban!
3Ilaa! Waaqayyo iddoo jiruu in ba'a, gadis in bu'a,lafa ol jedhaa gara irraas in adeema*.
4Tulloonni akka gagaa ibiddi baqsuuisa jalatti in baqu,akka lafa bishaan irraan-gadeelola'u qotuuttisdachaawwan in tatarsa'u*.[2]
6Kanaafis Waaqayyo,?Ani mandara Samaariyaacaccabsee lafatti nan dabala,lafa muka waynii dhaabanisisa nan godha;dhagaa ijaarsa mana isheetiidachaatti gad nan naqa,hundee ishees bakkeetti nan baasa.
7Bifni fakkeenyaa isheen waaqessituhundinuu in hurreeffamu,galchiin ishee keessatti argamuhundinuus ibiddaan in gubama,waaqayyoliin tolfamoon isheeakka gatii dhaban nan godha,wanti isheen waaqayyolii isheetiif hojjechuufejjaan argatte immoo deebi'eehojii ejjummaaf in ta'a? jedhe*.[3]
8Sababii kanaaf ani nan boo'a nan wawwaadha,miilla qullaa, uffata malees nan adeema;akka waangoo nan wawwaadha,akka guchii goromtiis nan boo'a*.
9Madaan rukuttaa mandarattiiisa fayyu miti;gara biyya Yihudaa dhufeera,karra Yerusaalemishee kan saba kootii bira iyyuu ga'eera.[4]
10Mandara Gaatitti kana hin himinaa!Mandara Aakoo keessatti hin boo'inaa!Mandara Bet-Le'aafraatti immooawwaara keessa gangaladhaa*!
11Isin warri mandara Shaafiirqullaa keessan yeelloodhaan ba'aa!Warri Zaanaan mandaraa isaaniitiigad hin ba'in!Boo'ichi mandara Bet-Ezelachi isin hin dhaabachiisu;