3Kanaafis Waaqayyo in dubbata, ?Ani dhaloota kana irratti wanta hamaa nan yaada; yeroo hamaan ta'uuf waan jiruuf, isin morma keessan isa jalaa baafachuu hin dandeessan; mataa irra-keessa qabattaniis hin adeemtan.
4Gaafas weedduu yaada gad fagoo of keessaa qabu isinitti in weeddisu, boo'icha hadhaa'aadhaanis in boo'u, ?Nuyi raawwannee diigamneerra, Waaqayyo ga'aa saba keenyaa in geddara; attamitti nu harkaa baasa laata! Inni lafa keenya warra isa gananiif in hira? in jedhu.
5Kanaafis wal ga'ii gooftichaa keessatti, nama muka buusuudhaan lafa isiniif hiru tokko illee hin argattan? in jedha.
6Isaan, ?Hin lallabinaa! Wanti akkasii waan lallabamu miti! Salphinnis nu irra hin ga'u*!
7Yaa mana Yaaqoob, wanti akkasii in jedhamaa ree? Hafuurri Waaqayyoo obsa dhabee ree? Hojiin isaas kan akkasiitii ree? Isa gara-qajeelinaan deddeebi'uuf immoo dubbiin isaa waan gaarii hin godhuufii ree?? jedhanii in lallabu.[8]
8Waaqayyo immoo, ?Isin garuu akka diinaatti saba koo irratti in kaatan, warra duulaa deebi'anii ?Nagaa dha? jedhanii amanatanii achiin darban irraas wayyaa isaanii isa irra-keessatti uffatan irraa in baafattan*.
9Dubartoota saba koo mana isaanii isa isaanitti tolu keessaa gad ooftan; simboo ani ijoollee isaaniif kennes bara baraan irraa fudhattan*.
10Xuraa'ummaan waan isa balleessuuf, badiisi gaddisiisaanis waan isa mancaasuuf, iddoon kun lafa itti boqotan miti; ka'aa asii adeemaa!? jedhe.
11Namni tokko dhufee qilleensa keessaa fuudhee soba yoo dhageessise, ?Ani waa'ee daadhii waynii fi waa'ee dhugaatii jabaa isinitti nan lallaba? yoo jedhes, saba kanaaf isatu lallabaa dha*.[9]
12Waaqayyo, ?Ani dhuguma hunduma keessan walitti nan sassaaba, yaa sanyii Yaaqoob! Saba Israa'el keessaas warra hafan walitti nan qaba; akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa, akka karra dheedicha irra jiruus tuuti namootaa in huursu? jedhe*.
13Inni cabsee karaa banu isaan dura in ba'a; isaan cabsanii balbala kellichaa keessa darbanii jalaa in ba'u; mootiin isaanii darbee isaan dura in adeema, Waaqayyo isaan dura in bu'a*.[10]