Macaafa Miikiyaas Raajichaa 3:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus ani warra ijoollee Yaaqoobiif dura buutuu ta'aniin, warra mana Israa'el geggeessaniinis, ?Mee dhaggeeffadhaa! Wanta qajeelaa ta'ee fudhatame beekuun isiniif hin ta'uu ree?

2Isin garuu wanta gaarii in jibbitu, wanta hamaa immoo in jaallattu; namoota irraa gogaa isaanii, lafee isaanii irraas foon isaanii in qunciftu.

3Foon saba kootii kan nyaatu, gogaa isaanii kan irraa baasu, lafee isaanii kan caccabsu, akka nama foon xuwweetti naquudhaaf murmuruu, huurootti naquudhaafis kukkutuu kan godhu, isin!

4Yeroon itti isin gara Waaqayyootti iyyitan in dhufa, inni garuu isiniif hin deebisu; isin hamaa waan hojjettaniif, inni yeroo sanatti fuula isaa isin duraa in dhoksa? nan jedhe*.[11]

5Raajonni warri saba koo karaa irraa kaachisan, waan nyaatan argannaan ?Nagaa dha? jedhanii in himu; nama waa afaan hin keenyeen immoo ?Lolatu ka'e? in jedhu; Waaqayyo warra akkasii kanaan*,

6?Isin raajota kanatti halkan isinitti in ta'a, mul'ata hin argitan; isinitti in dukkanaa'a, hoodas hin dubbattan; aduun isin duraa in lixxi, guyyaanis isinitti in dukkanaa'a.

7Warri waan akka mul'ataa argaa turan in yeella'u, warri hooda dubbachaa turanis in qaana'u; Waaqayyo biraa deebiin waan dhabameef, hundumti isaanii mataa in qabatu*.

8Ani garuu Yaaqoobitti irra-daddarbaa isaa, Israa'elitti cubbuu isaa himuudhaaf humna, hafuura Waaqayyoo, wanta dhugaa ta'e beekuu, ija jabina guutuus argadheera*.[12]

9?Isin warri mana Yaaqoobiif dura-buutuu taatan, warri mana Israa'el geggeessitan kana dhaggeeffadhaa! Wanti qajeelaa ta'ee fudhatame isin in jibbisiisa, wanta qajeelaa hundumaas in jal'iftu.

10Isin Xiyoonin dhiiga dhangalaasuudhaan, Yerusaaleminis jal'inaan in ijaartu*.

11Warri dura-buutuu ishee ta'an gabbarsuu fudhatanii firdii in kennu, luboonni ishee gatii fudhatanii nama in gorsu, raajonni ishees horii fudhatanii hooda in dubbatu; kanuma irratti iyyuu, ?Waaqayyo nu gidduu jira mitii ree? Wanti hamaan nu hin argatu? jedhanii ana Waaqayyoon in abdatu? jedhe*.

12Ammas sababii keessaniif Xiyoon lafa qotiisaa taatee in qotamti, Yerusaalem lafa tuullaa dhagaa caccabaa in taati, tulluun manni qulqullummaa irra jirus lafa ol jedhaa caakkaan fudhate in ta'a*.[13]

ter>