Macaafa Miikiyaas Raajichaa 5:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Nuyi amma marfamneerra, yaa warra mandara loltootaa, loltummaa keessaniin walitti qabamaa! Warri nu marsan isa Israa'elin seerratu uleedhaan maddii isaa in rukutu*.[18]

2Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti*.

3Hamma bara isheen isa da'uuf jirtu sun deessutti, gooftichi waa'ee namoota sanaa in dhiisa; obboloota isa dhalatu sanaa keessaa warri hafan gara biyyaa, gara ijoollee Israa'elitti in deebi'u*.

4Inni mo'u sun jabaatee in dhaabata, humna Waaqayyootiin, ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiinis isaan in tiksa; guddinni isaa hamma andaara lafaatti in beekama; warri tika isaa jala jiranis nagaatti in jiraatu*.

5Isumatu immoo nagaa isaanii ti; yommuu warri Asor biyya keenyatti darban, mana keenya warra jajjaboottis lixan, nuyi geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeetis itti in kaafna*.

6Isaan warra biyya Asor billaadhaan, warra biyya Naamrodis billaa luqqifamaadhaan in tiksu; inni sun immoo harka warra Asorii dhufanii biyya keenyatti darbanii lafa keenya irra ejjetanii, nu oolcha.[19]

7Ijoollee Yaaqoob keessaa warri hafan saba baay'ee gidduutti akka fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akka tiifuu biqiltuu irratti roobuus in ta'u; nama hin abdatan, ijoollee namaas hin eeggatan*.

8Ijoollee Yaaqoob keessaa warri hafan namoota lafa irraa keessatti saba baay'ee gidduutti, akka leenca bineensa caakkaa gidduu jiruu ti; isaan akka leenca saafela isa karra hoolotaa gidduu lixee qabee tatarsaasuu, isa namni afaan isaa keessaa oolchu hin jirrees in ta'u.

9Harki keessan warra isin cunqursan irratti ol haa ka'u; diinonni keessan hundinuu lafa irraa haa balleeffaman![20]

10Waaqayyo, ?Gaafas waanan godhu beeka! Fardeen kee si gidduudhaa nan balleessa, konkolaataa ati lolaaf qopheeffattes nan caccabsa;

11mandaroota biyya keetii lafa irraa nan balleessa, marsaa ati qabdu hundumaas lafatti nan dabala;

12qoricha ittiin nama doorsiftu si harkaa nan balleessa; moora-ilaaltuus deebitee hin qabaattu;

13bifa fakkeenya kee, utuboota dhagaa ati jalatti hirreefattus biyya kee keessaa nan balleessa; ati wanta harka keetiin qopheessitetti deebitee hin sagaddu.

14Mukkeetii ati qiqqirixxee waaqayyittii tolfamtuuf dhaabde si gidduudhaa nan bubuqqisa, mandaroota kees nan jijjigsa*.

15Saba lafa irraa warra anaaf hin dhageenye hundumaa aariidhaa fi dheekkamsaan ijaa nan ba'a? jedhee dubbateera.[21]

ter>