Macaafa Miikiyaas Raajichaa 6:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas wanta Waaqayyo jedhu dhaga'aa! ?Ka'i, dhimma koo tulloota duratti dhi'eessi, gaaronnis sagalee kee haa dhaga'an!? anaan jedhe*.

2Isin yaa tulloota nana, isinis hundeewwan lafaa warri bara baraan jiraattan, hadheessa Waaqayyo dhi'eessu dhaggeeffadhaa! Waaqayyo saba isaa waan ittiin hadheessu qaba, Israa'elittis in falma.[22]

3Waaqayyo, ?Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Maaliinan si dallansiise? Anatti himi*!

4Anoo biyya Gibxiitii sin baase, garbummaa jalaas sin fure; Museen, Aaronii fi Miiryaam akka si geggeessaniif isaan ergeera*.

5Yaa saba ko, wanta Balaaq mootiin Mo'aab gochuuf korate, wanta Bala'aam ilmi Be'or deebiseefis, hojii koo isa qajeelaa akka hubattuuf iddoo ?Shiixiim? jedhamuu hamma mandara Giilgalitti wanta ta'es yaadadhu!? jedhe*.[23]

6Ani maal fudhadhee Waaqayyo duratti dhi'aadhu? Waaqayyo isa ol gara irraa jiru durattis attamitti gugguufu? Qalma gubamuu fi jabboota waggaa tokkoo fudhadhee fuula isaa duratti dhi'aadhuu ree*?

7Gooftichi korbeeyyii hoolaa kumatti, dhadhaa ejersaa akkuma bishaaniitti lagoota kuma kudhan keessa yaa'utti in gammadaa ree? Irra-daddarbaa koo fi ilma koo isa angafa, lubbuu koo oolfachuudhaafis dhala koo aarsaa cubbuu godhee dhi'eessuu ree*?

8Inni wanta gaarii ta'e sitti himeera, yaa namaa! Wanta qajeelaa ta'ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebi'uu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree*?[24]

9Sagaleetu dhaga'ama! Waaqayyo mandaricha in waama; maqaa isaa sodaachuun ogummaa dha, kanaaf yaa gosaa, yaa wal ga'ii mandarichaa dhaga'aa!

10Waaqayyo, ?Qabeenyi gar-malee walitti qabame, qodaan safaraa gad deebi'aan inni abaaramaanis amma iyyuu mana warra jal'ootaa keessa jiraa ree*?

11Nama miijana jal'isuudhaan dhagaa safaraas korojoo keessaa fuudhee waliin dha'uudhaan hojjetu calluma jedhee nan dhiisaa ree*?

12Hojiin dureessota isheetii humnaan nama irratti ka'uudhaan guuteera, warri achi keessa jiraatanis soba in dubbatu, arrabni isaaniis haxxummaadhaan in gowwoomsa*.[25]

13?Kanaafis ani rukutee sin dhukkubsachiisa, sababii cubbuu keetiifis sin onsa.

14Ati in nyaatta garuu hin quuftu, garaan kee keessi amma iyyuu in beela'a; in dhokfatta, garuu siif hin oolu; isa ati baqachiifattu immoo ani billaadhaaf nan kenna.

15In facaafta garuu hin galfattu, dhadhaa ejersaa in baafatta, garuu ofii hin dibattu; ija waynii in cuunfatta, garuu daadhii isaa hin dhugdu*;

16ani akkan si onsuuf, warra si keessa jiraatanis ga'oof akkan godhuuf, salphina saba koos akka baattuuf, ati waan bara mooticha Omriitti amala ta'e, wanta mana mooticha Ahaab keessatti hojjetamu hundumaas eegdeetta? in jedha*.[26]

ter>