5Hidhata keessan hin amaninaa;fira isinitti dhi'aatus hin amanatinaa;haadha manaa kee ishee ammattee ciiftutti iyyuuwaa himuu irraa of eeggadhu!
6Ilmi ?Joonja'aa dha?jedhee abbaa isaa in tuffata,intalli haadha ishee irratti,haati manaa ilmaasamaatii ishee irratti in kaati,diinonni nama tokkooswarra mana isaa keessaa in ta'u*.
7Ani garuu abdiidhaangara Waaqayyoo nan ilaala,Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha,Waaqayyotu anaaf dhaga'a*.[28]
8Ani kufeera garuu deebi'ee nan ka'a,dukkana keessa nan jiraadha;Waaqayyo garuu ifa koo ti;yaa diinota ko,egaa anatti hin gammadinaa*!
9Ani Waaqayyoon waanan yakkeefhamma inni dubbii koo ilaaleedhugaa koo anaaf baasuttidheekkamsa isaa isa boba'aa nan baadha;inni gara ifaatti na baasa,ani immoo qajeelina isaaargee nan gammada*.
10Diinonni koo warri,?Waaqayyo gooftaan kee eessa jira??anaan jedhan kana in argu,yeelloonis isaan in qabata;karaa keessattis akkuma kosiittidhidhiitamuu isaanii arguutti nan gammada*.[29]
11Gaaf tokko masaraawwan keedeebi'anii in ijaaramu;gaafas daariin kee in bal'ata.
12Bara sanatti namoonni keewarri biyya Asoriihamma biyya Gibxiitti,Gibxii hamma laga Efraaxiisitti,galaanaa hamma galaanaatti,tulluudhaa hamma tulluuttitamsa'anii jiraatangara kee in dhufu.
13Ija hojii hamaa warri isa irra jiraatanhojjetan irraa kan ka'e,lafti in ona*.[30]
15Akkuma bara biyya Gibxiitiiisaan baafte sanaattidinqii nutti argisiisi*!
16Sabni lafa irraa kana arganii,humna isaanii hundumaakeessaa immoo in yeellaasifamu,afaan isaanii in qabatu,gurri isaaniis in duuda.
17Isaan akka bofaa,akka warra lafa munyuuqaniisbiyyoo in araabu, rom'aasiddoo cufatanii taa'an keessaa in ba'u;si sodaachuu irraa kan ka'erifatanii gara kee,gara Waaqayyo gooftaa keenyattigara in galu*.[31]
18Yaa Waaqayyo, kan akka keecubbuu namaaf dhiisu eenyu ree?Ati dhuunfaa kee kan ta'ankeessaa warra hafaniifballeessaa isaanii irra in darbitaaf;ati gaarummaatti in gammadda malee,dheekkamsa keessa hin ooltu*.
19Ati deebitee araaranutti in argisiifta;yakka keenya miilla kee jalatti in gatta,cubbuu keenya hundumaasgalaana gad fagoo keessa in buufta.
20Ati akkuma bara duriitti abboota keenyaaf kakattetti,ijoollee Yaaqoobitti amanamummaakan Abrahaamittisgaarummaa in argisiifta*.[32]