1Baras Abiiyaan ilmi Yerobi'aam in dhukkubsate.
2Yerobi'aam mootichi haadha manaa isaatiin, ?Maaloo, ka'iitii, haadha manaa koo ta'uun kee akka hin beekamnetti wallaalchifadhuutii gara Shiiloo iddoo Ahiiyaan raajichi inni saba kana irratti mootii akkan ta'u anatti hime jiru dhaqi*!
3Yommuu dhaqxu buddeena kudhan, bixxillee xixinnoo, damma cuggee tokkos harkatti qabadhuu dhaqiitii mucaan kun attam ta'uuf akka jiru gaafadhu! Innis sitti in hima? jedhe.
4Yommus haati manaa Yerobi'aam mootichaa akkuma inni jedhe gootee, kaatee mandara Shiilootti gara mana Ahiiyaa in dhaqxe; Ahiiyaan garuu dulluma irraa kan ka'e iji isaa arguu dadhabee ture.
5Waaqayyo garuu, ?Kunoo! Haati manaa Yerobi'aam ilmi ishee waan dhukkubsateef si gaafatachuuf dhufaa jirtiitii, ati immoo, ?Akkas, akkas? jedhiitii deebii isheedhaaf kenni! Isheen nama biraa fakkaattee gara kee in dhufti? jedhee Ahiiyaatti in dubbate.
6Ahiiyaan sagalee faana isheetii balbala irratti yommuu dhaga'e, ?Yaa haadha manaa Yerobi'aam, mee ol lixi! Maaliif dubartii biraa of fakkeessita? Ani oduu gadhee tokko sitti himuudhaaf ergameera;
7dhaqiitii wanta Waaqayyo gooftaan Israa'el jedhu Yerobi'aamitti himi! Inni, ?Ani namoota gidduudhaa si kaasee geggeessituu saba koo Israa'el akka taatuuf si fo'adheen ture;
8ani mootummaa sanyii Daawit irraa cabseen siif kenne; ati garuu akka Daawit garbicha koo isa wanta ija koo duratti qajeelaa ta'e duwwaa gochuudhaan abboommii koo eegee, garaa isaa guutuudhaan ana duukaa bu'e hin taane.
9Ati sibiila baqfamaa irraa bifa fakkeenyaa fi waaqayyolii tolfamoo hojjechiifattee dhaabbachuudhaan ana aarsitee ana dheekkamsiisuudhaan mootota si dura turan hundumaa caalaa wanta hamaa in hojjette; dugdas anatti in gatte.
10? ?Kanaafis ani kunoo, maatii Yerobi'aam irratti wanta hamaa nan fida; maatii isaa kan ta'e garba yookiis birmaduu utuu hin jedhin, dhiira hundumaa Israa'el keessaa nan balleessa; akka nama kosii haree balleessutti maatii Yerobi'aam keessaa warra hafan hundumaa haree nan balleessa*.
11Maatii Yerobi'aam keessaa warra mandara keessatti du'an sarootatu nyaata; warra bakkee keessatti du'an immoo allaattota qilleensa keessa balali'antu nyaata; ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedha*.
12Egaa ati amma gara manaatti deebi'i! Akkuma ati mandarichatti lixxeen immoo mucichi in du'a.
13Israa'eloonni hundinuu boo'aniifii isa in awwaalu; maatii Yerobi'aam keessaa namni Waaqayyo gooftaan Israa'el itti gammade isa duwwaa waan ta'eef, inni awwaalcha in argata.
14?Waaqayyo, nama Israa'el irratti mootii ta'ee, har'uma kana maatii Yerobi'aam raawwatee balleessu ofii isaatii in kaafata; eyyee, ammuma iyyuu maalitti jiraa iyyuu!
15Israa'eloonni Waaqayyoon aarsanii dheekkamsiisuudhaaf Asheeraa waaqayyittii tolfamtuudhaaf mukkeetii qiqqirixanii waan dhadhaabaniif, Waaqayyo isaan rukutee akka dhallaadduu bishaan keessaa isaan in raasa, biyya gaarii isa abboota isaaniitiif kenne keessaas isaan buqqisee, laga Efraaxiis gamatti isaan in bittimsa*.
16Sababii Yerobi'aam ofii isaatii cubbuu hojjetee, Israa'eloota immoo cubbuu hojjechiiseef Waaqayyo saba Israa'el gatee in dhiisa? jedhe*.
17Yommus haati manaa Yerobi'aam kaatee gara biyya Tiirzaatti in deebite; akkuma isheen buusaa balbalaa irra geesseen mucichi in du'e.
18Waaqayyo karaa hojjetaa isaa Ahiiyaan raajichaa akkuma dubbatee ture, Israa'eloonni guutummaatti boo'aniif isa in awwaalan.
19Wanta Yerobi'aam mootichi bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa warri hafan, attamitti lolaa akka ture, attamittis mo'aa akka ture, macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti kunoo, caafameera.
20Yerobi'aam waggaa digdamii lama erga mo'ee booddee in du'e; Naadaab ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e*.
21Rehobiyaam ilmi Solomoon biyya Yihudaatti mootii yommuu ta'e, nama waggaa afurtamii tokkoo ture; inni Yerusaalem mandara ishee Waaqayyo mandaroota gosoota Israa'el hundumaa keessaa fo'atee, ulfinni maqaa isaa achi keessa akka taa'u godhe keessatti waggaa kudha torba in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Na'aamaa? jedhama; isheen durba warra Amoon turte*.
22Warri Yihudaa Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjetan; isaan cubbuu hojjetan sanaan abboota isaanii caalaatti Waaqayyoon tuttuqanii in aarsan*.
23Isaan tulluu dheeraa hundumaa irratti, mukkeetii baala lalisaa qaban hundumaa jalattis iddoowwan sagadaa ol ka'oo in tolfatan, utuboota dhagaa qulqullaa'ootti ilaalamanii fi bifa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu mukkeetii irraa qiqqirixamanii hojjetaman in dhadhaabatan.
24Biyyicha keessa dhiironni galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'an iyyuu jiru turan; isaan akkuma warra kaanii warra Waaqayyo Israa'eloota duraa oofee baasee, wanta ciiggaasisaa Waaqayyo jibbu in hojjetan*.
25Rehobiyaam mootii ta'ee waggaa shanaffaa isaatti, Shiishaaq mootiin biyya Gibxii mandara Yerusaalemitti in duule*.
26Inni qabeenya mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessa jiru hundumaa fi gaachana Solomoon mootichi warqee irraa hojjechiise hundumaa saamee fudhatee in sokke*.
27Rehobiyaam mootichi qooda gaachanoota sanaa sibiila borrajjii irraa gaachanoota hojjechiisee, harka ajajjuu warra balbala kellaa mana mootummaa eeganiitti in kenne.
28Eegdonni yeroodhuma mootichi gara mana qulqullummaa dhaqu gaachanoota sana fuudhanii in qabatu, kana booddee immoo gara kutaa mana eegdotaatti in deebisu turan.
29Waa'een Rehobiyaam mootichaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?
30Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara isaanii hundumaa wal lolaa turan.
31Rehobiyaam du'ee, mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; maqaan haadha isaatii ?Na'aamaa? jedhama; isheen durba warra Amoon turte; Abiiyaan ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.