1Ahaab mootichi wanta Eliyaas hojjete hundumaa, attamittis raajota Ba'aal hundumaa billaadhaan akka fixe Iizaabel haadha manaa isaatti in hime*.
2Kana irratti Iizaabel gara Eliyaasitti nama ergitee, ?Akkuma ati raajota Ba'aal fixxe, bor yowwana yoon si ajjeesuu dhabaadhe, waaqayyoliin ana haa ajjeesan!? jette.
3Yommus Eliyaas sodaatee lubbuu isaa oolfachuuf ka'ee in baqate; Yihudaa keessaa mandara Bersheebaa yommuu ga'e, naa'oo isaa achitti dhiisee,
4ofii isaatii lafa onaa keessa adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemee booddee, muka akka dhandhansaa tokko jala in taa'e; achittis, ?Ani abboota koo irra waanan hin wayyineef, amma na ga'aatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!? jedhee in kadhate*.
5Inni mukicha jala gad ciisee rafaa utuu jiruu, kunoo, ergamaan Waaqayyoo tokko dhufee isa rurrukutee, ?Ka'iitii nyaadhu!? jedheen.
6Yommus Eliyaas dammaqee asii fi achi ilaalee, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti in arge; ka'ees bixxillicha nyaatee, bishaanichas dhugee deebi'ee in rafe.
7Ergamaan Waaqayyoo sun si'a lammaffaa deebi'ee gara isaa dhufee isa rurrukutee, ?Karaa fagoo waan adeemtuuf, ka'iitii nyaadhu!? jedheen.
8Eliyaas yommus ka'ee in nyaate, in dhuges; humna nyaatichi kenneefiinis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama hamma Siinaa tulluu Waaqayyootti in adeeme*.
9Tulluu sana irra yommuu ga'es holqa dhagaa tokko keessa lixee achi keessa in bule; kunoo, dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, ?Yaa Eliyaas asii maal hojjetta?? jedhee isa in gaafate.
10Inni immoo deebisee, ?Sabni Israa'el kakuu siif galan dhiisanii iddoo aarsaa kee diiganii raajota kees billaadhaan waan fixaniif, si Waaqayyo gooftaa maccaatiif baay'ee nan hinaafan ture; raajota kee keessaa anuma duwwaatu hafe, anuma iyyuu immoo ajjeesuu in barbaadu? jedhe*.
11Waaqayyo immoo, ?Ani achiin nan darbaatii holqicha keessaa ba'ii roggee tullichaa irra fuula koo dura dhaabadhu!? jedheen; yommus qilleensi humna-qabeessi jabaan tulloota tatarsaasaa, kattaawwan dadayyaasaa Waaqayyo dura in darbe; Waaqayyo garuu isa keessa hin turre; qilleensicha booddee immoo socho'a lafaatu ta'e; Waaqayyo garuu socho'icha lafaa sana keessa hin turre*.
12Socho'icha lafaa booddee immoo ibiddatu dhufe; Waaqayyo garuu ibiddicha keessa hin turre; ibiddicha booddee immoo wanta akka sagalee hasaasaatu dhaga'ame.
13Eliyaas yeroo kana dhaga'etti wayyaa isaa fuulatti haguuggatee gad ba'ee, balbala holqichaa dura in dhaabate; kunoo, sagalee, ?Yaa Eliyaas asii maal hojjetta?? jedhu in dhaga'e.
14Inni immoo deebisee, ?Sabni Israa'el kakuu siif galan dhiisanii, iddoo aarsaa kee diiganii, raajota kees billaadhaan waan fixaniif, si Waaqayyo gooftaa maccaatiif baay'ee nan hinaafan ture; raajota kee keessaa anuma duwwaatu hafe, anuma iyyuu immoo ajjeesuu in barbaadu? jedhe*.
15Waaqayyo immoo isatti dubbatee, ?Karaa dhufte irra deebi'iitii gara lafa onaa isa Damaasqoo keessaa dhaqi! Yommuu achi geessu Hazaa'elin dibiitii Sooriyaa irratti isa moosisi*!
16Akkasumas immoo Yehuu ilma Niimshaayi dibiitii Israa'el irratti isa moosisi! Si booddeedhaan raajii akka ta'utti iddoo ?Abeel Meholaa? jedhamuu immoo, Elsaa'i ilma Shaafaax dibi*!
17Billaa Hazaa'el jalaa baqatee isa ba'e, Yehuutu ajjeesa; billaa Yehuu jalaa baqatee isa ba'e immoo Elsaa'itu ajjeesa.
18Saba Israa'el keessaa jilba isaaniitiin jilbeenfatanii Ba'aaliif kan hin sagadin, afaan isaaniitiinis kan isa hin dhungatin namoota kuma torba guutuu hambifadheera? jedhe*.
19Ergasii Eliyaas achii ka'ee utuu adeemuu, Elsaa'i qotiisa qotaa utuu jiruu in arge; qotiyyoo cimdiin kudha tokko isa dura turan, cimdii kudha lammaffaatiin immoo ofii isaatii in qota ture; Eliyaas isa bira yommuu ga'e wayyaa isaa of irraa fuudhee darbatee isa irra in buuse.
20Yommus Elsaa'i, qotiyyoota isaa achitti dhiisee Eliyaas duukaa fiigee, ?Dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhudhungadhee, nagaa itti dhaamee deebi'ee si duukaa akkan bu'uuf sin kadhadha? jedhe; Eliyaas immoo deebiseefii, ?Ani si hin dhowwu, deebi'i!? jedhe*.
21Kana irratti Elsaa'i isa biraa deebi'ee qotiyyoo cimdii tokko qalee, foonichas mi'a qotiyyootiin affeelee namoota isaatiif in kenne, isaanis in nyaatan; kana booddee Elsaa'i ka'ee Eliyaas duukaa in bu'e, gargaartuu isaas in ta'e.