Macaafa Moototaa Isa Duraa 4:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Solomoon guutummaa saba Israa'el irratti mootii ture.

2Gurguddoonni hojii isaaf geggeessan warra kanatti fufanii jiranii dha; Azaariyaan ilmi Zaadoq luba ture.

3Ilmaan Shiishaa, Eliihoreefii fi Ahiiyaan caaftota; Yoshaafaax ilmi Ahiilud itti gaafatamaa caaffata mana mootummaa ture.

4Benaayaan ilmi Yehoyaadaa angafa ajajjuu humna waraanaa ti; Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota*.

5Azaariyaan ilmi Naataan itti gaafatamaa geggeessitoota kutaa biyyaa ti; Zaabud ilmi Naataan luba, gorsituu mootichaa tis.

6Ahiishaar itti gaafatamaa mana mootichaa ti; Adoniiraam ilmi Abdaa itti gaafatamaa warra giddisiifamanii hojii humnaa hojjetanii ti.[14]

7Solomoon mootichi guutummaa biyya Israa'el irratti bulchitoota kutaa biyyaa kudha lama qaba ture; tokkon tokkon bulchitoota kutaa biyyaa kunis waggaa keessaa ji'a tokko mootichaa fi namoota mana isaa keessa jiran hundumaaf wanta barbaachisu in dhi'eessu.

8Maqaan bulchitoota kutaa biyyaa kudha lamaanii kanatti fufee kan jiruu dha; kutaa biyya gaaraa isa kan Efreem kan bulchu Ben-Huur;

9Maaqaaz, Sha'aalbiim, Bet-Shemeshii fi Eloon, Bet-Hanaanin kan bulchu Ben-Deqer;

10Aruboot, Sokoo fi biyya Hefer hundumaa kan bulchu Ben-Hesed.

11Biyya naannoo gaara Door hundumaa kan bulchu Ben-Abinaadaab; inni isa Xaafet intala Solomoon fuudhee dha.

12Ta'anaa, Megidoo, guutummaa Bet-Shaan isa Yizre'el godaa Zartanaa bukkee jiru, Bet-Shaanii kaasee immoo hamma Abeel Meholaa isa fuullee Yaaqne'aamitti kan bulchu Ba'anaa ilma Ahiilud;

13Raamoot-Giil'aad, mandaroota Yaa'iir ilma Minaasee warra Giil'aad keessaa, kutaa biyya Argoob isa Baashaan keessaas walumatti mandaroota gurguddoota dallaa dhagaa fi karra danqaraa sibiila borrajjii qaban jaatama kan bulchu Ben-Geber*.

14Kutaa biyya Mahanaayim kan bulchu Ahiinaadaab ilma Iddoo ti.

15Kutaa biyya Niftaalem kan bulchu Ahiima'aaz, isa Baasemat intala Solomoon mootichaa fuudhee dha.

16Kutaa biyya Asheerii fi Aalot kan bulchu Ba'anaa ilma Hushaayi.

17Kutaa biyya Yisaakor kan bulchu Yoshaafaax ilma Phaaruu ti.

18Kutaa biyya Benyaamiin kan bulchu Shime'ii ilma Elaa.

19Kutaa biyya Giil'aad, isa biyya Sihoon mootii Amoorotaa fi biyya Oog mootii Baashaan ture kan bulchu Geber ilma Urii ti; inni kutaa biyyoota kanaa hundumaa kophaa isaa in bulcha ture.[15]

20Namoonni Yihudaa fi namoonni Israa'el akka cirracha qarqara galaanaa in baay'atan; isaan in nyaatu, in dhugu, in gammadus turan*.

21Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisii jalqabanii hamma biyya Filisxeemotaatti, hamma daarii biyya Gibxiittis jiran hundumaa irratti in mo'e; sabni mootummoota kanaa hundinuu mooticha in gabbaru, bara jireenya isaa hundumaattis in hojjetuuf turan*.

22Mana Solomoon mootichaa keessatti guyyaa guyyaatti sooraaf kan barbaachisu daakuu ba'eessa kiilo graamii kuma ja'aa fi dhibba ja'aa fi daakuu kan biraa kiilo graamii kuma kudha sadii fi dhibba lama.

23Warra baalleedhaan balali'an keessaa warra gagabbatoo, kuruphee, borofa, gaaf-torbo, isaan kana malees sangoota manatti qalabamanii cooman kudhan, sangoota bakkee dheedan digdama, hoolota dhibba turan.

24Solomoon biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu Tiifsaahii hamma Gaazaatti jiran hundumaa irratti mootii ture; inni olloota naannoo isaa jiranii wajjin karaa hundumaa nagaa qaba ture.

25Bara Solomoon mootichaa keessa namoonni Yihudaa fi namoonni Israa'el hundinuu Daanii hamma Bersheebaatti kan jiran muka waynii fi harbuu isaanii jala in boqotu, bir'aa malees in jiraatu turan*.[16]

26Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture*.

27Bulchitoonni kutaawwan biyyaa warri waggaa keessaa ji'a tokko tokko wanta soora mootichaa fi warra maaddii mootichaa irraa sooramaniif barbaachisu dhi'eessan, wanti tokko illee akka isaanitti hin hir'anneef jabeessanii in dhimmu turan.

28Isaan hundinuu adduma addaan akkuma ajajamanitti fardeen konkolaattota harkisanii fi fardeen kan biraatiifis garbuu fi cidii iddoo isaaniitti in geessu turan.[17]

29Waaqayyo ogummaa fi hubannaa guddaa, yaada bal'aa isa akka cirracha qarqara galaanaa hammana hin jedhamne Solomooniif in kenne.

30Ogummaan Solomoon, ogummaa namoota gara ba'a-biiftuu fi namoota Gibxii hundumaa caalaa guddaa ture.

31Inni namoota warra akka Etaan Ezraahichaa, Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa ilmaan Maahol hundumaa caalaa ogeessa waan tureef, oduun isaa saba biyya naannoo isaatii keessa jiran hundumaa biratti in beekame.

32Solomoon fakkeenya kuma sadii dubbate, weedduun isaa immoo kuma tokkoo fi shan ture.

33Akkasumas inni waa'ee mukkeetii hundaa, muka gaatirraa Liibaanonii jalqabee hamma waa'ee hisooph ishee keenyan keessatti biqiltutti, waa'ee bineensotaa, waa'ee warra baalleedhaan balali'anii, waa'ee warra lafa irra munyuuqanii fi waa'ee qurxummii dubbateera.

34Saba hundumaa keessaa, mootota biyya lafaa warra waa'ee ogummaa Solomoon dhaga'an hundumaa biraa namoonni dubbii Solomoon ogummaadhaan dubbate dhaggeeffachuudhaaf ergamanii in dhufu turan.

er>