1Ahaab mootiin Israa'el erga du'ee booddee, biyyi Mo'aab Israa'el irratti in ka'e*.
2Yeroo sanatti Ahaaziyaan mana isaa isa Samaariyaa keessaa hulaa kutaa manichaa isa ol aanu keessa ba'ee waan kufeef, miidhamee in ciisa ture; inni kana irratti, ?Dhaqaatii dhukkuba kanattii nan fayya yoon ta'e, Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon anaaf gaafadhaa!? jedhee namoota in erge*.
3Ergamaan Waaqayyoo garuu, Eliyaas Tishbeetichaan, ?Ka'ii gara namoota mootiin Samaariyaa ergatetti ol ba'iitii, ?Biyya Israa'el keessa Waaqayyo hin jiru iyyuu Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafachuufii dhuftanii?? jedhiin*!
4Kanaaf Waaqayyo, ?Yaa Ahaaziyaa, ati dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu!? jedha? jedhe; Eliyaasis in dhaqe.
5Namoonni ergaman sun gara mootichaatti in deebi'an; inni immoo, ?Maaliif deebitanii dhuftan?? jedhee isaan in gaafate.
6Yommus isaan deebisanii, ?Nama tokkotu karaatti nutti dhufee gara kee gara mooticha isa nu ergetti deebinee, Waaqayyo, ?Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafatachuuf kan ati ergitu ana Waaqayyotu Israa'el keessa hin jiru moo? Egaa ati dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu? siin jechuu isaa akka nuyi sitti himnuuf nu deebise? jedhan.
7Mootichis, ?Namichi karaatti isinitti dhufee, kana isinitti dubbate nama attamii ture?? jedhee isaan gaafate.
8Isaan immoo deebisaniifii, ?Nama uffata rifensa'aa uffate, mudhii isaas teephaan hidhate tokko ture? jedhan; mootichis, ?Innoo, Eliyaas Tishbeeticha!? jedhe*.
9Achumaan mootichi, angafa shantamaa loltoota isaa shantammanii wajjin Eliyaasitti in erge; Eliyaas roggee tulluu irra taa'ee utuu jiruu angafichi gara isaa dhaqee, ?Yaa nama Waaqayyo! Mootiin, ?Kottu gad bu'i!? siin jedha? jedheen.
10Eliyaas garuu angafa shantamaa sanaaf deebisee, ?Yoo ani nama Waaqayyo ta'eef, ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!? jedhe; kana irratti ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, isa, loltoota isaa shantammanis xaph in godhe*.
11Ammas mootichi, angafa shantamaa kan biraa loltoota isaa shantammanii wajjin Eliyaasitti in erge; innis ol ba'ee Eliyaasiin, ?Yaa nama Waaqayyo! Mootiin, ?Dafii kottuu gad bu'i!? siin jedha? jedheen.
12Eliyaas garuu deebiseefii, ?Yoo ani nama Waaqayyoo ta'eef, ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!? jedhe; yommusuma ibiddi Waaqayyoo waaqa irraa gad bu'ee, isa, loltoota isaa shantammanis xaph in godhe*.
13Ammas mootichi, angafa shantamaa isa sadaffaa loltoota isaa shantammanii wajjin in erge; angafni shantamaa inni sadaffaan kun ol ba'ee, Eliyaas duratti jilba isaatiin jilbeenfatee, ?Yaa nama Waaqayyo! Lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanaa si duratti gati-jabeessa akka ta'uuf sin kadhadha.
14Kunoo, ibiddi waaqa irraa bu'ee angafoota shantamaa warra duraa lamaan loltoota isaanii hundumaa wajjin xaph godheera; amma garuu lubbuun koo si duratti gati-jabeessa haa ta'u!? jedhe.
15Yommus ergamaan Waaqayyoo Eliyaasiin, ?Hin sodaatiniitii isaa wajjin gad bu'i!? jedhe; Eliyaasis ka'ee isaa wajjin gad bu'ee gara mootichaa dhaqee,
16?Waaqayyo, ?Akka ana gaafatattuuf ana Waaqayyotu Israa'el keessa hin jiru iyyuu, Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafatachuuf namoota ergitee? Ati kana waan gooteef dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu!? siin jedha? jedheen.
17Akkuma dubbii Waaqayyoo isa Eliyaas dubbatetti, Ahaaziyaan mootichi in du'e; mootichi ilma hin qabu waan tureef, Yoraam obboleessi isaa mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e; kunis Yoraam ilmi Yoshaafaax mootii Yihudaa mo'ee waggaa lammaffaa isaatti ta'e*.
18Waa'een Ahaaziyaa inni hafe, wanti inni hojjetes macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?