Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 12:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Yehuun Israa'el irratti mo'ee waggaa torbaffaatti, Yo'aas mootii Yihudaa ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa afurtama in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Ziibiyaa? jedhama; isheen nama mandara Bersheebaa ti.

2Bara Yoyaadaan lubichi isa gorsaa ture hundumaatti Yo'aas wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e in hojjete.

3Haa ta'u iyyuu malee, iddoowwan sagadaa warri ol-ka'oon waan hin diigaminiif, namoonni amma iyyuu iddoowwan sana irratti qalma in qalu, aarsaas in dhi'eessu turan*.

4Yo'aas yommus lubootaan, ?Horii namoonni kennaa addaan baafame godhanii gara mana qulqullummaatti fidan hundumaa, horii namni mata mataatti baasu, horii namni wareega baasu, horii namni fedha garaa isaatiin gara mana qulqullummaatti fidu isinitti haa kennan*!

5Luboonni adduma addaan horii sana namicha horii baatu harkaa fuudhanii karruma manni qulqullummaa caccabee argame deebisanii ittiin haa haaressan!? jedhe.

6Luboonni garuu Yo'aas mo'ee hamma waggaa digdamii sadaffaatti iyyuu caccabaa manichaa deebisanii hin haaressine.

7Kanaaf Yo'aas mootichi Yoyaadaa lubichaa fi luboota warra kaan walitti waamee, ?Caccabaa manichaa maaliif deebiftanii hin haaressine? Amma manichi akka ittiin haareffamuuf horicha dabarsaa kennaa! Si'achis warra horii baatan harkaa hin fuudhinaa!? jedheen.

8Kana irratti luboonni horii namoota harkaa akka hin fuune ofii isaaniitiis manicha qulqullummaa akka hin haaressine waliif in galan.

9Yoyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa uree qaawwa itti baasee, karaa namni mana qulqullummaa lixu gara harka mirgaatiin iddoo aarsaa bukkee in kaa'e; luboonni buusaa balbalaa eegan immoo horii namoonni gara mana qulqullummaatti fidan sassaabanii sanduuqicha keessa in buusu turan.

10Horichi sanduuqicha keessatti barakachuu isaa yeroodhuma arganitti caafaan mootichaa fi angafni lubootaa dhufanii horicha mana qulqullummaatiif kennamee argame sana lakkaa'anii korojootti naqanii in hidhu turan.

11Isaan horii kana keessaa lakkoobsaan warra hojii mana qulqullummaa sana hojjechiisanitti in kennu; warri hojjechiisan kun immoo namoota hojjetaniif in baasu; isaanis warra muka soofan, warra ijaaran,

12warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsanii soofan turan; kana malees warri hojjechiisan kun muka, dhagaa soofamaas caccabaa mana qulqullummaa ittiin deebisanii haaressuuf in bitu, wanta kan biraa manicha haaressuudhaaf barbaachisu hundumaafis in baasu turan.

13Haa ta'u iyyuu malee, horii mana qulqullummaaf kenname kanaan, caabiin meetii, qabduun ittiin fo'aa ibsaa kutan, waciitiin dhiiga facaafamu baatu, fiingeen, qodaan garaa garaa warqee irraa yookiis meetii irraa hojjetaman mana qulqullummaatiif hin tolchisiifamne.

14Horichi hojjetoota warra ittiin mana qulqullummaa deebisanii haaressanitti in kenname.

15Warri hojicha adeemsisan amanamummaadhaan waan hojjetaniif horiin hojjetootaaf akka baasaniif isaanitti kenname kun deebi'ee isaan harkatti hin lakkaa'amne.

16Horiin gatii yakkaatii fi gatii cubbuutiif dhi'aatu kan lubootaa waan ta'eef, hojii mana qulqullummaa haaressuu irra hin oolle*.

17Bara sana Hazaa'el mootiin Sooriyaa ol ba'ee mandara Gaat rukutee erga qabatee booddee, Yerusaalemin rukutuudhaaf itti in qajeele*.

18Yo'aas mootiin Yihudaa garuu mi'a Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan mootonni Yihudaa warri abboota isaa turan Waaqayyoof addaan baasan hundumaaf warra inni ofii isaatii Waaqayyoof addaan baase akkasumas warqee mana mi'a mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessatti argamu hundumaa fuudhee, Hazaa'el mootii Sooriyaatiif in erge; akkasitti Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee in adeeme*.

19Waa'een Yo'aas inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?

20Booddee garuu hojjetoonni Yo'aas mootichaa warri gurguddoonni ka'anii isa irratti koratanii, Bet-Miiloo isa karaa Siilaat gad bu'uu irra jiru keessatti isa in ajjeesan.

21Hojjetoonni isaa warri isa ajjeesan Yozaabaad ilma Shime'aatii fi Yehozaabaad ilma Shomer turan; innis akkasitti du'ee mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Amaasiyaan ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.

/footer>