Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 13:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Yo'aas ilmi Ahaaziyaa mootii Yihudaa, mo'ee waggaa digdamii-sadaffaa isaatti Yeho'ahaaz ilmi Yehuu mootii ta'ee Samaariyaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa kudha torba in mo'e*.

2Cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat hojjete, Israa'elootas hojjechiise sana innis ofii isaatii hojjechuu isaatiin Waaqayyo duratti wanta hamaa ta'e in hojjete; cubbuu kana hojjechuu irraas hin deebine*.

3Dheekkamsi Waaqayyoo Israa'eloota irratti waan boba'eef, Waaqayyo yeroo dheeraadhaaf harka Hazaa'el mootii Sooriyaa fi harka Ben-Hadaad ilma isaatti dabarsee isaan in kenne*.

4Yeho'ahaaz kana irratti Waaqayyo faara tolaadhaan akka isaan ilaaluuf in kadhate; Waaqayyos, cunqurfamuu saba Israa'el isa mootiin Sooriyaa ittiin isaan cunqursaa jiru waan argeef, kadhata isaa in dhaga'eef.

5Kanaafis Waaqayyo nama Israa'elin furu in kaaseef; Israa'eloonnis yommus harka warra Sooriyaa jalaa ba'anii akkuma isaanii duriitti nagaatti mana isaanii keessa in jiraatan.

6Haa ta'u iyyuu malee, isaan cubbuu Yerobi'aam hojjetee, maatii isaa, Israa'elootas hojjechiise irraa hin deebine; bifni fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuus Samaariyaa keessaa utuu hin diigamin in hafe*.

7Mootiin Sooriyaa, loltoota Yeho'ahaaz balleessee, akka awwaara yeroo midhaan dha'an ka'uu waan isaan godheef, abboota fardeenii shantama, konkolaattota kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan duwwaa malee homtuu hin hafneef.

8Waa'een Yeho'ahaaz inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, jabinni isaas macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?

9Yeho'ahaaz akkuma abboota isaatii du'ee, Samaariyaa keessatti in awwaalame; Yeho'aash ilmi isaa mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

10Yo'aas mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Yeho'aash ilmi Yeho'ahaaz Samaariyaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa kudha ja'a in mo'e.

11Innis immoo Waaqayyo duratti wanta hamaa ta'e in hojjete; cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise hundumaa, hojjechuu ittuma fufe malee irraa hin deebine.

12Waa'een Yeho'aash inni hafe wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, jabinni inni ittiin Amaasiyaa mootii Yihudaa loles macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree*?

13Yeho'aash akkuma abboota isaatii du'ee, Samaariyaa keessatti awwaala mootota Israa'el biratti in awwaalame; Yerobi'aam immoo teessoo isaa in fudhate.

14Gidduu sana Elsaa'in in dhukkubsate; dhukkubni kunis isa inni booddee ittiin du'e ture; Yeho'aash mootiin Israa'el ofii isaatii utuu hin du'in isa dubbisuudhaaf gad bu'ee, ?Yaa abbaa ko! Yaa abbaa ko! Yaa isa konkolaattota Israa'el taatee! Yaa isa abboota fardeenii Israa'el taatee! Yaa abbaa ko!? jedhee, isa irratti kufee in boo'e*.

15Elsaa'in immoo, ?Iddaa fi xiyya fudhadhu!? jedheen; innis iddaa fi xiyya in fudhate.

16Elsaa'in immoo mootii Israa'eliin, ?Iddaa kana jabeeffadhu!? jedhe; yeroo inni jabeeffatetti Elsaa'in harka isaa harka mootichaa irra kaa'ee,

17?Qaawwa manaa isa gara ba'a-biiftuu bani!? jedheen; innis in bane; ammoo Elsaa'in, ?Xiyyicha gad dhiisi!? jedheen; mootichis gad in dhiise; Elsaa'in immoo, ?Xiyyi kun mo'icha isa Waaqayyo kennu in argisiisa! Xiyya isa ittiin Sooriyaan mo'amuuf jirtuu dha! Ati warra Sooriyaa Afeqitti rukuttee isaan in balleessita? jedheen.

18Itti fufees mootii Israa'eliin, ?Xiyyoowwan warra hafan fuudhiitii ittiin lafa tuttumadhu!? jedhe; innis fuudhee si'a sadii lafa tumatee itti in dhiise.

19Kana irratti Elsaa'in namni Waaqayyoo, isatti aaree, ?Si'a shan yookiis si'a ja'a laficha utuu tuttumateetta ta'ee, Sooriyaas akkasuma hamma isheen badduu baatutti in tumta turte; amma garuu si'a sadii duwwaa ishee in rukutta? jedheen.

20Ergasii Elsaa'in du'ee in awwaalame; waggaa isatti aanee dhufutti ji'a Birraatti saamtonni Mo'aab biyya sana in lixan.

21Yeroo sanatti jarreen nama tokko awwaaluuf dhaqan tokko, warra saamtota sana arganii reeffa namichaa holqa Elsaa'i itti awwaalametti in darbatan; reeffi namichaa garuu lafee Elsaa'itti akkuma bu'een, lubbuun keessa in deebite; kanaaf namichi ka'ee in dhaabate.

22Bara mootummaa Yeho'ahaaz guutummaatti Hazaa'el mootiin Sooriyaa Israa'elin in cunqursa ture.

23Waaqayyo garuu sababii kakuu isaa isa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin galeef araara isaa, oo'a isaas isaanitti argisiise malee, hamma har'aatti isaan balleessuu yookiis fuula isaa duraa isaan fageessuu hin barbaanne*.

24Amma garuu Hazaa'el mootiin Sooriyaa in du'e; Ben-Hadaad ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

25Yommus Yeho'aash ilmi Yeho'ahaaz, mandaroota abbaa isaa irraa fudhatamanii turan in deebifate; mandaroota kana Ben-Hadaad ilma Hazaa'eltu Yeho'ahaazin lolee qabatee ture; Yeho'aash si'a sadii isa rukutee mandaroota Israa'el in deebifate*.

/footer>