Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 14:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Yeho'aash ilmi Yeho'ahaaz Israa'el irratti mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, Amaasiyaan ilmi Yo'aas mootii Yihudaa in ta'e*.

2Inni mootii yommuu ta'e, nama waggaa digdamii shanii ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii sagal in mo'e; maqaan haadha isaatii Yo'adaan; isheen durba mandara Yerusaalem turte.

3Inni Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta'e in hojjete; haa ta'u iyyuu malee, akka Daawit abbaa isaa hin hojjenne; hojii Yo'aas abbaan isaa hojjete hundumaa duukaas in bu'e*.

4Garuu iddoowwan sagadaa warri ol ka'oon waan hin diigaminiif, namoonni amma iyyuu iddoowwan sana irratti qalma in qalu aarsaas in dhi'eessu turan*.

5Amaasiyaan mootummaa isaa erga jabeeffatee booddee hojjetoota gurguddoota warra abbaa isaa mooticha ajjeesan sana in ajjeese*.

6Macaafa seera Musee keessatti Waaqayyo, ?Namni adduma addaan cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu malee abboonni ilmaan isaaniif hin ajjeefamin, ilmaanis abboota isaaniif hin ajjeefamin!? jedhee akkuma abboometti, Amaasiyaan ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin ajjeefne*.

7Mootichi loltoota Edoom kuma kudhan dachaa soogiddaa keessatti in fixe, mandara ?Selaa? jedhamtu tokko qabatee maqaa ishees ?Yaqti'el? jedhee in moggaase; isheenis hamma har'aatti maqaa kanaan in waamamti.

8Amaasiyaan yommus Yeho'aash ilma Yeho'ahaaz akaakayyuu Yehuu mootii Israa'elitti nama ergee, ?Mee kottu! Wal ilaallaa!? jedhe.

9Yeho'aash mootiin Israa'el immoo, Amaasiyaa mootii Yihudaaf deebisee, ?Qoraattiin Liibaanon gaatirraa Liibaanonitti ergaa ergitee, ?Intala kee ilma kootti heerumsisi!? jette; bineensi Liibaanon tokko garuu dhufee lafatti ishee in dhidhiite*.

10Dhuguma iyyuu ati namoota Edoom mooteetta; garaa kee keessatti of jajuutti kaateetta; mo'icha keetiin illee of gurguddisi! Garuu sassaabadhuutii mana kee taa'i! Maaliif ofii kuftee Yihudaas akka kuffiftuuf tuttuqxee waan hamaa ofitti kaafta ree?? jedhe.

11Amaasiyaan garuu isa dhaga'uu waan dideef, Yeho'aash mootiin Israa'el Amaasiyaan mootii Yihudaa loluudhaaf itti adeemee, biyya Yihudaa keessatti mandara Bet-Shemeshitti walitti ba'anii wal in lolan.

12Kana keessatti loltoonni Yihudaa loltoota Israa'eliin mo'amanii, kara karaa gara mana mana isaaniitti in baqatan.

13Yeho'aash mootiin Israa'el, Bet-Shemeshitti Amaasiyaa ilma Yo'aas mootii Yihudaa akaakayyuu Ahaaziyaa in booji'e; darbees Yerusaalem dhaqee dallaa ishee isa dhagaadhaan ijaarame karra Efreemii hamma karra isa gooleetti dhundhuma dhibba afur in caccabse.

14Kana booddee inni warqee fi meetii hundumaa akkasumas mi'a mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessa jiru hundumaa fudhatee, namootas qabatee, mandara Samaariyaatti in deebi'e.

15Waa'een Yeho'aash inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, jabinni isaa, Amaasiyaa mootii Yihudaa wajjin wal loluun isaas macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?

16Yeho'aash akkuma abboota isaatii du'ee, Samaariyaa keessatti, mootota Israa'el biratti in awwaalame; Yerobi'aam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.

17Yeho'aash ilmi Yeho'ahaaz mootiin Israa'el erga du'ee booddee, Amaasiyaan ilmi Yo'aas mootiin Yihudaa waggaa kudha shan in jiraate.

18Wanta Amaasiyaan hojjete keessaa inni hafe, macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?

19Booddee garuu namoonni tokko Yerusaalem keessatti Amaasiyaatti in koratan; yeroo inni mandara Laakiishitti isaan jalaa baqatetti immoo, namoota duukaa buusanii, achitti isa in ajjeesisan*.

20Reeffa isaa fardaan fidanii Yerusaalem mandara Daawit keessatti awwaala abboota isaa biratti isa in awwaalan*.

21Kana booddee sabni Yihudaa guutummaatti waliif galanii Azaariyaa isa ?Uziyaa?, jedhamee beekame, dargaggeessa waggaa kudha ja'aa iddoo abbaa isaa Amaasiyaa in moosifatan*.

22Amaasiyaan erga du'ee booddee, Azaariyaan mandara Eloot gara biyya Yihudaatti deebifatee haaressee ishee in ijaare*.

23Amaasiyaan ilmi Yo'aas mootii Yihudaa ta'ee, waggaa kudha shanaffaa isaatti Yerobi'aam ilmi Yeho'aash mootii Israa'el ta'ee Samaariyaa keessa taa'ee waggaa afurtamii tokko in mo'e*.

24Inni Waaqayyo duratti wanta hamaa ta'e in hojjete; cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise hundumaa irraa hin deebine*.

25Waaqayyo gooftichi inni kan Israa'el, karaa garbicha isaa Yoonaas ilma Amiitaayi raajii Gaat-Hefer akkuma dubbatetti, daarii Israa'el, itti lixa Haamaatii kaasee hamma galaana ?Arabaayi? jedhamutti lafa isaa duriitti in deebise*.

26Garba yookiis birmaduu dha, utuu hin jedhin namoonni Israa'el rakkina jabaa keessa akka jiran, namni isaan gargaarus akka hin jirre Waaqayyo in arge.

27Waaqayyo, ?Maqaan Israa'elootaa bantii waaqaa jalatti akka hin dha'amne nan godha? hin jenne; kanaaf karaa Yerobi'aam ilma Yeho'aash isaan in oolche*.

28Waa'een Yerobi'aam inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, jabinni inni ittiin lolaa ture, Damaasqoo fi Haamaat warra harka Yihudaa jala galanii turan mootummaa Israa'eliif deebisuun isaa macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?

29Yerobi'aam akkuma abboota isaa du'ee mootota Israa'el biratti in awwaalame; Zakaariyaas ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.

/footer>