1Yerobi'aam Israa'el irratti mo'ee waggaa digdamii torbaffaa isaatti, Azaariyaan ilmi Amaasiyaa mootii Yihudaa in ta'e*.
2Inni mootii yommuu ta'e dargaggeessa waggaa kudha ja'aa ture; Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa shantamii lama in mo'e; maqaan haadha isaatii, Yekoliyaa dha; isheen durba Yerusaalem turte.
3Azaariyaan akkuma Amaasiyaa abbaa isaatii Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta'e in hojjete.
4Haa ta'u iyyuu malee, iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo waan hin diigsisiniif, namoonni amma iyyuu iddoowwan sana irratti qalma in qalu aarsaas in dhi'eessu turan*.
5Kanaaf Waaqayyo dhukkuba lamxiitiin mooticha in rukute; innis kanaan qabamee hamma guyyaa du'a isaatiitti kophaa isaa mana tokko keessa in jiraate; Yotaam ilmi isaa immoo mana mootummaa irratti aboo qaba, saba biyyichaas in bulcha ture*.
6Waa'een Azaariyaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus, macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?
7Azaariyaan akkuma abboota isaatii du'ee, mandara Daawit keessatti, awwaala abboota isaa biratti in awwaalame; Yotaam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.
8Azaariyaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii saddeettaffaa isaatti, Zakaariyaas ilmi Yerobi'aam mootii ta'ee, Samaariyaa keessa taa'ee Israa'elin ji'a ja'a in mo'e*.
9Innis akkuma abboota isaatii Waaqayyo duratti wanta hamaa ta'e in hojjete; cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise irraas hin deebine*.
10Yeroo kanatti Shaalum ilmi Yaabesh Zakaariyaas irratti koratee, saba duratti rukutee isa ajjeesee, mootummaa isaa in fudhate.
11Waa'een Zakaariyaas inni hafe immoo macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera.
12Dubbiin raawwatame kun akkuma Waaqayyo, ?Sanyiin kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israa'el irra taa'ee in mo'a? jedhee Yehuutti dubbatetti in ta'e*.
13Azaarya mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii salgaffaa isaatti, Shaalum ilmi Yaabesh mootii ta'ee, Samaariyaa keessa taa'ee ji'a tokko in mo'e.
14Yommus Menaahem ilmi Gaadii, Tiirzaadhaa gara Samaariyaatti ol ba'ee, achitti Shaalum ilma Yaabesh rukutee ajjeesee mootummaa isaa in fudhate.
15Waa'een Shaalum inni hafe, mootii irratti korachuun isaas macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera.
16Mandarri Tiifsaa karra ishee banuufii waan dideef, Menaahem Tiirzaadhaa ka'ee mandarattii, namoota ishee keessa, naannoo ishee jiraatan hundumaas rukutee in balleesse; dubartoota warra ulfa hundumaas garaa in tatarsaase.
17Azaariyaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii salgaffaa isaatti, Menaahem ilmi Gaadii mootii ta'ee, Samaariyaa keessa taa'ee Israa'elin waggaa kudhan in mo'e.
18Inni immoo wanta Waaqayyo duratti hamaa ta'e in hojjete; guutummaa bara mootummaa isaa keessas cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise irraa hin deebine.
19Yeroo sana Tiiglaat-Phileeser mootiin Asor inni ?Phul? jedhamee beekame biyya Israa'el rukutuudhaaf in dhufe; Menaahem garuu, Phul isa gargaaree mootummaa isaa isa harkatti akka jabeessuuf meetii gara kiilo graamii kuma soddomii afurii miijanu in kenneef*.
20Menaahem meetii mootii Asoriif kennamu kana tokkon tokkon namoota Israa'el warra badhaadhotatti meetii akka walakkaa kiilo graamii miijanu in buuse; kana irratti mootichi biyyicha keessa turuu dhiisee gara booddee isaa deebi'e*.
21Waa'een Menaahem inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?
22Menaahemis akkuma abboota isaatii in du'e; Pheqaayaan ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.
23Azaariyaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa shantamatti, Pheqaayaan ilmi Menaahem mootii ta'ee, Samaariyaa keessa taa'ee Israa'elin waggaa lama mo'e.
24Innis immoo wanta Waaqayyo duratti hamaa ta'e in hojjete; Israa'elin cubbuu hojjechuutti isa geesse, cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise irraas hin deebine.
25Ajajjuuwwan isaa keessaa tokko ?Pheqaa? kan jedhamu ilmi Remaaliyaa namoota Giil'aad shantamaa wajjin isa irratti koratee, Samaariyaa keessaa masaraa mana mootummaa keessatti Pheqaayaa, isaa wajjin immoo Argoobii fi Ariyee rukutee ajjeesee, mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.
26Waa'een Pheqaayaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera.
27Azaariyaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa shantamii lammaffaa isaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootii ta'ee Samaariyaa keessa taa'ee Israa'elin waggaa digdama in mo'e.
28Innis immoo Waaqayyo duratti wanta hamaa ta'e in hojjete; cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'eloota hojjechiise irraas hin deebine.
29Bara Pheqaan Israa'elin mo'aa ture keessa, Tiiglaat-Phileeser mootiin Asor dhufee mandaroota Iiyon, Abeel Bet-Ma'akaa, Yaano'a, Qedeeshii Fi Hazoor, akkasumas immoo biyya Giil'aadii fi Galiilaa guutummaa biyya Niftaalem qabatee, namoota isaanii booji'ee gara Asoritti in geesse*.
30Yeroo sanatti Yotaam ilmi Uziyaa mootii Yihudaa ta'ee waggaa digdammaffaa isaatti, Hose'a ilmi Elaa, Pheqaa ilma Remaaliyaa irratti koratee, rukutee isa ajjeesee, mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.
31Waa'een Pheqaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera.
32Pheqaan ilmi Remaaliyaa Israa'el irratti mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, Yotaam ilmi Uziyaa mootii Yihudaa in ta'e.
33Inni mootii yommuu ta'e, nama waggaa digdamii shanii ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a in mo'e; maqaan haadha isaa Yerushaa dha; isheen intala Zaadoq turte.
34Yotaam akkuma Uziyaa abbaa isaatii Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete.
35Haa ta'u iyyuu malee, iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo waan hin diigsisiniif, namoonni amma iyyuu iddoowwan sana irratti qalma in qalu, aarsaas in dhi'eessu turan; Yotaam, karra mana qulqullummaa isa ol aanu deebisee in ijaare*.
36Waa'een Yotaam inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?
37Waaqayyo bara sana biyya Yihudaa irratti Resiin mootii Sooriyaa fi Pheqaa ilma Remaaliyaa kaasee itti erguu in jalqabe*.
38Yotaam akkuma abboota isaatii du'ee, mandara Daawit keessatti awwaala abboota isaa biratti in awwaalame; Ahaaz ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.