1Yeroon Waaqayyo, qilleensa jabaa keessaan Eliyaasin gara waaqaatti ol fudhatu geenyaan Eliyaasii fi Elsaa'in Giilgalii ka'anii karaa irra in adeemu turan.
2Eliyaas yommus Elsaa'iidhaan, ?Waaqayyo gara Bet'elitti waan na ergeef, hadaraa ati asuma turi!? jedhe; Elsaa'in garuu deebisee, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, ani si biraa hin hafu!? jedhe; ergasii isaan walii wajjin Bet'elitti gad in bu'an.
3Yommus kutanni raajotaa warri Bet'el keessa turan gara Elsaa'i dhufanii, ?Waaqayyo, har'a gooftaa kee si duraa fudhachuuf akka jedhu beektaa?? jedhanii in gaafatan; Elsaa'in immoo, ?Eyyee, beeka! Isin garuu waa'ee kanaa hin dubbatinaa!? jedhe.
4Eliyaas ammas Elsaa'iidhaan, ?Waaqayyo gara Yerikootti waan na ergeef, hadaraa ati asuma turi!? jedhe; inni garuu, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, ani si biraa hin hafu? jedhe; ergasii isaan walii wajjin gara Yerikoo in dhaqan.
5Yommus kutanni raajotaa warri Yerikoo keessa turan gara Elsaa'i dhaqanii, ?Waaqayyo har'a gooftaa kee si duraa fudhachuuf akka jedhu beektaa?? jedhanii isa in gaafatan; inni immoo deebisee, ?Eyyee, beeka! Isin garuu waa'ee kanaa hin dubbatinaa!? jedhe.
6Eliyaas ammas itti dabalee Elsaa'iidhaan, ?Waaqayyo gara Yordaanositti waan na ergeef, hadaraa ati asuma turi!? jedhe; inni immoo deebisee, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, ani si biraa hin hafu? jedhe; ergasii lachanuu itti fufanii walii wajjin in adeeman.
7Isaan lachanuu Yordaanos bukkee in dhaabatan; kutata raajotaa keessaa immoo namoonni shantamni dhufanii isaan irraa fagaatanii fuullee isaanii in ijaajjan.
8Eliyaas wayyaa isaa of irraa fuudhee, dadachaasee ittiin bishaanicha in rukute; bishaanichis garasii fi garanatti hiramnaan lachanuun isaanii lafa gogaa irra adeemanii ce'an*.
9Bishaanicha erga ce'anii Eliyaas, Elsaa'iidhaan, ?Utuun si duraa hin fudhatamin, wanta ani siif gochuu danda'u anatti himadhu!? jedhe; Elsaa'in immoo deebisee, ?Hadaraa, hafuura kee keessaa harka lama akkan argadhu anaaf godhi!? jedhe*.
10Eliyaas immoo, ?Kana gaaffii cimaa gaafatte; haa ta'u iyyuu malee, yommuun si duraa fudhatamu yoo na argite, siif in ta'a; yoo kanaa'achii garuu siif hin ta'u? jedheen.
11Utuu isaan walii wajjin haasa'aa adeemuutti jiranii, konkolaataan ibiddaa fardeen ibiddaa wajjin dhufanii, isaan lamaan gargar in baasan; yommus Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke*.
12Elsaa'in isa argee, ?Yaa abbaa ko! Yaa abbaa ko! Yaa isa konkolaattota Israa'el taate, yaa isa abboota fardeenii Israa'el taate? jedhee in iyye; ergasii Elsaa'in deebi'ee isa hin argine; gadda irraa kan ka'es uffata isaa iddoo lamatti of irratti in tarsaase*.
13Yeroo sanatti Elsaa'in wayyaa isa Eliyaas irraa bu'e sana fudhatee deebi'ee qarqara Yordaanos in dhaabate.
14Wayyicha isa Eliyaas irraa bu'e sana fuudhee, ?Gooftichi meerre ree? Waaqayyo inni kan Eliyaas meerre ree?? jedhee, innis immoo bishaanicha ittiin in rukute; yommuu inni bishaanicha rukutetti, bishaanichi garasii fi garanatti in hirame; Elsaa'inis in ce'e*.
15Kutanni raajotaa warri Yerikoo keessaa warri fuulleetti isa ilaalaa turan, ?Hafuura Eliyaastu isa irra buufate? jedhan; isa simachuudhaafis dhufanii isa duratti hamma lafa ga'anitti in qoomma'an*.
16Itti fufaniis, ?Kunoo, nuyi garboonni kee namoota jajjaboo shantama of biraa qabna; hafuurri Waaqayyoo tarii gooftaa kee ol fuudhee, gaarota keessaa tokko irra yookiis dachaa keessa buuseera ta'a, dhaqanii isa haa barbaadan laataa?? jedhanii in gaafatan.
17Isaan dhowwuun hamma isa yeellaasisutti waan isa giddisiisaniif, ?Ergaa kaa!? jedheen; isaanis namoota shantamman sana in ergan; namoonni sunis guyyaa sadii isa barbaadanii in dhaban.
18Elsaa'in Yerikoo utuu jiruu namoonni sun gara isaatti in deebi'an; inni immoo, ?Ani, ?Hin dhaqinaa!? jedhee isinitti hin himnee ree?? jedhe.
19Gaaf tokko namoonni mandarichaa Elsaa'iidhaan, ?Yaa gooftaa, kunoo, akkuma ati argitu, mandarichi illee iddoo ba'eessatti ijaarame; garuu bishaan isaa gadhee waan ta'eef dubartoota irraa ulfaa in baasa? jedhan.
20Inni immoo, ?Waciitii haaraa soogidda keessa buusaatii anatti fidaa!? jedhe; isaanis waciiticha isatti in geessan.
21Inni immoo gara burqituu bishaanichaa dhaqee soogiddicha itti darbatee, ?Waaqayyo, ?Ani bishaan kana bishaan nagaatti geddareera; egaa bishaanichi deebi'ee waa hin ajjeesu, ba'a-ulfaas dubartootatti hin fidu? jedha? jedhe.
22Akkuma Elsaa'in dubbate, bishaanichi hamma har'aatti iyyuu bishaan nagaa ta'ee in hafe*.
23Elsaa'in gara Bet'elitti ol ba'uudhaaf Yerikoodhaa ka'ee karaa irra adeemaa utuu jiruu, ijoolleen saafelli tokko mandaricha keessaa ba'anii, ?Namicha mataa luqqa'aa nana ol ba'i! Namicha mataa luqqa'aa nana ol ba'i!? jedhanii itti in ga'isan.
24Inni kana irratti gara galee isaan ilaalee, maqaa Waaqayyootiin isaan in abaare; yommus amaaketi dhaltuun lama caakkaa keessaa ba'anii, ijoollota sana keessaa afurtamii lama in caccabsan.
25Elsaa'in garuu karaa isaa ittuma fufee gara tulluu Qarmelos in dhaqe; achii immoo gara Samaariyaatti in deebi'e.