Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 22:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Yosiyaas dhalatee waggaa saddeetitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa soddomii tokko in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Yidiidaa? jedhama ture; isheen intala Adaayaa nama mandara Bozqaa turte*.

2Yosiyaas mootichi wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e in hojjete, karaa hundumaanis hojii abaabiliin isaa Daawit hojjete irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal'anne.

3Yosiyaas mootii ta'ee, waggaa kudha saddeettaffaa isaatti, Shaafaan ilma Azaaliyaa Meshulaam caafaa mootummichaa gara mana qulqullummaatti ergee,

4?Gara Hilqiiyaa angafa lubootaa dhaqiitii, ?Meetii isa eegdonni karra mana qulqullummaa hojii mana qulqullummaatiif warra fidan harkaa fuudhanii walitti qaban lakkaa'ii qopheessi!

5Eegdonni sun meeticha namoota warra hojii mana qulqullummaa irra adeemanii ilaalanitti haa kennan! Isaan immoo hojjetoota warra manicha qulqullummaa haaressuutti jiranitti,

6warra muka soofanitti, warra mukaan yookiis dhagaadhaan ijaaranitti akkasumas warra muka bitanii fi warra dhagaa cabsanitti haa kennan!

7Isaan amanamummaadhaan waan ittiin hojjetaniif, meetii isaanitti kenname harkatti hin lakkaa'inaa!? jedhiitii itti himi!? jedhe*.

8Yommus Hilqiiyaan angafni lubootaa, Shaafaan caafaa mootummichaatiin, ?Ani macaaficha seeraa mana qulqullummaa kana keessaa argadheera? jedhee, macaaficha isatti in kenne; inni immoo fuudhee in dubbise*.

9Shaafaan caafaan mootummichaa gara mootichaatti deebi'ee, ?Hojjetoonni kee meetii isa kan mana qulqullummaa ture fuudhanii namoota warra hojii mana qulqullummaa irra adeemanii ilaalanitti kennaniiru? jedhe.

10Kana booddee Shaafaan caaftichi, ?Lubichi macaafa tokko anatti kenneera? jedhee, mooticha dura dhaabatee sagalee isaa ol fuudhee macaaficha keessaa in dubbise.

11Mootichi dubbii macaafa sana keessaa dubbifame yommuu dhaga'e gadda irraa kan ka'e uffata isaa in tarsaase.

12Achumaan immoo Hilqiiyaa lubicha, Ahiiqaam ilma Shaafaan, Akbor ilma Miikaayaa, Shaafaan caaftichaa fi Asaayaa isa mana isaa keessa ergamu abboomee,

13?Abboonni keenya abboommii macaafa kana keessatti caafame dhaggeeffatanii, akka achi keessatti waa'ee keenyaaf caafametti waan hin hojjetiniif, Waaqayyo baay'ee nutti aareera; kanaaf waa'ee dubbii macaafa isa argame kana keessa jiruutiif dhaqaatii maal gochuun akka wayyu anaaf, saba Yihudaa hundumaafis Waaqayyoon gaafadhaa!? jedhe.

14Kana irratti Hilqiiyaan lubichi, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raajittii in dhaqan; raajittiin kun haadha manaa Shaalum ilma Tiiqiwaa Harhaas isa uffata eeguu ti; isheen kutaa mandara Yerusaalem isa lammaffaa keessa in jiraatti turte; jarri yommus dhaqanii isheetti in dubbatan.

15Isheen immoo jaraan, ?Dhaqaatii wanta Waaqayyo gooftichi Israa'el jedhu namicha isa gara kootti isin ergetti himaa!

16Waaqayyo, ?Kunoo, ani wanta hamaa isa macaafa mootiin Yihudaa dubbise keessatti caafame hundumaa biyya kana irratti, namoota biyyicha keessa jiraatan irrattis nan fida;

17isaan ana dhiisanii waaqayyolii tolfamoodhaaf ixaana aarsuudhaan, waan hojjetan hundumaanis dheekkamsa koo of irratti kaasaniiru; dheekkamsi koo biyya kana irratti in boba'a, namni isa dhaamsus hin jiru? jedhe*.

18Waa'ee mootii Yihudaa isa Waaqayyoon gaafatachuuf isin ergeetiif immoo, Waaqayyo gooftichi Israa'el, ?Dubbii isa dhageesse sanaaf,

19isa ani biyyi kun, namoonni biyyicha keessa jiraatanis badiisaaf, abaarsaafis akka ta'an dubbadhe dhageessee, garaan kee waan rukutameef gadda irraa kan ka'e uffata kee tarsaaftee ana duratti waan boosseef, anis siif dhaga'eera.

20Kanaafis kunoo, wanta hamaa ani biyya kana irratti fidu hundumaa utuu hin argin akka ati duutu nan godha, nagaadhaanis in geggeeffamta? jedheera? jette; jarris deebi'anii dubbicha Yosiyaas mootichatti in himan*.

/footer>