1Bara Yehoyaaqiim mootii Yihudaa ture keessa Nebukadnezaar mootiin Baabilon biyya Yihudaatti duulee in qabate; Yehoyaaqiim mootichi waggaa sadii erga isatti bulee booddee yaada isaa geddaree Nebukadnezaar irratti in ka'e*.
2Waaqayyo karaa hojjetoota isaa warra raajotaa akkuma dubbate, loltoota Baabilon
3Sababii cubbuu Minaaseen mootichi hojjetee ture hundumaaf, Waaqayyo fuula ofii isaatii duraa akka isaan balleessu dubbatee kan ture, amma dhugumaan saba biyya Yihudaa irratti in raawwatame*.
4Keessumatti sababii Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qabnee dhangalaasee, Yerusaalemin dhiiga duwwaa godheef, Waaqayyo cubbuu isaa dhiisuufii hin barbaanne.
5Wanta Yehoyaaqiim bara mootummaa isaa keessa dubbatee fi kan inni hojjete hundumaa keessaa warri hafan macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru mitii ree?
6Erga Yehoyaaqiim du'ee immoo ilma isaa Yehoyaakiintu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.
7Mootiin Baabilon laga Gibxii kaasee hamma laga Efraaxiisitti biyya Gibxii qabattee turte hundumaa waan fudhateef, mootiin Gibxii deebi'ee biyya ofii isaatii keessaa ala ba'ee hin duulle.
8Yehoyaakiin dhalatee waggaa kudha saddeetitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, ji'a sadii in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Nehushtaa? jedhama; isheen intala Elnaataan nama mandara Yerusaalem turte.
9Yehoyaakiin kun akkuma abbaa isaatii Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete.
10Bara mootummaa Yehoyaakiin keessa loltoonni Nebukadnezaar mootii Baabilon dhaqanii Yerusaalemitti in marsan.
11Utuma loltoonni isaa mandarattii marsanii jiranii, Nebukadnezaar mootichi ofii isaatii gara Yerusaalem in dhaqe.
12Yommus Yehoyaakiin mootiin Yihudaa, haati isaa, naa'onni isaa, gurguddoonni isaa, xu'aashonni mana mootummaa isaa keessaa ergaman mootii Baabilonitti harka isaanii in kennan; Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii ta'ee waggaa saddeettaffaa isaatti Yehoyaakiinin in booji'e*.
13Akkuma Waaqayyo dubbate, qodaa warqee isa Solomoon mootiin Israa'el mana qulqullummaaf hojjechiise hundumaa caccabsee, qabeenya mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessaa hundumaa baasee fudhatee in gale*.
14Akkasumas guutummaa Yerusaalem keessaa, gurguddoota biyyaa, loltoota jajjaboo, namoota hojii harkaa beekanii fi namoota sibiila tuman hundumaa walumatti namoota kuma kudhan booji'ee fudhatee in sokke; biyya sana keessatti namoota baay'ee hiyyeyyii ta'an malee, kan hafe hin turre.
15Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yehoyaakiin mooticha booji'ee biyya Baabilonitti in geesse; akkasumas immoo haadha mootichaa, dubartoota isaa, xu'aashota mana mootummaa isaa keessa ergamanii fi gurguddoota biyyattii Yerusaalemii booji'ee biyya Baabilonitti in geesse*.
16Itti dabalees guutummaa humna waraanaa keessaa namoota kuma torba, warra hojii harkaa beekanii fi namoota sibiila tuman keessaa immoo kuma tokko booji'ee biyya Baabilonitti in geesse; isaan kun hundinuu jajjaboo fi lolaaf kan ta'an turan.
17Kana booddee mootiin Baabilon Mataaniyaa wasiila Yehoyaakiin iddoo Yehoyaakiin moosisee maqaa isaa immoo Zedeqiiyaatti in geddare*.
18Zedeqiiya dhalatee waggaa digdamii tokkotti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa kudha tokko in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Hamutaal? jedhama; isheen immoo intala Ermiyaas nama mandara Liibnaa turte.
19Zedeqiiya kun akkuma Yehoyaaqiim Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete*;
20kun Yerusaalemii fi Yihudaa keessatti waan ta'eef, Waaqayyo baay'ee isaanitti aaree hamma fuula isaa duraa isaan balleessutti in ga'e*.