1Zedeqiiya mootii Baabilon irratti in ka'e; kana irratti Nebukadnezaar mootiin Baabilon Zedeqiiya mo'ee waggaa salgaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti, loltoota isaa hundumaa fudhatee Yerusaalemitti in duule; mandarattii duuba buufatee dallaa ittiin ishee marsu guutummaa naannoo isheetiitti in ijaare*.
2Zedeqiiya mo'ee hamma waggaa kudha tokkoffaa isaatti mandarattiin akkuma marfamtetti turte.
3Wagguma sana keessa ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa salgaffaatti, wanti nyaatamu mandarattii keessaa raawwatee waan dhumeef, namoonni waan afaanitti deebifatan hamma dhabanitti beelli jabaan isaanitti in bu'e.
4Dallaan mandarattiis in cabe; Zedeqiiya mootiin Yihudaa kana yommuu arge, loltoota isaa warra isa eegan hundumaa fudhatee, karaa isa ?Karra dallaa lamaan gidduu? jedhamu, isa iddoo dhaabaa mootichaatti dhi'oo jiru sanaa halkaniin baqatee in ba'e; utuma loltoonni Baabilon mandarattii marsanii jiranii, Zedeqiiya mootichi gara dachaa Yordaanos isa ?Arabaayi? jedhamutti in sokke*.
5Loltoonni Baabilon garuu Zedeqiiya mooticha hordofanii dachaa Yerikootti isa in qaqqaban; loltoonni isaa immoo isa dhiisanii in tatamsa'an.
6Yommus loltoonni Baabilon mooticha qabatanii gara mandara Riiblaa iddoo mootiin Baabilon jirutti in fidan; mootichis firdii isatti in farade.
7Ijuma Zedeqiiya mootichaa duratti ilmaan isaa in fixan; isa immoo ija isaa keessaa baasanii funyoo sibiila borrajjiitiin isa hidhanii, gara biyya Baabilonitti in geessan*.
8Waggaa kudha salgaffaa Nebukadnezaar mootii Baabilonitti, ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa torbaffaatti, Nebuzaraadaan gorsaa mootichaa fi ajajaa loltoota warra mooticha eeganii kan ta'e mandara Yerusaalemitti lixee,
9mana qulqullummaa, mana mootummaa, manneen namoota gurguddootaa hundumaa, manneen Yerusaalem keessa jiran hundumaas gubee in balleesse*.
10Loltoonni isa duukaa turan hundinuus dallaa Yerusaalem guutummaatti in diigan.
11Yommus Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii namoota mandarattii keessatti hafan, warra mootii Baabilonitti of kennan, namoota warra kaanii wajjin booji'ee Baabilonitti in geesse.
12Garuu saba biyyattii keessaa baay'ee hiyyeyyii kan ta'an muraasi hafanii waynii akka dhaabaniif, qotiisas akka qotaniif dhiisee in adeeme.
13Namoonni Baabilon immoo utuboota sibiila borrajjii irraa hojjetaman, baattuuwwan geengoo qabanii fi gaanii bishaanii sibiila borrajjii irraa hojjetame mana qulqullummaa keessaa caccabsanii sibiilicha borrajjii sana fudhatanii gara biyya Baabilonitti in geessan.
14Akkasumas caabii itti daaraa naqan, fal'aana ittiin daaraa hammaaran, qabduu ittiin fo'aa ibsaa kutan, waciitii sibiila borrajjii irraa tolfamee mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan hundumaa fudhatanii in adeeman.
15Ajajaan loltoota warra mooticha eeganiis baattuu irratti ibidda bobeessanii fi cuggee warra warqee irraa yookiis meetii irraa hojjetaman hundumaa fudhatee in adeeme.
16Miijanni utuboota lamaanii, gaanii bishaanii fi baattuuwwan geengoo qabanii warri Solomoon mootichi mana qulqullummaatiif sibiila borrajjii irraa hojjete hammana kan hin jedhamnee dha.
17Tokkon tokkon utubichaa dhundhuma kudha saddeet, guutuun tokkoo utubichaa irratti sibiila borrajjii irraa hojjetame dhundhuma sadii in dheerata; naannoo guutuu utubichaatti miidhaginaaf sibiila borrajjii irraa wal keessa galfamee kan tolfameef akka ija rumaaniitti kan hojjetametu ture; utubaan inni lammaffaanis akkuma isa kanaatti miidhagfamee in hojjetame*.
18Akkasumas ajajaan loltoota warra mooticha eeganii, hojjetoota mana qulqullummaa keessaa Seraayaa angafa lubootaa, Sefaaniyaa itti aanaa angafa lubootaa fi karra eegdota sadan booji'ee biyya Baabilonitti fudhatee in gale.
19Mandarattii keessatti warra hafan keessaa angafa loltootaa tokkoo fi gorsitoota mana mootummaa shanan akkasumas caafaa ajajaa loltootaa isa itti gaafatamaa namoota duulaaf caafamanii turee fi saba biyya sanaa keessaa mandarattii keessatti kan argaman namoota jaatama fudhatee in sokke.
20Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii isaan kana hundumaa fuudhee mandara Riiblaatti gara mootii Baabilonitti in geesse.
21Mootiin Baabilonis biyya Haamaat mandaruma Riiblaa sana keessatti isaan in ficisiise; akkasitti namoonni Yihudaa biyya isaaniittii gargar in ba'an*.
22Nebukadnezaar mootiin Baabilon namoota Yihudaa warra biyya isaanii keessatti hambise akka bulchuuf Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam Shaafaaniif aboo in kenne.
23Ajajjuuwwan loltootaa, Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa, Yohaanaan ilmi Qaarehaa, Seraayaan ilmi Tanhumet Netofaatichaa, Ya'azaaniyaa ilmi namicha Ma'akichaa fi loltoonni hundinuu, namoonni kan biraanis mootiin Baabilon aboo biyya Yihudaa bulchuu Gedaaliyaadhaaf akka kenne yommuu dhaga'an, Gedaaliyaa bira Miisphaa in dhaqan.
24Yommus Gedaaliyaan jarreen isa bira dhaqaniif kakatee, ?Biyya kana keessa jiraattanii mootii Baabilon yoo gabbarattan isiniif in tola malee, sababii itti hojjetoota isaa sodaattaniif hin qabdan? jedhe.
25Garuu wagguma sana keessa ji'a torbaffaatti Ishmaa'el Nataaniyaa Eliishaamaa inni sanyii moototaa keessaa ture, namoota kudhan fudhatee dhaqee Gedaaliyaa, Yihudootaa fi Kaldoota isaa wajjin Miisphaa turan rukutee in ajjeese.
26Kana irratti namoonni biyyattii xinnaadhaa hamma guddaatti ajajjuuwwan loltootaas Kaldoota waan sodaataniif, ka'anii gara biyya Gibxiitti in baqatan*.
27Yehoyaakiin mootiin Yihudaa booji'amee waggaa soddomii torbaffaatti, Ewiil-Marodaak biyya Baabilon irratti mootii ta'e; baruma sana keessa ji'a kudha lammaffaatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa digdamii torbaffaa Ewiil-Marodaak Yehoyaakiinin mana hidhaa keessaa in baasise.
28Yaada qajeelaadhaan isaa wajjin haasa'ee, mootota booji'amanii isaa wajjin biyya Baabilon keessa turan caalaatti barcuma ulfinaa in kenneef.
29Yeroo sanaa jalqabee Yehoyaakiin uffata isaa isa yeroo mana hidhaa keessa ture uffatu in geddarate; hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa hundumaa maaddii mootichaa irraa akka inni nyaatus in godhameef.
30Kana malees hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa guyyaatti wanta kennamuufiin barbaachisu qooda in baaseef.