Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 3:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Yoshaafaax Yihudaa irratti mo'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaatti Yoraam ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa kudha lama in mo'e*.

2Akka kan abbaa isaatii fi kan haadha isaatii yoo ta'uu dhabaate iyyuu, inni Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete; haa ta'u iyyuu malee, utuboota dhagaa bifa fakkeenya Ba'aal qaban isa abbaan isaa tolchisiise in diige.

3Garuu cubbuu Yerobi'aam ilma Nebaat isa inni ittiin Israa'eloota cubbuu hojjechiisetti in qabame malee irraa hin deebine*.

4Meshaa'i mootiin Mo'aab hoolota in horsiisa ture; xobbaallaa hoolaa kuma dhibba tokkoo fi rifeensa korbeeyyii hoolaa kuma dhibba tokko waggaa waggaatti mootii Israa'eliif gibira in kenna ture.

5Ahaab mootiin Israa'el erga du'ee booddee garuu, mootiin Mo'aab didee Yoraam mootii Israa'el irratti in ka'e*.

6Yommus Yoraam mootichi Samaariyaadhaa dhufee, guutummaa Israa'eloota hundumaa walitti in qabate.

7Yoshaafaax mootii Yihudaattis dhaamsa ergee, ?Mootiin Mo'aab didee ana irratti waan ka'eef, isa rukutuudhaaf anaa wajjin hin dhaqxuu ree?? jedhee in gaafate; inni immoo deebiseefii, ?Sii wajjin nan dhaqa; kan koo akkuma kan keetii ti, sabni koo saba kee ti, fardeen koos fardeen kee ti*;

8garuu karaa kamiin itti duulla?? jedhee in gaafate;

8Yoraam deebisee, ?Karaa lafa onaa Edoom? jedhe.

9Kana irratti mootiin Israa'el, mootii Yihudaa fi mootii Edoomii wajjin ba'ee in adeeme; karaa naannoo irra guyyaa torba erga adeemanii booddee, loltootaa fi horii isaan itti fe'atanii adeeman duraa bishaan in dhume.

10Mootiin Israa'el, ?Wayyoo kaa! Waaqayyo, nuyi mootota sadan kana walitti qabuun isaa harka Mo'aabitti dabarsee nu kennuufii?? jedhe.

11Yoshaafaax immoo, ?Raajiin Waaqayyoo, kan nuyi karaa isaa Waaqayyoon gaafatannu as hin jiruu?? jedhe; yommus hojjetoota mootii Israa'el warra gurguddoota keessaa tokko deebisee, ?Elsaa'in ilmi Shaafaax inni Eliyaasin gargaaraa ture[1], as jira? jedhe*.

12Yoshaafaax immoo, ?Inni dhuguma raajii Waaqayyoo ti? jedhe; kana irratti mootiin Israa'el, Yoshaafaaxii fi mootiin Edoom gara Elsaa'itti gad in bu'an.

13Elsaa'in yommus mootii Israa'elin, ?Nuyi maal walittii qabna? Gara raajota abbaa kee fi gara raajota haadha keetii dhaqi!? jedhe; mootiin Israa'el garuu, ?Nuyi mootota sadan kana harka Mo'aabotaatti dabarsee kennuuf kan walitti nu qabe Waaqayyo waan ta'eef, waawuu! Gara isaanii hin dhaqu? jedhe.

14Elsaa'in immoo, ?Dhugaa Waaqayyo gooftaa maccaa isa ani hojjedhuuf, ulfina Yoshaafaax mootii Yihudaaf malee, ani ijaan iyyuu si hin mil'adhu, si arguus hin barbaaduun ture;

15amma garuu mee nama kiraara rukutu anaaf fidaa!? jedhe; namichi kiraara rukutaa utuu jiruu, humni Waaqayyoo Elsaa'iif in kenname*;

16Elsaa'in immoo, ?Waaqayyo, ?Dachaa kana keessa boolla baay'isaatii qotaa!? jedha*;

17itti fufes Waaqayyo, ?Qilleensa yookiis bokkaa hin argitan; haa ta'u iyyuu malee, dachichi bishaaniin in guuta; isin ofii keessanii fi saawwan keessaniif, horiin keessan warri kaanis bishaan dhugaatii in argattu? jedha.

18Kun Waaqayyoof salphaa dha; inni Mo'aabotas immoo harka keessan keessa in buusa.

19Isin mandara masaraan itti ijaaramee fi mandara gaggaarii hundumaa in qabattu, mukkeetii gaggaarii ija godhatan hundumaa gad in cirtu, burqituuwwan hundumaa in duuchitu, maasii gaggaarii hundumaa irras dhagaa in tuultu? jedhe.

20Borumtaa isaa ganama yeroo aarsaan dhi'eeffamutti bishaan karaa gara Edoomii yaa'ee in dhufe; biyyicha keessas bishaantu guute.

21Mo'aabonni akka mootonni sadan sun isaan loluuf dhufan yommuu dhaga'an, warra mi'a lolaa hidhachuu danda'an dargaggeessaa hamma jaarsaatti walitti qabatanii daarii biyyichaa irra in dhaabatan.

22Ganamaan yeroo ka'anitti aduun bishaanicha irratti baatee, bishaanichi akka dhiigaa diimatee fuulleetti isaanitti in argame.

23Namoonni sunis walii isaaniitiin, ?Sun dhiiga! Mootonni sun wal rukutanii wal fixuun isaanii, dhugaa dha! Egaa yoona kaa booji'uu dhaquun, yaa Mo'aab!? jedhan.

24Garuu yeroo Mo'aabonni gara iddoo buufata Israa'el dhaqanitti, Israa'eloonni isaanitti ka'anii hamma isaan baqatanii sokkanitti duukuma bu'anii in rukutan; akkasitti Israa'eloonni biyyicha keessa lixanii Mo'aabota in fixan.

25Mandaroota balleessanii, maasiin gaggaariin hundinuu hamma dhagaadhaan uffifamutti adduma addaan dhagaa itti daddarbatanii, burqitoota hundumaa duuchanii mukkeetii gaggaarii ija godhatan hundumaas gad in ciran; mandara Qir-Haaressetti duwwaatu dhagaan ishee hin diigamin hafe; isuma immoo iyyuu loltoonni furrisaan dhagaa darbatanii itti marsanii in rukutan.

26Mootiin Mo'aab lolli kun akka isatti jabaate yommuu arge, namoota billaadhaan loluu danda'an dhibba torba fudhatee karaa mootii Edoom cabsatee ba'uuf in yaale; garuu isaanis hin dandeenye.

27Yommus inni ilma isaa isa angafa, isa silaa mootii ta'ee iddoo isaa bu'uuf ture fuudhee, qalma gubamu godhee dallaa mandarichaa irratti isa in dhi'eesse; kana irratti Israa'eloonni baay'ee na'anii deebi'anii gara biyya isaaniitti in galan*.

footer>