1Baras dubartoota raajotaa keessaa tokko gara Elsaa'i dhaqxee, ?Abbaan manaa koo, garbichi kee in du'e; inni Waaqayyoon akka sodaatu ati iyyuu beekta; amma garuu namni gatii isa irraa qabu tokko, ijoollee koo lamaan fudhatee garba godhachuuf dhufeera? jettee in iyyatte*.
2Elsaa'in deebisee, ?Attamitti si gargaaru ree? Wanta mana kee keessaa qabdu anatti himi!? jedheen; isheen immoo, ?Ani garbittiin kee dhadhaa ejersaa cuggee xinnoo tokko duwwaa malee, waan tokko illee mana koo keessaa hin qabu? jette*.
3Inni immoo, ?Ganda dhaqiitii olloota kee hundumaa biraa qodaa duwwaa muraasa utuu hin ta'in baay'isii ergifadhu!
4Kana booddee deebi'iitii ilmaan kee wajjin manatti ol gali balbala cufadhuutii dhadhicha ejersaa sana qoodicha hundumaatti naqi, yommuu inni guutu immoo jalaa fuudhii kaa'i!? jedhe.
5Isheen isa biraa yommuu deebite ilmaan ishee wajjin manatti galtee, balbala in cufatte; ilmaan ishee qoodicha in dhidhii'eessuuf, isheen immoo dhadhicha ejersaa itti in naqxi turte.
6Qodaawwan sun hundinuu yommuu gugguutaman ilma isheetiin, ?Qodaa duwwaa kan biraa anaaf fidi!? jette; inni immoo, ?Qodaa kan biraa duwwaan hin hafne? jedheen; yommus dhadhichi ejersaa sun yaa'uu in dhiise.
7Isheen kana irratti dhaqxee nama Waaqayyoo sanatti in himte; inni immoo, ?Dhaqiitii dhadhicha ejersaa gurgurii liqii kee baafadhu, isa irraa hafeen immoo atii fi ilmaan kee jiraachuu in dandeessu? jedhe.
8Gaaf tokko Elsaa'in gara mandara Shuneem in dhaqe; dubartiin soorettiin tokko achi turte; isheen akka inni mana isheetii buddeena nyaatuuf isa in giddisiifte; ergasii inni yeroo karaa sana darbu hundumaa buddeena nyaachuuf itti in gora ture.
9Dubartittiin abbaa manaa isheetiin, ?Namichi yeroo hundumaa karaa keenya darbu kun nama qulqullaa'aa, nama Waaqayyoo akka ta'e ani beeka;
10kanaaf bantii manaa irratti kutaa xinnoo ishee in ijaarraaf; isa keessas siree, gabatee, barcumaa fi ibsaa in keenyaaf; inni yeroo gara keenya dhufu hundumaatti achi keessa buufachuu in danda'a? jette.
11Gaaf tokko Elsaa'in achi goree kutaa bantii manaa irratti ijaarame sana keessa in buufate.
12Inni Gehaaz naa'oo isaatiin, ?Shuneemittii kana waami!? jedhe; yeroo inni ishee waamettis dhuftee fuula isaa dura in dhaabate.
13Inni immoo naa'oo isaatiin, ? ?Atoo hamma kana hundaa nuuf dadhabdeettaa, ani immoo maal siif godhu ree? Mootiitti yookiis ajajaa loltootaatti maal siif himu ree?? jedhii ishee gaafadhu!? jedhe; isheen deebifteefii, ?Ani saba koo gidduun jiraadha? jette.
14Elsaa'in, ?Maal isheef gochuu wayya ree?? jedhee in gaafate; Gehaaz immoo, ?Isheen ilma iyyuu hin qabdu, abbaan manaa ishee immoo dulloomeera? jedhe.
15Yommus Elsaa'in, ?Mee ishee waami!? jedhe; innis ishee waamnaan, dhuftee balbala dura in dhaabatte.
16Elsaa'in, ?Bara eger yowwana, kaasuutti ilma in baadhatta? jedheen; isheen garuu, ?Yaa gooftaa ko! Ati nama Waaqayyoo ti, waawuu, ana garbittii kee hin sossobin? jette*.
17Haa ta'u iyyuu malee, akkuma Elsaa'in isheetti himetti dubartittiin ulfooftee, waggaa inni isheetti dubbatetti ilma in deesse*.
18Mucichi erga guddatee, gaaf tokko gara abbaa isaa lafa warra midhaan haamanii in dhaqe.
19Mucichis, ?Yaa abbaye ko mataa koo! Mataa koo!? jedhee in iyye; abbaan isaa immoo hojjetoota isaa keessaa isa tokkoon, ?Mucaa koo kana baadhuutii gara haadha isaatti geessi!? jedhe.
20Hojjetaan sun mucicha baatee gara haadha isaatti erga geessee, mucichi hamma waareetti gudeeda haadha isaatii irra in taa'e; isa booddee garuu in du'e*.
21Yommus isheen gara bantii kutaa isa bantii manaa irraatti ol baatee, mucicha siree nama Waaqayyoo sana irra ciibsitee, balbala itti cuftee baatee in adeemte*.
22Achumaanis abbaa manaa ishee achi waamtee, ?Ariitiidhaanan gara nama Waaqayyoo dhaqee deebi'aatii, dargaggoota keessaa nama tokkoo fi harree as anaaf ergi!? jetteen.
23Inni immoo, ?Har'a guyyaa baatii haaraa yookiis sanbata miti, egaa maaliif gara isaa dhaqxa ree?? jedhe; isheen immoo, ?Nagaadhumaafan dhaqa? jette.
24Isheen harree fe'attee, dargaggeessichaan, ?Dura bu'ii beenu! Yoon sitti hime irraa kan hafe, suuta anaaf hin adeemin!? jette.
25Achumaan kaatee nama Waaqayyoo bira gara tulluu Qarmelos in dhaqxe; namni Waaqayyoo sun yeroo halaalatti ishee arge, Gehaaz naa'oo isaatiin, ?Ilaa, Shuneemittiin dhufaa jirti*;
26fiigichaan dhaqii ishee simadhuutii, ?Ati fayyaa dhaa?? jedhii gaafadhu!? jedheen; isheen immoo, ?Hundumtuu fayyaa dha? jetteen.
27Isheen tulluu irraa lafa namni Waaqayyoo sun jiru yommuu geesse, miilla isaatti in kufte; Gehaaz garuu isa irraa achi ishee butuuf gara isheetti in dhi'aate; namni Waaqayyoo sun immoo, ?Isheen rakkina jabaa keessa jirti; kanas Waaqayyo ana jalaa dhokse malee, anatti hin himne kanaaf ishee dhiisi!? jedhe.
28Yommus dubartittiin, nama Waaqayyootiin, ?Yaa gooftaa ko! Ani mucaa si kadhadheeraa ree? ?Ana hin sossobinis!? siin hin jennee ree?? jette*.
29Elsaa'in yommus Gehaaziin, ?Mudhii kee hidhadhu, ulee koo harkatti qabadhuutii ariitiidhaan beenu! Namni yoo sitti dhufe nagaa hin gaafatin! Yoo namni nagaa si gaafates deebii hin kenniniif! Yommuu achi geessus ulee koo fuula mucichaa irra kaa'i!? jedhe*.
30Haati mucichaa garuu, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, ani si dhiisee hin dhaqu!? jetteen; achumaan innis ka'ee ishee duukaa in dhaqe.
31Gehaaz isaan dura bu'ee dhaqee, ulicha fuula mucichaa irra in kaa'e; haa ta'u iyyuu malee, sagaleen yookiis sokoksaan hin turre; ergasii Elsaa'in simachuuf deebi'ee, ?Mucichi hin dammaqne? jedhee isatti in hime.
32Yeroo Elsaa'in dhufee manichatti ol lixe, mucichi du'ee reeffi isaa siree Elsaa'i irra in ciisa ture.
33Elsaa'in akkuma ol lixeen keessaan balbala cufatee Waaqayyoon in kadhate*.
34Kana booddee siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucichaa irra, ija isaa ija mucichaa irra, harka isaas harka mucichaa irra kaa'ee isa irra gad in ciise; akkuma inni mucicha irratti diriireen, dhagni mucichaa ho'uu in jalqabe.
35Elsaa'in isa irraa ol ka'ee, kutaa manichaa keessa asii fi achi erga adeemee booddee, ammoo siricha yaabbatee mucicha irra in diriire; mucichis si'a torba haxxifatee, ija isaa in banate*.
36Elsaa'in Gehaazin waamee, ?Shuneemittii kana waami!? jedhe; innis ishee in waame; isheen dhufnaan, ?Ilma kee fudhadhu!? jedheen*.
37Isheen yommus Elsaa'iidhaaf hamma lafa geessutti qoommaatee miilla isaatti in kufte; kana booddees ilma ishee fudhattee gad in baate.
38Bara biyyatti beelli bu'e Elsaa'in gara Giilgalitti in deebi'e; kutanni raajotaa fuula isaa dura taa'aa utuu jiranii yommus hojjetaa isaatiin, ?Xuwwee guddaa isaa ibidda irra kaa'ii, kutata raajotaa kanaaf ittoo tolchi!? jedhe.
39Kutata raajotaa sana keessaa tokko biqiltuu funaannachuuf ba'ee, waynii caakkaa argatee, isattii buqqee hadhooftuu uffata isaa guutuu ciratee, deebi'ee yeroo dhufe waliin isaa utuu hin beekamin murmuree xuwwee ittoo sanatti in naqe.
40Namoonni akka nyaataniif yeroo isaaniif baafametti, akkuma nyaachuu jalqabaniin, ?Yaa nama Waaqayyo! Xuwwicha keessa wanta nama ajjeesutu jira? jedhanii in iyyan; kanaaf jarri isa nyaachuu hin dandeenye.
41Kana irratti Elsaa'in, ?Daakuu muraasa fidaa!? jedhee, xuwwichatti naqee, ?Amma namoonni haa nyaatanii baasaafii!? jedhe; kana booddee xuwwicha keessatti wanti nama miidhu hin argamne.
42Guyyaa biraa immoo namni tokko nama Waaqayyootiif midhaan isa dura bilchaate irraa buddeena garbuu digdama, midhaan haaraa irraa immoo mataa isaa waa fidee Ba'aal-Shaaliishaadhaa in dhufe; Elsaa'in immoo, ?Jarri haa nyaatanii kenniif!? jedhe.
43Hojjetaan isaa garuu, ?Attamittan kana nama dhibbaaf dhi'eessuu danda'a?? jedhe; Elsaa'in immoo deebisee, ?Waaqayyo, ?Jarri in nyaatu, isaan irraas in hafa? waan jedheef, haa nyaatanii kenniif!? jedheen.
44Yommus hojjetaan isaa jaraaf in dhi'eesse; akkuma Waaqayyo jedhe, jarri in nyaatan, isaan irraas in hafe*.