Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 5:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Baras ?Na'amaan? kan jedhamu tokko abbaa duulaa mootii Sooriyaa ture; sababii Waaqayyo karaa isaa Sooriyaadhaaf mo'icha kenneef, inni gooftaa isaa duratti nama guddaa, ulfina-qabeessaa fi loltuu jabaa ture; garuu dhukkuba lamxii qaba ture.

2Kutanni loltoota Sooriyaa biyya Israa'el rukutanii yeroo saamanitti xomboree xinnoo tokko booji'anii turan; xomboreettiinis haadha manaa Na'amaaniif in kennamte.

3Gaaf tokko xomboreettiin giiftii isheetiin, ?Gooftaan koo gara raajicha isa Samaariyaa jiru utuu dhaqee, raajichi dhukkuba lamxii isaattii isa in fayyisa ture? jette.

4Yommus Na'amaan ol lixee, waan xomboreen biyya Israa'el jette gooftaa isaa mootichatti in hime.

5Mootiin Sooriyaas, ?Ani mootii Israa'eliif caaffata nan ergaa, ati amma ka'ii dhaqi!? jedheen; yommus Na'amaan meetii akka kiilo graamii dhibba sadii fi afurtamaa miijanu, warqee akka kiilo graamii torbaatamaa miijanuu fi uffata manaa guutuu kudhan harkatti qabatee in adeeme.

6Caaffanni inni gara mootii Israa'elitti fides, ?Kunoo, ani hojjetaa koo Na'amaanin dhukkuba lamxii isaattii akka isa fayyiftuuf caaffata kana itti kennee gara keetti ergeera? kan jedhu ture.

7Mootiin Israa'el caaffaticha yeroo dubbise, aaree uffata isaa tarsaasee, ?Ani Waaqayyoo dha moo? Ani ajjeesuu, deebisee jiraachisuus nan danda'aa ree? Namichi kun maaliif akkan isa fayyisuuf nama dhukkuba lamxii qabu anatti erga? Akka inni dubbii anatti barbaadu argituu?? jedhe*.

8Mootiin Israa'el aaree uffata isaa akka tarsaase Elsaa'in namni Waaqayyoo yommuu dhaga'e, ?Maaliif aartee uffata kee tarsaafte? Israa'el keessa raajiin akka jiru akka inni barutti namicha gara kootti ergi!? jedhee itti in dhaame.

9Yommus Na'amaan fardeen isaa fi konkolaataa isaa fudhatee dhaqee, balbala mana Elsaa'i dura in dhaabate.

10Elsaa'in nama itti ergee, ?Dhaqii laga Yordaanositti si'a torba dhiqadhu, foon kee deebi'ee in marga atis in qulloofta? jedheen.

11Na'amaan garuu aaree, ?Kunoo, inni dhugaadhumaan anatti gad ba'ee, dhaabatee maqaa Waaqayyo gooftaa isaa dha'ee, harka isaa lamxicha irra naannessee, dhukkuba lamxii kootii fayyisan se'e;

12lagoonni Damaasqoo Abaanaa fi Farphar bishaan laga Israa'el hundumaa irra in wayyu mitii ree? Anis isaanitti dhiqadhee hin qullaa'uun turee ree?? jedhee aaree deebi'ee in sokke.

13Hojjetoonni isaa garuu gara isaatti dhi'aatanii, ?Yaa abbaye, amma utuu raajichi waanuma guddaa tokko ?Hojjedhu!? siin jedhee iyyuu in hojjetta mitii? Egaa yoos ?Dhiqadhuutii qullaa'i!? siin jechuun isaa hammam haa salphatu ree?? jedhaniin.

14Kana irratti inni gad bu'ee, akkuma namni Waaqayyoo sun isatti himee turetti, Yordaanositti si'a torba in cuuphate; dhagni isaas deebi'ee qullaa'ee akka dhagna ijoollee xixinnoo ta'e*.

15Na'amaan namoota isa duukaa adeeman hundumaa wajjin gara nama Waaqayyootti deebi'ee, ?Kunoo, Waaqayyo guutummaa biyya lafaa keessaa biyya Israa'el keessa duwwaa malee, iddoo tokko illee akka hin jirre ani amma nan beeka; hadaraa harka-fuudhaa kana ana garbicha kee harkaa fudhadhu!? jedhe.

16Raajichi garuu, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa ani hojjedhuufii ti, ani waan tokko iyyuu hin fudhadhu? jedhe; Na'amaan akka inni fudhatuuf yoo isa giddisiise iyyuu, inni fudhachuu in dide.

17Ammoo Na'amaan, ?Kennaa kana yoo fudhachuu didde iyyuu, ani Waaqayyo duwwaadhaaf malee, waaqayyolii biraatiif qalma gubamu, aarsaas deebi'ee waanan hin dhi'eessineef, hadaraa biyyoon fe'iisi harree lamaa ana garbicha keetiif haa kennamu!

18Gooftaan koo sagaduuf galma Rimoonitti yommuu ol lixu irree koo qabatee waan sagaduuf, isa kana Waaqayyo ana garbicha keetti hin lakkaa'in! Akkasuma ani galma Rimoon keessatti sagaduun koo waan hin oolleef, isa kanas Waaqayyo ana garbicha keetiif haa dhiisu!? jedhe.

19Elsaa'in, ?Nagaadhaan dhaqi!? jedheen; Na'amaan achii ba'ee xinnoo ishee erga adeemee booddee,

20ergasii Gehaaz naa'oon Elsaa'i nama Waaqayyoo, ?Kunoo gooftaan koo wanta Na'amaan Sooriyaanichi fide harkaa fudhachuu didee akkasumatti gad isa dhiise; dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, ani amma isa duukaa bu'ee waa isa irraa nan fudhadha? jedhe.

21Ka'ees ariitiidhaan Na'amaanin in hordofe; Na'amaan immoo namni tokko gara isaatti akka fiigu yommuu arge, isa simachuudhaaf konkolaataa irraa bu'ee, ?Nagumaa?? jedhee in gaafate.

22Gehaaz immoo, ?Hundumtuu nagaa dha, gooftaa kootu, ?Kutata raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa isa kan Efreemii gara koo waan dhufaniif, hadaraa meetii akka kiilo graamii soddomii afur miijanuu fi uffata manaa guutuu lama isaaniif kenni? jedhee na erge? jedheen.

23Na'amaan immoo, ?Maaloo! Akka meetii kiilo graamii jaatamii saddeetii iyyuu fudhadhu!? jedhee isa in giddisiise; meetichas korojoo lama keessa buusee hidhee, uffata manaa guutuu lamaa wajjin dargaggoota isaa keessaa nama lamatti in kenneef; isaanis baatanii Gehaaz dura in bu'an.

24Gaaricha bira yommuu ga'e ba'icha jara harkaa fuudhee, mana keessa kaa'ee jara immoo gad in dhiise, isaanis in adeeman.

25Gehaaz ergasii ol lixee, Elsaa'i gooftaa isaa dura in dhaabate; Elsaa'in, ?Gehaaz! Eessa turte?? jedhee in gaafate; inni immoo deebisee, ?Ani garbichi kee eessa iyyuu hin dhaqne? jedhe.

26Elsaa'in garuu, ?Yeroo namichi si simachuuf konkolaataa isaa irraa bu'e, ani hafuuraan achi hin turree ree? Yeroon kun yeroo meetii, uffata, muka ejersaa, iddoo dhaabaa waynii, bushaayee fi saawwan, hojjetaa fi hojjettuu fudhatanii dhaa ree?

27Kanaafis kunoo, lamxiin Na'amaan bara baraan sitti, sanyii keettis in qabata? jedhe; inni kana irratti lamxi'amee adii akka booralee ta'ee, fuula isaa duraa in adeeme.

footer>