Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 7:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Elsaa'in, ?Dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Waaqayyo, ?Bor yowwana karra Samaariyaa duratti daakuun ba'eessi akki kiiloo torbaa fi walakkaa meetii tokkotti, garbuun akki kiiloo kudha shaniis meetii tokkotti in gurguramu? jedha? jedhe.

2Ajajaan duulaa inni mootichaaf ergamu Elsaa'i nama Waaqayyoo sanaaf deebisee, ?Amma utuma Waaqayyo ittisa bantii waaqaa banee iyyuu wanti kun in ta'aa ree?? jedhe; Elsaa'in immoo, ?Ija keetiin in argita, garuu isa keessaa waan tokko illee hin nyaattu!? jedheen*.

3Karra mandarichaa dura namoota dhukkuba lamxii qaban afurtu ture; isaan walii isaaniitiin, ?Maaliif hamma dhumnutti as teenya*?

4Nuyi, ?Gara mandarichaa dhaqna? yoo jenne, achi beelli waan jiruuf in dhumna; yoo asitti hafnes in dhumna waan ta'eef, yoo nu baraaran in jiraanna, yoo nu ajjeesanis inuma dhumna, kottaa gara buufata warra Sooriyaa dhaqnee of in kennina? jedhanii,

5gara buufata Sooriyaa dhaquudhaaf dimimmisa galgalaa in ka'an; yeroo daarii buufata Sooriyaa ga'an garuu namni tokko illee achi hin turre.

6Loltoonni Sooriyaa sagalee konkolaattotaa, sagalee fardeenii fi sagalee loltoota baay'ee akka dhaga'an Waaqayyo waan godheef, walii isaaniitiin, ?Mootiin Heetotaa fi mootiin Gibxii akka nu rukutaniif mootiin Israa'el nutti bituu isaa ilaalaa!? jedhan.

7Kanaaf dimimmisa galgalaa ka'anii in sokkan; dunkaanota isaanii, fardeen isaanii fi harroota isaanii, buufata isaaniis akkuma jiranitti dhiisanii, lubbuu isaaniitiin jalaa in ba'an.

8Jarreen dhukkuba lamxii qaban sun gara daarii buufatichaa dhufanii, dunkaana tokkotti ol galanii nyaatanii dhuganii, kana booddees meetii, warqee fi uffata fudhatanii dhaqanii in dhokfatan; ammoo deebi'anii dunkaana isa tokkotti ol galanii achi keessaas immoo fudhatanii dhaqanii in dhokfatan.

9Kana booddee walii isaaniitiin, ?Guyyichi guyyaa itti misraachoo himan waan ta'eef, nuyi har'a calluma jechuun keenya waan gaarii hin hojjenne; hamma lafti bari'utti yoo turre, adabni nu argata; kanaaf kottaa ammuma gara mana mootummaa dhaqnee in himna!? jedhan.

10Achumaanis dhaqanii eegdota karra mandarichaa waamanii, ?Gara buufata loltoota Sooriyaa dhaqnee turre; kunoo fardeenii fi harroonni hidhamanii akkasumas dunkaanonni akkuma dhaabamanii jiranitti argine malee, namni tokko illee achi hin turre, sagaleen namaas hin dhaga'amu ture? jedhanii itti in himan.

11Karra eegdonni sun immoo sagalee isaanii ol fudhatanii dubbicha warra mana mootummaa keessa jiranitti in himan.

12Mootichi halkaniin ka'ee hojjetoota isaa warra gurguddootaan, ?Wanta warri Sooriyaa nu irratti hojjetan isinittan hima akka nuyi beelofne sababii beekaniif, ?Mandaricha keessaa yeroo isaan gad ba'an, jiraatti isaan boojinee mandarichatti ol galla? jedhanii waan yaadaniif diida dhokachuuf buufata keessaa ba'anii adeeman? jedhe.

13Hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa tokko deebisee, ?Isaan as keessatti yoo hafanis akkuma tuuta namoota Israa'el warra kanaan dura dhumanii ta'uun isaanii waan hin oolleef, namoonni muraasi fardeen asitti hafan kana keessaa shan fudhatanii dhaqanii akka hubataniif erginee in ilaalla!? jedhe.

14Kana irratti isaan jarreen tokko fo'anii mootichatti in dhi'eessan; mootichis warri fo'aman sun konkolaataa lama fardeenii wajjin fudhatanii dhaqanii loltoonni Sooriyaa attam akka ta'an akka hubataniif isaan in erge.

15Isaanis loltoota Sooriyaa hamma Yordaanositti yommuu hordofan, karaan loltoonni sun yeroo baqatan irra ba'an uffataa fi mi'a isa harcaasaniin guutee in argan; warri ergamanis deebi'anii kana mootichatti in himan.

16Yommus namoonni Samaariyaa ba'anii buufata loltoota Sooriyaa in saaman; Waaqayyo akkuma dubbate, daakuun ba'eessi akki kiiloo torbaa fi walakkaa meetii tokkotti, garbuun akki kiiloo kudha shaniis meetii tokkotti in gurguraman.

17Mootichi kana booddee ajajaa duulaa isa isaaf ergamu karra mandarichaa irratti akka abboomuuf aboo in kenneef; namoonni garuu karricha keessatti isa irra in yaa'an; ajajaan sun in du'e; kunis akkuma Elsaa'in namni Waaqayyoo yeroo mootichi gara isaatti gad bu'e dubbatee turetti in raawwatame.

18Akkasumas namni Waaqayyoo sun, ?Bor yowwana karra Samaariyaa duratti daakuun ba'eessi akki kiiloo torbaa fi walakkaa meetii tokkotti, garbuun akki kiiloo kudha shaniis meetii tokkotti in gurguramu? jedhee, mootichatti kan inni dubbate in raawwatame.

19Ajajaan duulaa sun nama Waaqayyootiif deebisee, ?Amma utuma Waaqayyo ittisa bantii waaqaa banee iyyuu wanti kun in ta'aa ree?? jedhee ture; Elsaa'in immoo, ?Ija keetiin in argita, garuu isa keessaa waan tokko illee hin nyaattu!? ittiin jedhee ture*.

20Kun immoo yeroo namoonni karra mandarichaa keessatti isa irra yaa'anii isa ajjeesan isa irratti raawwatame.

footer>