Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 8:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Elsaa'in, dubartii ishee ilma ishee lubbuu itti deebisee jiraachiseefiin, ?Beelli waggaa torba turu biyyicha irratti akka dhufu Waaqayyo waan dubbateef, ka'ii maatii kee wajjin hamma yerootti iddoo turuu dandeessu dhaqi!? jedhe*.

2Achumaanis dubartittiin kaatee maatii ishee wajjin gara biyya Filisxeemotaa dhaqxee waggaa torba achi in teesse; kanaanis isheen wanta namni Waaqayyoo isheetti dubbate in raawwatte.

3Waggoonni torban sun yommuu raawwataman dubartittiin biyya Filisxeemotaatii deebitee, waa'ee mana ishee fi waa'ee maasii ishee mootichatti iyyaa gara isaa in dhaqxe.

4Yommus mootichi Gehaaz naa'oo nama Waaqayyoo wajjin dubbatee, ?Wanta gurguddaa Elsaa'in hojjete hundumaa anatti himi!? in jedhaanis ture.

5Gehaaz immoo deebisee, Elsaa'in warra du'anitti lubbuu deebisee jiraachisaa akka ture mootichatti himaa utuu jiru, dubartittiin isheen Elsaa'in ilma ishee lubbuu itti deebisee jiraachiseef waa'ee mana ishee fi waa'ee maasii ishee mootichatti iyyachuuf in dhufte; yommus Gehaaz, ?Yaa gooftaa ko! Yaa mootii! Dubartittiin ishee kana, ilmi ishee inni Elsaa'in lubbuu itti deebisee jiraachiseef isa kana? jedhe.

6Mootichi waa'ee dubbichaa dubartittii in gaafate; isheenis isatti in himte; inni immoo waa'ee dubbii isheetii kanaaf hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa isa tokkoon, ?Waan isheen qabdu, erga isheen adeemtee kaasee hamma ammaatti bu'aa lafa ishee irraa argame hundumaa wajjin deebisii kenniif!? jedhee in abboome.

7Yeroo Ben-Hadaad mootiin Sooriyaa dhukkubsatetti Elsaa'in gara Damaasqoo in dhaqe; Elsaa'in namni Waaqayyoo karaa kana hundumaa kutee dhufuun isaa mootichatti in himame.

8Mootichi yommus Hazaa'eliin, ?Kennaa geessii dhaqiitii nama Waaqayyoo simadhu! Dhukkuba kanattiis nan fayya yoon ta'e, karaa isaa Waaqayyoon anaaf gaafadhu!? jedhe*.

9Hazaa'elis mi'a gaggaarii kennaadhaaf ta'u Damaasqoo keessaa fe'isa gaala afurtamaa fuudhee, Elsaa'in simachuu in dhaqe; inni ol lixee Elsaa'i dura dhaabatee, ?Ilmi kee Ben-Hadaad, mootiin Sooriyaa, dhukkuba kanattii in fayyaa fi hin fayyuu isaa akkan isaaf gaafadhuuf gara keetti na ergeera? jedhe.

10Elsaa'in immoo, ?Waaqayyo illee dhuguma akka inni du'u anatti mul'iseera, ati garuu dhaqiitii ?In fayyita? jedhiin!? jedhee in deebiseef.

11Namni Waaqayyoo sun hamma Hazaa'el yeella'utti ija irraa buqqifachuu dhiisee ilaalaa erga turee booddee in boo'e*.

12Yommus Hazaa'el, ?Yaa gooftaa ko maaliif boossa?? jedhe; inni immoo, ?Wanta hamaa ati Israa'eloota irratti hojjechuuf jirtu waanan beekuufan boo'a; masaraa isaaniitti ibidda in naqxa, dargaggoota isaanii billaadhaan in fixxa, mucoolii isaanii lafatti in bubburuqsita, dubartoota isaanii warra ulfas garaa in tatarsaafta? jedheen*.

13Hazaa'el garuu, ?Ani garbichi kee'oo hamma saree tokkoo tii, attamittan waan guddaa akkasii hojjechuu danda'a ree?? jedhe; Elsaa'in immoo, ?Ati mootii Sooriyaa akka taatu Waaqayyo anatti mul'iseera? jedheen*.

14Hazaa'el ergasii Elsaa'i biraa deebi'ee gara Ben-Hadaad gooftaa isaa in dhaqe; yeroo sanatti gooftaan isaas, ?Elsaa'in maal sitti hime?? jedhee isa in gaafate; Hazaa'el immoo deebisee, ?Ati dhuguma akka fayyitu anatti hime? jedheen.

15Borumtaa isaa Hazaa'el uffata furdaa tokko fuudhee, bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa irra buusee ittiin isa in ukkaamse; kana irratti mootichi in du'e, Hazaa'el immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

16Yoraam ilmi Ahaab Israa'el irratti mootii ta'ee waggaa shanaffaatti Yehoraam ilmi Yoshaafaax utuma abbaan isaa jiruu mootii Yihudaa ta'ee mo'uu in jalqabe.

17Inni dhalatee waggaa soddomii lamatti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet in mo'e.

18Yehoraam intala Ahaab waan fuudheef, akkuma sanyii Ahaab fakkeenya hojii mootota Israa'el duukaa bu'ee, Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

19Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo garbicha isaa Daawitiif jedhee, Yihudaa balleessuu hin barbaanne; inni Daawitiif, sanyii isaatiifis bara baraan kan ibsu akka kennuuf abdachiiseera*.

20Bara mootummaa Yehoraam keessa Edoom Yihudaa irraa cabsattee, Yihudaa loltee mootummaa ofii isheetii in dhaabbatte*.

21Kana irratti Yehoraam konkolaattota isaa hundumaa fudhatee gara Saa'iir dhaqee, utuma warri Edoom isaa fi ajajjuuwwan konkolaattota isaa marsanii jiranii halkaniin ka'ee rukutee isaan in mo'e; warri hafan garuu gara godoo godoo isaaniitti in baqatan.

22Warri Edoom garuu hamma har'aatti iyyuu akkuma Yihudaa irraa cabsatanitti jiru; namoonni mandara Liibnaas baruma sana keessa isa irraa in cabsatan.

23Waa'een Yehoraam inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree?

24Yehoraam du'ee mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Ahaaziyaan ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.

25Yoraam ilmi Ahaab Israa'el irratti mo'ee waggaa kudha lammaffaa isaatti Ahaaziyaan ilmi Yehoraam biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e.

26Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaa intala Ahaab Omrii mootii Israa'el turte*.

27Inni Ahaabitti soddoomee waan tureef, hojii sanyii Ahaab duukaa bu'ee, akkuma isaa Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

28Ahaaziyaan yommus Yoraam ilma Ahaabii wajjin Hazaa'el mootii Sooriyaa loluudhaaf gara Raamoot-Giil'aad in dhaqe; warri Sooriyaa garuu Yoraamin rukutanii in madeessan*.

29Ergasii Yoraam mootichi madaa isa utuu inni Hazaa'el mootii Sooriyaa wajjin wal loluu Raamootitti loltoonni Sooriyaa isa madeessan sanattii fayyuuf gara mandara Yizre'elitti in deebi'e; kana booddee Ahaaziyaan ilmi Yehoraam mootii Yihudaa rukutamee waan madaa'eef, isa dubbisuuf gara Yizre'elitti gad in bu'e*.

footer>